Nama sirna awwaalcha namoota kumaatamaa raawwateef duuti maalidha?

Maxxanfame

Lafa kana irratti wantota nama naasisaniifi nama sodaachisan keessaa tokko du'adha. Du'a ofii isaanii caalaa namoonni nama jaallatan dhabuun isaan jeequis hedduudha.

Bara ammaa kana heddummaatee gurri dhaga'uun baramaa waan dhufeef malee, duuti yeroo hunda rifaasisaadha. Yeroo hundas haaraadha.

Kun ammoo seenaa nama baayyee du'a sodaatu Aggaafaarii Indashaaw nama yaadachiisa. Aggaafaarii Indashaaw eenyudha jechuun keessan hin oolu.

Aggaafaarii Indashaaw kitaaba asoosamaa Sibihaat G/Igzihabiher barreesse keessatti uumee miira baayyeen keenya du'aaf qabnu ta'ee dhiyaatedha. Seenaan asoosmaa kun kitaaba 'Amist Sidist Sabaat' jedhu keessatti barreeffameera.

Barreeffamicha keessatti Aggaafaarii Indashaaw uumee namaa du'a jalaa ba'uudhaaf ykn miliquudhaaf kufee ka'u ta'ee dhiyaata.

Du'a jalaa ba'uudhaaf garuu ni danda'amaa?

Addaam Rattaa barreessaan jedhamu kitaaba isaa 'Itemmeetee Ye Loomii Shittaa' jedhuun waa'ee uumee [Aggaafaarii Indashaaw] kana ilaalchisuun yaadaan Sibihaat G/Igzaabiheer dubbisee ture.

Sibihaatis yaadaan deebii yoo kennuu akkas jedhee ture, ''Hojiin ilmaan namaa du'a baqachuudha. Anis seenaa nama du'a baqatuun barreessaa jira. Namni kan umamee du'aaf. Dhumni isaa yeroo hunda du'a. Yaaliin du'a jalaa baqachuusaa ni barraa'a. Namni yeroo garaa garaatti malawwan adda addaatiin du'a jalaa miliqa.''

"Yaaliiwwan jireenyaa adda addaatu jira. Kaan jaalala malee jiraata. Kaan ammoo kaan ajjeessuu ykn kaan balleessuuf baree baayyee jiraachu barbaada. Kaan ammoo calisee bara dheeraaf jiraachu barbaada.

Kaan ammoo jiraachuuf Waaqa kadhata. Kaan ammoo du'a mo'achuuf waan gaarii sooratee waan gaarii dhuga...''

Jiraataan Magaalaa Dassee Abduu Faaxee ammoo namoonni waliin tabataa turan akka tasaatti yoo du'an argu dubbatu. Akkasumas kanneen du'aaf beelama qabachuu ''harra bira hin darbu'' jedhanis wayita du'aan boqatan arganiiru. Kanneen akkuma tasaa bakkuma bahaniitti hafanis akkasuma isaan mudateera.

''Nagaan nu bulchi'' jedhanii akkuma rafaniitti kan hafan akkuma jiran hunda, kanneen ofiin of ajjeessanis jiru.

Abduu carraaqqii du'aa kanneen hunda nama taajjabaniidha. Abduun du'a akka taatee jireenyaa gara biraa namoota waliin dhalateetti ilaalu.

''Du'uutii numa waliin jira. Yoom akka nu mo'atu sirriitti hinbeekne malee,'' jedhu. Kanaafuu dhimmi du'aa baayyee isaan hin naasiisu.

Dhugaattis Abduun haadhasaanii waliin akka hirriyaatti waliitti siqu waan tureef wayita jalaa du'anitti baayyee nahanii ture.

Sababiidhuma haatiisaa baayyee jaallattuuf jecha ture jiraattonni naannichaa Abduu Faaxee jechuun kan isa waaman. Maqaan isaanii siriin garuu Abduu Kamaal jedhama.

''Dhimmi du'a naasiisaa taasisu walitti dhufeenya nuti nama sana waliin qabnuudha,'' jedhu Abduun. Abduun erga haadhasaanii du'aan dhabaniin booda garuu akka isa duraatti du'aaf nahanii hin beekan.

Yoo akka du'an sirriitti beeku baatanilleen ''Yeroo hunda qophaa'een du'a eeggataa jira,'' jedhu.

Abduun magaalaa Dasee kan jiraatan yoo ta'u, kan beekamanis namoota balaan du'aniifi kanneen nama isaan awwaalu hin qabne awwaluun beekamu.

Godoo xiqqoo keessa jiraatanii keessatti qabeenyaan horatan hin jiru. Garuu meeshaan ittiin reeffa baatan, kan ittiin boolla qotaniifi meeshaaleen ittiin awwalchi raawwatamu yeroo hundaa qopheessanii olkaawwatu.

Uffata reeffaalleen kan dhiiraa, kan dubartii ykn kan Kiristaanaafi kan Islaamaa jechuun qopheessanii kaawwatu. Meeshaalee kanneenis arjoomtoota irraa argatu.

Abduun amantaasaanii Islaamaa ta'ulleen, sirna awwaalchaa kan raawwataniif garuu kanneen hordooftoota amantaa biraatiifis.

Sirnoota tibba awwalchaa raawwatanis amantaa isaanitiin barataniiru. Kanneen hordooftoota amantaa biraa wayita awwaalanitti ammoo nama amantaa sanarraa ta'e waliin ta'uun awwaalu.

Magaalattii keessatti hojii kanaan beekamu.

Namoonni taatee wayitiin lubbunsaanii darbeefi kan awwaalu yoo dhabame bilbilli kan bilbilamu gara mana qopheessaa magaalaaf osoo hintaane gara Abduutti. Isaan booda kaasuun hundaa haaluma amantaa isaaniitti awwalu.

Attamiin hojii tola-oltummaa kana eegalanii?

Abduun amma nama wagga 50ti. Erga hojii kana eegalanis gara waggaa baayyee ta'eera. ALI bara 1988 keessa hiriyaan isaanii tokko du'ee nama isa awwaalu dhabe.

''Akkuma loltummaa biyyaaleessaa irraa deebiineen hiriyaan koo tokko balaa konkolaataan du'e. Kan isa awwalus dhibe. Anis boru biyyoodhaa attamiin nama isa awwaalu dhaba jedheen gaddi natti dhagahame,'' jechuun waan yeroo sana mudate yoo yaadatan.

Yeroo sanattis haala sirni awwalchaa itti raawwatamus ta'e meeshaa awwalcha raawwachuuf barbaachisu hin beekan ture.

Sababii kanaan reeffi hiriyaasaanii osoo hin awwaalamiin bule. Barii isaa garuu waan barbaachisuu raawwachuun akkuma ta'eetti awwaalan.

Eggaan taatee sanirraa kaasuun kan hojii tola oltummaa kana raawwachuuf waadaa kan ofii galan.

Yeroo Sanaa kaasee namoota isaan awwaluu hinqabnee fedhiidhumaan kaasuu awwaluu hojiidhuma isaanii godhachun itti fufan.

''Hanga ammaattis sirna awwaalcha namoota 4,000 olii raawwadheera,'' jedhu. Wayita sirna awwalchaa kana raawwatanittis jiraattoonni naannichaa akka isaan gargaaran ni dubbatu.

"Duutii gaddisiisaadha. Keessattuu gara jalqabaatti waan hanga namaa gahuu tokko akka laayyootti gatanii galuun cimaadha. Garuu hojii kiyyatti gammachuun argadha. Kan kana caalaa nama gammachiisuus hin jiru,'' jedhu Abduun.

Tarree namoota sirna awwaalchaasaanii raawwataniis galmeessuun qabatu. Kanas kan raawwatan tarii yoo miseensoonni maatii nama du'ee turanii dhagahan jiraata reeffasaanii baasuun bakka barbaadaniitti awwalachuu kan barbaadan yoo ta'e jechuun yaaduun akka ta'e himu.

Abduudhaaf duuti maali?

Namaa haala jireenyaa isaa qofaa miti kan isa dhiphisu. Akkaataan du’aafi awwaalcha isaallee isa dhiphisa. Kadhannaan ‘galgalakoo bareechi, awwaalcha nan dhoowwiin’ jedhu hawaasa biratti baratamaadha.

Akkaataa aadaafi amantiin sirni awwaalchaa gaggeeffamuun immoo akka kabajaatti ilaalama. Abduullee kanatu du’a caala isaan yaaddeesa.

''Duuti yeroo hundaa akka jirtu nan beeka. Yeroon taa’e ka’u, yeroon deemus duuti akka jirtu beeka. Kafana of cinaa kaa’een rafa, Namni hunduu ni du’a. Homaa hin sodaadhu. Abbaa dabareeti, dabaree kootiin akka du’u beeka,’’ jedhan.

Namni uumama kabajamaadha waan ta’eef, wayita du’e sirnaan biyyoon itti deebifama ejjannoo jedhu qabu.

Obbo Abduun namni tokko duunaan sababa kaminuu haa ta’utii kafananii, qixeessanii awwaalu. Du’a nama sukkaaneessitu fi hamtuu ta'uun dubbatamu isaan garuu hin jibban.

‘’Xumura koo maaaltu beekaa?’’ jedhu. ‘’Guyyaatti namoota lama ykn sadiin awwaala,’’ kan jedhan Obbo Abduun, yeroo balaan mudate lakkoofsi namootaa ni dabalaa jedhan.

Hojii tola ooltummaa isaanii kanaaf garuu maallaqni kaffalamuuf saantimni duudee tokko hin jiru. TPLF naannoo magaalaa Dasee yeroo turetti isaaniif tola ooltota akka isaanii biroof yeroo qorumsa jabduu itti argan ta’uu dubbatu.

Yeroo sanatti namoonni hedduun magaalicha keessaa baqatanii bahanii turanii jedhan.

Mana qopheessaa dabalatee waajiraaleen mootummaa kaanis saamamanii, manca’anii turan.

Tajaajilli hawaasummaa akka iddirii fa’aa bu’aan isaan buusan hangas maraa guddaa hin turre.

Yeroos dhaabbileen fayyaa tajaajila kennaa turan ''addaan kutuu irraa kan ka’e namoonni wal’aansaa fi qoricha dhabanii mana isaanitti du’anii awwaalcha dhaban turaniiru,’’ jedha.

Yeroo sanatti namoonni Obbo Abduutti himu. Tajaajilli bilbilaa waan hin jirreef ijoollee naaannoo mana isaanii dhaqanii itti himu ture.

''Dhukkubsatanii namoota du’aniin alatti, namoonni nagaan rasaasaan rukutamanii namoonni du’an[dhukkubsattoota sanmuu dabalatee]turaniiru’’ jedhan.

Yeroo sanatti guyyaa tokko keessatti hanga namoota shaniin awwaala ture jedhanii BBCtti himan Obbo Abduun. Sirna awwaalcha isaanii raawwachuun salphaa hin turre jedhan.

''Nama tokko awwaaluuf maaliif namoonni 20’n argamuu?‘’ jechuun finciltoota waliin waldhabanii akka turan kaasan.

Obbo Abduun akka jedhanitti, magaalaan Daseen to’annoo finciltoota TPLF jala wayita turtetti namoota 200tti dhiyaatan awwaaluu dubbatan.

''Yoon du’e fira nama awwaalu hin qabu, Isaan na awwaalu jedheen abdadha,’’ jedhan.

Iteenash Biraanuu ollaa Obbo Abduuti. Abbaan warraa isaanii duunaan sirna awwaalcha abbaa warraasaanii kabajaan kan raawwatan Obbo Abduu turan.

Obbo Abduun garaa-laafessa, namaaf gadda, jedhan. ''Abduun waan argate nama kaaniif qooda, nama gaariidha. Ofii kootif qofa nan nyaadha hin jedhu, nama qofaaf miti bineensaafillee ni gadda,’’ kan jedhan immoo maanguddoo ganna 80 Aadde Abbabachi Musaati.

Maanguddoon kun akkas jedhan: ‘’Ani dua’an eegaa jira, yoon du’e fira na awwaalu hin qabu, yoon du’e isatu na awwaala jedheen abdadha,’’ jedhan.

Obbo Abduun tola-oolummaa isaanii kanaaf mootummaa naannichaarra waraqaa ragaa argataniiru.

Waldaaleefi dhaabbilee garaa garaa irraa waraqaan ragaa kan gumaachameef wayita ta’u, ALI bara 2013tti Bulchiinsi Magaalaa Dasee baadhasa nama gaariif kennamu gumaacheefi jira.