Bataskaanni Ortodoksii Eritraa paatiriyaarkii haaraa muudde

Mudamichi wayita gageeffameetti

Madda suuraa, Yemane G. Meskel

Maxxanfame

Bataskaanni Ortdoksii Eriraa paatiriyaarikiin ishee duraanii mana hidhaatti jalaa hafnaan paatriyaarikii haaraa mudde.

Abuna Qoreeloos sirna muudamaa magaalaa guddiittii Ertiraa Asmaraatti Dilbata kaleessaa gaggeeffameen paatiriyaarikii 5ffaa ta'uun dibamaniiru.

Qeeqxoonni ammoo bataskaanni Ortodoksii paatiriyaarkiin duraa osoo lubbuun jiranuu haaraa muuduun hin hayyamamuu jechuun balaalleefatu.

Abuna Antooniyoos hanga bara 2006 yeroo itti ilaalcha amantaa Ortodoksiin faallaa ta'e gaggeessu jedhamuun himatamaniitti waldittii hoogganaa turan.

Isaanis yeroo dheeraaf mootummaa Isaayisiin qeeqaa waan turaniif waggoota 15f hidhaa manaa keessa keessa akka turan taasifaman.

Adooleessa 2019 keessa ammoo, miseensoonni duree amantaa Bataskaana Ortodoksii paatiriyaarikicha kaasuun hordoftoonni amantichaas 'gonkumaa beekkamtii akka hin kenniineefi maqaasaaniis akka hin kaafneef' ajajan.

Miseensummaa bataskaanichaa keessaa haqaman illeen, dureewwan waldichaa dallaa bataskaanaa keessa jiraachu itti fufuu ni danda'a jedhanii ture.

Eritiraatti amantaa akka Ortodoksii, Warra Wangeelaa Lutiraanii, Waldoota Kaatoliikii akkasumas Islaama Sunnii qofaatu jiraachuuf hayyamama.

Eritraan kana dura dhiibbaa amantaan wal qabaatan taasisuun himatamaa turte.

Motummaa Ertiraa gama isaatiin waldaalee Pirotestaantiifi Kiristaanoota Wangeelaa meeshaalee motummoota biyya allaatii jedhuun himata.

Komishiniin US Bilisummaa Amantaawwan Idil-Addunyaa (USCIRE)n gabaasa Ebla keessa baasee tureen, sababii bilisummaa amantaa garmalee sarbuun Isteet Dippaartimentiin biyyatti Ertiraa akka biyyaa Yaaddoo Addaa (CPC)tti adda baasee ilaalu himee ture.

Isaayaas Afawarqii erga biyyattiin bara 1993tti Itoophiyaarraa walabummaa ishee labsitee kaasee, filannoo fi paarlaamaa tokko malee akkasumas wixinee heera motummaa gonkumaa hojiirra hinolfamneen biyyatti bulchaa jiru.