Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Kanaadaa herregni baankii namoota hiriira mormiif ba'an akka hin sochoone ibsan
Ministirri Muummee Kanaadaa Justin Trudeau namoota talaallii mormuun hiriira ba'an irratti tarkaanfiin madaalawaa fi yeroosaa eeggate akka fudhatamu ibsan.
Namoonni kunneen jalaa herregi baankii ni uggurama, poolisiin hidhuu fi maallaqaan adabuu danda'a jedhan.
Poolisiin tarkaanfii seera kabachiisuu akka ga'umsaan raawwatuuf hidhannoo dabalataa ni hidhachiifna kan jedhan MM kun, haalli amma jiru garuu humna waraanaa bobbaasuuf kan dirqamsiisu miti jedhan.
Baankiin ajaja mana murtii tokko malee herrega baankii namoota hiriira mormii ba'anii fi hiriirichaan hidhata kamuu qabanii ni uggurama jechuunis labsan.
Dhiyeenya kana hiriirri mormii magaalaa guddoo Kanaadaa keessatti itti fufiinsaan gaggeeffamaa jira.
Hiriirtonni kunneen daandii guddicha Kanaadaa fi US walquunnamsiisu, kan ulaa daldalaa guddicha biyyoota lameenii ta'e irratti torban tokkoof erga hiriira ba'uun mormii dhageessisaa turanii booda, Dilbata darbe poolisiin biyyattii bittimseera.
Hiriirri kun konkolaattonni fe'umsaa US fi Kanaadaa gidduu imalan ragaa talaalamuu agarsiisu malee akka hin sochoone ajaja jedhu mormuuf eegalame.
Boodarra tarkaanfii ittisa Covid hunda mormuun eegalame, hiriirri mormii walitti fufiinsaa biyyattii magaalaa guddoo biyyattiitti itti fufe.
"Tarkaanfiin kun nageenya lammiilee Kanaadaa eegsisuuf kan fudhatamedha. Namoonni nagaan hojiisaanii walaba ta'anii hojjetachuu qabu,'' jedhan Aab Trudeau.
Poolisiin hidhannoo dabalataan heddumminaan bobbaafamee seera akka kabachiisuu fi misoomaawwan bu'uuraaf eegumsa akka godhus ibsan.
Seerri kun yeroo murtaa'ee fi haala baayyee barbaachisaa ta'e keessatti hojiitti hiikamas jedhan Aab Trudeau.
Ministirri muummee kun bara 2011 wayita qonnaan bultoonni Indiyaa daandii guddicha gara magaalaa Deelhii geessu cufuun mormii dhageessisaa turan, mormii sanan deeggaraa turan.
Kanaadaan yoomiyyuu mirga namoota hiriira mormiif ba'anii kabachiisuuf qophiidha,'' jedhanii turan.
Namoonni gariin ministirri muummee kun kan ormaa deeggaree kansaammoo hiraarsuutti gadi taa'e jechuun qeeqaa jiru.
Tarkaanfiin Justin Trudeau hiriirri mormii biyyattii keessatti eegalame torbee sadaffaasaa wayita qabatetti kan fudhatamedha.
Hiriirri mormii kun magaalota biyyattii hedduu keessatti deemaa jira.
Magaalaa Otaawaa keessatti konkolaattonni fe'umsaa gurguddoon 400 hanga 500 ta'an guyyoota 18f osoo hin socho'in jiru.
Hiriirtonni daandii gara biyyoota ollaatti ceesisu Coutts, Alberta, fi Emerson, Manitoba irratti cufaniiru.
Wiixata kaleessaa poolisiin Alberta namoota 11 to'annoo jala oolchee, meeshaalee waraanaa fi kaan irraa fuudhe.
Dhuma torbee darbee kanas hiriirri mormii magaalota akka Toroontoo fi Winnipeg keessatti gaggeeffameera.