Paatiriyaarkiin Bataskaan Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa 4ffaa du’an boqotan

Qulqulluu Abuune Marqoriyoos

Madda suuraa, EOC

Maxxanfame

Paatiriyaarkiin Bataskaan Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa 4ffaa Qulqulluu Abuune Marqoriyoos du’aan addunyaa kana irraa boqotan.

Qulqulluu Abuune Marqooriyoos dhibee fayyaa torbanoota muraasa dura isaan mudateen hospitaala galanii wallaansi taasifamaafiif tureera.

A L I bara 1980 Paatiriyaarkii 4ffaa ta’anii kan muuaman Qulqulluu Abuune Marqooriyoos, dhiibbaa siyaasaa isaan mudate irraa kan ka’een teessoo isaanii gadi dhiisanii biyyaa bahuudhaan baqattummaatiin biyya Ameerikaa waggoota baayyeetiif turaniiru.

Du’aan boqochuun Paatiriyaarkichaa dhaga’amuu hordofee namoonni baayyeen gadda isaanii ibsachaa jiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad, “du’aan boqochuu isaanii dhaga’uu kootti gaddi natti dhaga’ameera,” jedhaniiru.

“Sinoodosoonni lamaan addaan bahanii turan tokko akka ta’aniif Qulqulluu [Marqooriyoos] gahee murteessaa bahachuu isaanii nan yaadadha.

Wanta jiru mara qalbiin ilaaluun biyya isaanii kadhannaatiin gargaaraa turaniiru. Yeroo akkasii kana keessa isaaniin dhabuun miidhaa guddaadha. Hunda keenyaaf jajjabinan hawwa,” jedhan Ministirri Muummee Abiy (PhD).

Ququlluu Abuune Marqooriyoos Paatiriyaarkii Bataaskaana Ortodoksii Tewaahodoo Itoophiyaa 4ffaa ta'anii kan muudaman A L I Hagayya 29, bara 1980 keessa yoo ta'u, Itoophiyaa keessatti teessoo isaaniirra kan turan waggoota sadiif qofaadha.

Mootummaan Dargii kufee ADWUIn yeroo biyyattii to'atetti ji'oota muraasaan booda mootummaa haaraa irraa dhiibbaa siyaasaa isaan mudateeru jedhameen teessoo isaanii gadi dhiisanii A L I Hagayya 28 bara 1983 keessa bayyii baqachuun isaanii ni yaadatama.

Abuune Marqooriyoos waggoota 26f Ameerikaa kan turan yoo ta'u, Sinoodosii Bataskaanittii biyya sana ture gaggeessaa turan.

Erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) gara aangootti dhufanii booda yaalii araaraa taasisaniin, A L I Adoolessa 25 bara 2010 gara biyya isaaniitti deebiyuun isaanii ni yaadatama.