Somaaliyaatti beelli lammiilee qe'eerra godaanse, 'daa’imman du’aa jiru'

Madda suuraa, Islamic Relief
Somaaliyaatti ganna kudhan keessatti gogiinsi hamtuu mudateerra kan ka’e namoonni miliyoonaan lakkaa’aman beela’uun; nyaatafi bishaan barbaacha qe’eesaaniirraa buqqa’uuf dirqaman.
Dhaabbanni gargaarsaa ‘Save the Children’ akka ibsetti, dhiibbaan hongeen maatiirratti fide yeroo kam caala waqtii kana hammaate sababa bonni baay'atee fi dheerate irraa madde.
Gartuun Ejensii Gargarsaa Islaamummaa kaampii Iftiin, Bardheeree naannoo Geedoo keessatti argamu xumura ji’a Amajjiitti kan daawwate, maatiin 2,000 deeggarsa barbaadu jedhe.
‘’Maatiiwwan kumaatamaan lakkaa’aman kaampicha keessatti haala rakkisaa akkasi keessa jiraachuu arguun nama naasisa’’ jedhan hoggaanaan Sagantaa Deeggarsaa Islaamummaa Shukrii Mohaammad.
‘’Dhiirota, dubartootaa fi daa’imman umrii hundarra jiran beela’anii fi dheebootanii haala hamtuu keessa jiru, baay'een isaanii dhukkubsataniiru.

Madda suuraa, Islamic Relief
Waanti sooratamu, bishaan fi dawoon galcha qabu hin jiru. Akkasuma manni fincaanii fi dhaabbanni fayyaa hin jiru. Namoonni hedduun ni qufa’u, weerara Covid-19 yoo jiraate maaltu ta’a jennee ajaa’ibsifataa turre’’ jedhan.
‘’Ho’ii naannichaa obsaa fixachiisaadha, garuu namoota beela’anii fuuldura keenyatti du’an gargaaruuf achi turuun dirqama ture,’’ jedhan.
Yarooy Amiin Abdirizaaq namni umrii ganna 54 fi abbaan warraa ishee ijoollee saddeet waliin kaampiicha kan seenan loon isaanii hundi erga dhumanii booda. Maatiin kun jiruun isaanii loon isaaniirratti hundaa’a.
‘’Bakka kana dhufuuf guyyoota sadii deemne, ijoolleen hedduun karaa gubbaatti du’an. Guyyaa guutuu homaa hin nyaanne, ijoolleen koo baay'ee beela’an,’’ jechuun Ejensii Gargarsaa Islaamummaatti himan.
‘’Guyyoota sadan darban ijoolleen kudhanitti dhiyaatan sababii dhibee, hanqina nyaataan yarachuun, beelaan kaampicha keessatti du’an. Qarree du’aarra jirra, deeggarsa saffisaan barbaanna,’’ jedhu.
Dhaabbanni gargaarsaa ‘Save the Children’ akka jedhutti Somaaliyaatti abbootiin warraa %60 horiin isaanii dhumuurraan kan ka’e maatiin keessaa namni tokko madda galii isaa dhabuu himatu.
Kibxata darbe Sagantaan Nyaataa Addunyaa(WFP), biyyoota gaafa Afrikaa kanneen akka Itoophiyaa, Somaliyaa fi Keeniyaatti namoonni miliyoona 13tti dhiyaatan beelaaf saaxilamu himee ture.














