Nama Ministira Muummee Kanaadaa Jastin Tiruudoo hidhuuf yaale hidhaa waggaa ja'a itti murani

Maxxanfame

Miseensa humna waraanaa Kanaadaa kan ture Korii Haaran, waggaa darbe Ministira Muummee biyyattii Jastin Truudoo hidhuuf jedhee mooraa seenee qabame, amma hidhaa waggaa ja'aan adabameera.

Namni kun ji'a darbe keessa yakkoota meeshaalee waraanaan walqabatan torbaa fi yakka qabeenya barbadeessuu tokkoon himatamee, yakkamaa ta'uunsaa barameera.

Namni umrii waggaa 46 kuni, bara darbe Adoolessa keessa jalqaba mooraa galma guddicha Riiduu jedhamuu irraan miidhaa geessise, isa booda iddoo ministirri muummee jiraatanitti seenuun hidhuuf karoorsee ture.

Boodarra garuu miidhaa tokkollee osoo hin geessisin harka kenne.

Namni kun jalqaba yakkoota waraanaan walqabatan 21 fi erga haleellaa mooraa irratti geessisee booda ammoo MM Jastin Truudoo doorsisuudhaan himatamee ture.

Garuu boodarra yakkoota meeshaa waraanaan walqabatan torbaa fi yakka qabeenya barbadeessuun walqabatu tokkoon himatamee hidhaan waggaa ja'aa itti murtaa'e.

Abbaan Alangaa biyyattii waggaa ja'aan akka adabamu wayita gaafatu, abukaatoon isaa garuu seeraan ala dabi irratti hojjetameera jechuun falmaniif.

Abbaan seeraa mana murtii Ontaariyoo Roobart Waaden hidhaan waggaa ja'aa ni ta'aaf jedhan, garuu kan kanaan dura hidhaa keessa tureef waggaan tokko hir'achuufii mala jedhan.

Gamoo mootummaa 'Riduu' jedhamu kan bulchiinsa Otaawaa keessa jiru keessaa mana tokko keessa kan jiraatan Ministirri Muummee Jastin Tiruudoo yeroo namni kun haleellaa gaggeessu mana keessa hin turre.

Nama tokkollee miidhuuf karoora akka hin qabne kan dubbate nami kuni, meeshaalee waraanaa fi Covid waliin walqabsiisee imaammata ministirri muummee baasan mormuuf gocha raawwate ta'uus eere.