MM Abiy hooggantoota biyyoota Afrikaaf affeerraa hirbaataa taasisan

Madda suuraa, Ethiopian News Agency
Ministirri Muummee Abiy Ahimad hooggantoota biyyoota Afrikaa yaa'ii idilee 35'ffaa Gamtaa Afrikaaf Finfinneetti argamaniif affeerraa hirbaata taasisan.
Galgala guyyaa jalqabaa yaa'ii hooggantoota kanaarratti MM Abiy Ahimad hoogganootaa biyyoota Afrikaaf paarkii obbolummaatti affeerraa hirbaataa taasisaniiru.
Sagantaa kana irratti kan dubbatan MM Abiy keessummoota isaaniin baga nagaan dhuftan jedhanii, '' maaddii kana kan waliin qooddannu Afrikaa barbaannu arguuf tarkaanfii eegallee jajjabeessuufi'' jedhan.
Waayee bakka affeerraa hirbaataa kana itti gaggeessaa jiranii kan dubattan Ministirri Muummee, jannata lafarraa jechuun ibsanii sagantaa Shaggar miidhagsuu jalatti turtii waggaa tokkoo keessatti xumuramuu ibsan.
''Teessoon Gamtaa Afrikaa fi magaalaan guddoon keessan Finfinneen waggoota lamaan darban jijjiirama guddoo keessa darbitee'' jedhan.
Yaa'iin Gamtaa Afrikaa waggaa lama booda yeroo jalqabaaf hooggantootni qaamaan wal-arganii mariyachuuf yoo murteessan bakki yaa'ii kanaa sodaa nageenyaaf jijjiiramuuf ture.
Waraana ji'oota 15 dura Kaaba Itoophiyaatti hidhattoota TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti dhalateen walqabatee yaa'iin kun biyya biraatti akka gaggeefamu yaadni dhiyaatee booda mariiwwan hedduu booda Finfinneetti akka itti fufu godhame.
Waraana kanaan walqabatee biyyoota fi dhaabbilee addunyaa hedduurraa dhiibbaa jala kan ture mootummaan Itoophiyaa qophiiwwan addunyaaf biyyittiin rakkoo ishee to'achaa jiraachuu calaqqisu danda'an taasisaa turte.
Simannaan ho'aan Finfinneen keessummootaaf gooteefi affeerran hirbaataa kunis qaamuma kanaati.
Waraana kanaan walqabatee lubbuun lammiilee kumoota hedduu dhume fi miiliyoonota hedduu qe'eerraa buqqa'anii akka jirutti ta'ee biyya diinagdeen ishee akkaan laafe keessatti affeerraan hirbaataa qaaliin qophaaye haala qabatamaa biyyattii hin agarsiisuu jechuun namootni miidiyaa hawaasummaarratti qeeqa barreessaa jiru.
Waraana miiliyoonota deeggarsa namoomaaf saaxileen cinaatti, kutaan biyyattii nagaa qabu gariin ammoo hongee hamaan miidhamee harka deeggartootaa eeguutti jira.
Yaa'iin dureewwan biyyaa Gamtaa Afrikaa kun guyyaa lammataaf har'a dilbatas itti fufee Finfinneetti adeemsifamaa kan jiru yeroo ta'u, weerara Koovidiin rakkoolee mudatan cinaatti fonqolchi mootummaafii waraanni waliinii teessoo gamtichaa kan taate Itoophiyaattis adeemsifamaa wayita jirutti gaggeefamaa jira.
Israa'eeliin taajjabduu gamtichaa gochuurratti bara darbe waldhibdee miseensota gidduutti mudatee ture irratti yaa'iin kun sagaleen ni kennama jedhamee eegama.
Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaa kan yaa'ii kanaaf qaamaan Finfinneetti hin argamne bakka jiranii ittisa Kooviid irratti gabaasa ni dhiyeessu jedhameera.
Nageenyiifi tasgabbiin biyyoota Afrikaa ajandaawwan marii aanga'oota Afrikaa ta'us, rakkoolee nageenyaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa ta'an keessatti dhalate irratti hojii gahaa hin hojjenne jedhameetus gamtichi komatama.













