Itoophiyaa dhufee kan ture dursaan garee godaantotarra duulanii Afrikaa Kibbaatti hidhame

Operation Dudula leader Nhlanhla Lux Dlamini gerstures as he arrives for their Soweto Revival Launch at Diepkloof Extreme Park in Soweto on February 27, 2022

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaa Oppireeshinii Dudulaa - Nhlanhla 'Lux' Dlamini
Maxxanfame

Afrikaa Kibbaatti dursaan duula jibba lammiilee biyya alaarratti taasifamu hoogganu, magaalaa daldalaa biyyattii kan taate Johaanisbarg keessatti to'annoo jala oole.

Namni umrii waggaa 33 Nihlaanhilaa 'Laaks' Dilaamiinii jedhamu kun, garee baqattoota biyya biraatii gara Afrikaa Kibbaa seenan adda fooyee haleelu kan dursu yoo ta'u, inni maaliif akka to'annoo poolisii jala oole garuu sirriitti hin baramne.

Namni kun ji'oota dura gara Itoophiyaa imaluun wayita sana xiyyeeffannoo miidiyaalee hedduu ta'ee ture, buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Booleettis simannaan taasifameefii ture.

Miidiyaaleen akka waan Dilaamiiniin qabsaa'aa tokkummaa Afrikaa, fi dursaa hawaasa Afrikaa Kibbaa ta'etti, akkasumas ammoo yeroo inni gara Itoophiyaa imaletti duula #NoMore mata-duree jedhuun gaggeeffamaa ture deeggaruuf Finfinnee seene jechuun gabaasaa turan.

Namni kun garee 'Oppireeshin Dudulaa' jedhamu kan hoogganu yoo ta'u, lammiilee alaa waraqaa eeyyama jireenya seera qabeessa ta'e hin qabne akka Afrikaa Kibbaa keessaa ari'aman kan socho'uudha.

Wayita poolisootaan qabamee gara waajjira poolisii deemaa turetti gaazexeessitootaan ''Adeemsi seeraa akka raawwatu fedhii kooti,'' jedheen.

Dilaamiiniin sababa isaatiin namoota garee isaa keessa jiranitti tarkaanfii tokkollee akka hin fudhatamne gaafateera.

TV'n mootummaa Afrikaa Kibbaa miseensota garee kanaa kaan wabeeffachuun akka gabaasetti, Dilaamiiniin har'a mana murtiitti dhiyaata jedhanii eegaa turan.

Gareen faallaa baqattootaa dhaabbatu kun, lammiilee biyyattii ''dagatamneerra'' jechuun komii dhiyeessan biratti fudhatamnii fi jaalalli inni qabu dabalaa dhufeera.

Haata'u malee sochiin garee kaan, haleellaan lammiilee biyyoota alaatii dhufanii Afrikaa Kibbaa keessa jiraatanirratti akka banamuuf karaa saaqa jedhamee sodaatama.

BBCn tibbana lammiilee Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan dubbisuun akka gabaasetti, gareen kun nageeyummaa isaanii yaaddoo keessa galcheera.

Shutters are closed as disgruntled South African job seekers belonging to the anti-foreigners movement called "Operation Dudula" sing slogans and dance while marching through Alexandra township, on March 7, 2022.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Daldaltoonni garii hokkorri kahuu mala jechuun suuqiisaanii cufachaa turan

Oppireeshin Dudula'n maali?

Gareen kun lammiilee biyyoota alaa seeraan ala biyyattii galaniifi ragaa hinqabne irratti duulaa kan jiran oggaa tahu, deeggarsas argachaa jiru.

Duulli jara kanaa haleellaa lammiilee biyyoota biraa (xenophobic) amma dura uumamee ture, irra deebiin akka hin kaasne sodaatamaa jira.

Dudula'n jecha Zuuluu ''achi dhiibuu'' yookaan ''garas deebisuu'' akka jechuuti - kanaanis maal akka barbaadan baruu dandeenya.

Gareen Operation Dudula jedhamu kun bakka Soweto jedhamu keessa qubata.

Gareen nama ganna 33 Nhlanhla Lux Dlamini jedhamuun hundeeffame kun kan gurra horate, wayita jiraattonni Soweetoo duula ''qulqulleessuu'' jedhuun daandii gubbaatti bahuun imalan ture.

Xiyyeeffannoon isaaniis kanneen qoricha sammuu adoochu daddabarsuun kanneen shakkamaniifi manneen mootummaa keessa seeraan ala kanneen jiraatan irratti ture.

Fedhiin garee kanaa garuu asirratti hin dhaabbanne.

Miseensonni garee kanaa lammiileen biyyoota biroo suuqii qaban, daldalasaanii cufuun biyyaa akka bahan fedhu.

Anga'oonni akka jedhanitti, dhimmichi bakka muraasatti waan mudate malee, dhimma akkaan babal'ate miti.