Gaanfa Afrikaatti namootni miiiyoona 10 ol beelaaf saaxilaman - UN

Bineeldota gogiinsaan dhuman

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) akka jedhutti Gaanfa Afrikaa keessatti gogiinsa walitti fufiinsaan uumameen namootni miliyoona 13 ta’an beela hamaaf saaxilamaniiru.

Qonnaan milkaa’uu dhabuu fi hanqinni nyaataa uumame, maatileen qe’ee isaanirra akka buqqa’an dirqisiisuu isaa kan ibse WFP, rakkoon namoomaa guddaa akka hin uumamneef gargaarsi hatattamaa akka barbaachisu ibseera.

Waggootii sadiif waqtiin roobaa walitti aansuun waan hin roobneef, gogiinsi itti fufeera jedhe WFP gabaasa baaseen.

Biqiltoonni badaniiru, beeyladootni du’aaniru, akkasumas Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Keenyaa keessatti namootni miiiyoona 13 ta’an beela’aa jiru jedhe.

Gaatiin nyaataa garmalee dabalaa jira, wanti qotamu waan hin jirreef ammoo hojiin qonnaa hir’isaa jira, kun ammoo maatilee nyaata ofii dhiyeessuuf hojjetan irratti dhiibbaa uumeera jedhe.

Gargaarsi hatattamaa yoo hin jiraanne, rakkoo namoomaa uumamu hambisuun hin danda’amu jedha WFP.

WFP’n beela kana furuuf gargarsa doolara miliyoona 327 gaafateera. Maallaqa kanaan yeroof nyaataa fi mallaqa gargaarsaa kennuuf, karoora yeroo dheeraan ammoo hawaasa qonnaan bultoota bakka roobni hin jirree fi gogiinsi jiru deebisaanii ijaaruuf akka jedhus hime.

Biyyoota Afrikaa Bahaa Keeniyaa fi Somaaliyaa dabalatee Itoophiyaa keessatti gogiinsa uumameen bineeldotni hedduun dhumaniiru.

Itoophiyaa keessatti naannoleen Somaalii fi Oromiyaa kanneen gogiinsa kanaan miidhaman keessaati.

Daa'imman hanqina nyaataan miidhamanii Hospitaala Meeggaatti yaalamaa jiran
Ibsa waa'ee suuraa, Booranatti daa'imman hanqina nyaataan miidhamanii Hospitaala Meeggaatti yaalamaa jiran

Amma dura lubbuu namaarra miidhaan gahe dhagaahamuu baatus, benooldoti kuma dhibbaan lakkaa'aman dhumuu aanga'ootni naannolee lamaanii ni himu.

Naannoo Oromiyaa godinaalee Booranaa fi Baalee Bahaa keessatti qofa loon 300,000 ol sababa hongee kanaan du'aniiru.

Mootummaan lubbuu namaarra miidhaan akka hin geenye xiyyeeffannoo kennee deeggarsa dhiyeessaa akka jiru himullee, Godina Booranaa Hospitaala Meeggaatti daa'imman hanqina nyaataan miidhamanii yaala argachaa jiraachuufi lubbuun daa'ima tokkoo dabruu BBCn odeeffateera.

Presentational grey line
Ibsa waa'ee viidiyoo, Hongee Baha Afrikaatti bineensota bosonaa fi loowwan galaafachaa jiru