Taanzaaniyaan barattoonni daa'imman isaanii waliin daree akka hin seenne dhorkite

Esnath Gideon
Maxxanfame

Ministeerri Barnootaa Taanzaaniyaa, murtee mootummaan shamarran erga daa'ima godhatanii booda, daa'imasaanii waliin daree seenanii barachuu akka danda'an murteesse haqe.

Ministirri barnootaa biyyattii Adolf Mkenda, barattoonni shamarranii erga daa'ima godhatanii booda barnootasaanii itti fufuu danda'u jechuun, daa'imman isaanii qabatanii daree seenuu jechuu akka hin taane ibsan.

Qondaalli barnootaa Taanzaaniyaa kun ibsa kana kan kennan, erga BBC'n shamarree umriin ishee waggaa 19 kan daa'ima ji'a afurii qabattee daree keessa jirtu dubbisee sagantaa hojjateeti.

Shamarreen Esnath Gideon jedhamtu kan suuraan ishee daa'imashee waliin mul'atu kun, nama daa'imashee eegu kan biraa waan hin qabneef furmaati jiru qabattee daree seenuu qofa akka ta'e BBCtti himte.

Suuraan shamarree kanaa daa'iamshee ofirra keessaa osoo barnootashee hordoftuu kaafame miidiyaa hawaasaarratti ijoo dubbii ta'eera.

Pirofeesar Mkenda daa'imman qabatanii daree barnootaa seenuun barattoota kaan waan jeequuf hafuu qaba jedhan.

Taanzaaniyaa keessatti barattoonni shamarranii yoo ulfaa'an mana barnootaarraa ari'amu turan, akka itti deebi'anis hin eeyyamamuuf.

Qajeeltoon seeraa waggoota 19f biyyattii keessa ture kun Muddee darbe kaafame, shamarran haala kanaan daa'imman godhatan hedduunis barnootasaanii xumuruuf bakka dhaabanii itti fufuu eegalan.

Hedduunsaanii Sagantaa addaa- Alternative Education Pathway-jedhamuun barnootasaanii hordofaa turan. Sagantaan kun haadholii haala akkanaa keessa jiran gargaaruuf bocame.

Gedion dabalatee shamarran rakkoo akkanaa keessa galan barnootasaaniitti deebi'anii xumuruu akka qaban ogeeyyiirraa dhiibbaan erga uumamee booda, mootummaan dhorkaa kaa'e kaase.

Kanneen nama daa'ima qabuuf hin qabneef giddugala kunuunsa(guddisa) daa'immanii hundeessuudha malee sababa kanaan shamarran daree irraa ittisuun furmaata miti jedhan ogeeyyiin barnootaa.