Mohaammad Saalaa Liivarpuulitti deebi'us 'akkaan gaddeera' jedhan Kiloop

Mohaammad Saalaa

Madda suuraa, Liverpool

Maxxanfame

Waancaa Afrikaa Kaameruun keessummeesite irratti waahila isaa garee biyyaalessaa Senegaal Saadiyoo Maanee wajjiin waancaaf falmatee kan mo'atame Mohaammad Saalaa har'a dirree leenjii Liivarpuulitti argameera.

Jifataan Liivarpuul Saalaan, biyya isaa Masrii waliin dorgomiiwwan jajjaboo taasisee waancaaf gahus Dilbata galgala gareen isaa rukuttaa peenaalitiin waancicha si'a saddeettaffaaf injifachuuf itti dhiyaatee, garuu osoo hin milkaahiin hafe.

Waahilli kilaba isaa Maaneen ammoo, yeroo jalqabaaf biyyi isaa waancaa kana akka injifattu gumacha guddoo taphatee taphataa cimaa dorgommii waancaa Afrikaa bara kanaas jedhameera.

Kilabni kubbaa miilaa Liiverpuul ibsa baaseen Mohaammad Saalaa kilabichatti deebi'ee Kibxata har'aa leenjiirratti argamuu himeera.

Saalaan ogeeyyii fayyaa kilabichaatiin qorannoowwan tokko tokko kan godhamuuf ta'us, tapha kilabichi Kamisa dhufu Leester Siitii waliin godhu keessatti hammatamuun ibsameera.

Masriin Waancaa Afrikaa kanaan erga gara biyyoota 16 marsaa itti aanutti darbanitti makamtee gareewwan ishee qunnaman Ayivoorii Koost, Morookoo fi Kaameroon injifattee Waancaaf kan qaqqabde daqiiqaawwan 120 taphachuun ta'uuniifi dabalataanis taphni waancaas garaagartummaa halkan lamaan daqiiqaa dabalataa fi rukuttaa peenaalitiin kan adda bahame ta'uun Saalaa dadhabbii guddoo keessa galcheera.

Leenjisaan Liiverpuul Yaargan Kiloop ''Moon deebi'eera, itti dubadheen jira. Akkaan aaree jira, garuu ammoo wanti natti hime inni duraa amma qophiidha'' kan jedhuudha jedhan.

''Taphataa muuxannoo qabu waan ta'eefi gahumsa qaamaa cimaa waan qabuuf mee ni ilaalla. Yeroo gabaabduu itti bayyanatu qaba. Boru isa ilaallee murteessina.''

Tapha Kamisaa kana irratti isa hirmaachisuuf muddamni kan hin jirre ta'uu dubbatanii, yoo haala gaariirra jiraate garuu isa hin dhiifnu jedhan.

Tapha Leester waliin godhan keessa Saalaan hammatamuu mirkaneessanii, Maaneen garuu ammallee biyya isaa Senegaalitti gammachuu isaa dhamdhamaa waan jiruuf akka hin hammatamne mirkaneessan.

Karoora jiruun Maaneen Roobii galgala Senegaalii ka'ee Kamisa isaan bira akka gahu himan.

''Injifannoon kun isaaf addunyaa isaati, uummata isaaf addunyaadha, kana sirriitti kabajna. achii isa waamuu hin yaadnu'' kan jedhan Kiloop, yeroo isaanii fudhatanii haa gammadan ni malaaf jedhan.

Yeroo deebi'ee as gahu tajaajila isaarratti akka dubbatanis himan.