USA'n xiyyaara waraanaa ishee F-35C galaanatti dhidhimte bira Chaayinaa dursitee gahuuf muddamaa jirti

Maxxanfame

Humni waraanaa galaanarraa US xiyyaara waraanaa ishee galaanatti dhidhimte Chaayinaan osoo hin argatiin dursiitee bira gahuuf fiigichatti jirti.

Xiyyaarri waraanaa US doolara miliyoona 100 baastu osoo buufata humna waraanaa galaanarraa USS Karli Viinsanii kaatuu ture ''akka tasaa'' galaana Kibba Chaayinaatti kan kufte.

Xiyyaarri kun xiyyaara waraanaa humna galaanichaa haaraa yoo tahu, meeshaalee guutuu baattee ture. Qaama bishaanii idil-adunyaa keessatti waan kufteef ammoo xiyyaarittii bira gahuuf fiigicha Chaayinaa waliin gochaa jiran taphuma sirriidha.

Abbaan dursee achi gahe ammoo dorgommicha irra aanuu isaati.

Badhaasni hoo? Badhaasni isaa ammoo icciitii qaama xiyyaaraa hanga kana qaalii tahee sana bira gahuudha.

Gaafa Wiixataa darbe ture shaakala irra osoo jirtuu buufata waraanaa Viinsanitti kan buute. Amma hundee galaanaa jala ciistee jirti.

Garuu itti aanee maaltu taha kan jedhu icciitiidha. Humni waraanaa galaanarraa US bakka kamitti akka kuftee fi achii baasuuf ammoo hammam akka itti fudhatu hin mirkaneessine.

Chaayinaan qaamni galaanaa Kibba isheerra jiru kan kooti jechuun gaaffii kaasaa turtee dhiyeenya ammoo waliigaltee idil-adunyaa bara 2016 bulchiinsa isaa irratti mallattaa'e bu'uura seeraa hin qabu jechuun gara tarkaanfii fudhachuutti ceeteetti.

Kamisa darbe Dubbii Himaan Ministera Dhimma Alaa Chaayinaa, Zhao Lijiyaan, Beejiingi miidhaa xiyyaara waraanaa F-35 irra gahe duuba jirti kan jedhu haalan.

''Xiyyaara isaanii irraa fedha addaa hin qabnu,'' jedhe.

Ogeessotni nageenyaa US ammayyuu humni waraanaa Chaayinaa xiyyaarittii argachuuf ''fedha guddaa qabu'' jedhan.

Humni galaanarraa US bakka balaan kun mudate gahuuf ammayyuu yoo xiqqaate guyyootni kudhan kan isa hafu fakkaata.

Kun ammoo haalichatti akka barfatu taasisa jedhe gorsaan humna ittisaa Abi Oosteen. Sababni isaa ammoo hanga isaan achi gahanitti sanduuqni ragaa 'black box' jedhamtu waan du'uuf bakka xiyyaarittiin jirtu beekuun hin danda'amu jette.

''Us deebistee argachuun ishee waan murteessaa taha,'' jette. ''Xiyyaari waraanaa F-35 akkuma kompitera balali'uu dandahuuti. Qabeenya ykn ragaa kaan waliin akka wal qunnamutti hojjetame. Qunnamtii isaa kana humni qilleensarraa senserii isa dhukaasutii hidhuu jechuun waamu.''

Kanatti fufee galaana Kibba Chaayinaatti maaltu tahuu mala?

Chaayinaan teekinoloojii kana waan hin qabneef harka ishee keessa galfannaan tarkaanfii guddaa tokko fuulduratti fudhatte jette.

''Neetwoorkii F-35 yoo argachuu danda'an falaasama xiyyaarittii guutuu kan gaaffii keessa galchu taha.''

Waraana Ololaa kaasuu malaa laata gaaffii jedhuuf akkas jette: ''Kun saree guddaan paarkii keessaa kami kan jedhudha. Adamoo jabaa sadan isaanii godhanidha.''

Xiyyaarri waraanaa F-35 maaltu akkas akka barbaadamu godhe?

  • Neetwoorkiin isaa ergama itti kenname osoo balalii irra jirtuu yeruma sana akka qoodduu tahee hojjetame.
  • Humni galaanarraa US yeroo jalqabaaf xiyyaara ''daawwannaa bishaan jalaa'' gaggeesitu hojjete. Kun ammoo bakka humni qilleensarraa diinaa keessatti osoo hin argamiin socho'uuf gargaara.
  • Koochoon isaa guddaa fi gommaan ittiin bu'u galaana keessa tahanii ''meeshaa waraanaa itti hidhuun akka balali'u'' gochuuf gargaara.
  • Injiiniin isaa adunyaa irraa isa jabaadha. Saffisa mph 1,200 tahuun balali'uu danda'a.
  • Misaa'eloota lama koochoo isaa irratti afur ammoo qaama isaa keessatti baachuu danda'a.

Aadde Osteen, gorsituu duraanii humna waraanaa US fi dippilomaatii Nato fi Gamtaa Awurooppaa gameettii kan taate, Chaayinaan cacabsaa isaa harka galfadha jettee yaaluun ishee ''dhipphina US itti qortu'' jette.

Balaan kun yeroo namootni baay'een US Afgaanistaanii bahuu ishee hordofuun qindoomina hin qabdu jedhanii yaadanii fi balaaf saaxiluu fi ulfaataa tahe keessa raawwate jette.

Shakkii hin qabu, Chaayinaan xiyyaara kana barbaaddi. Karaa basaasa saayiberiis tahu beekumsa qaama isaa itti hojjretan ni argatu jedhe Biriiyis Baaroos, xiinxalaa dhimma Chaayinaa fi nageenya pirojektii Tiruumaan keessa kan hojjetu.

''Amma dhugaatti qaamni isaa akkammiin akak hojjetame baruu barbaadu,' jedhe.

Bara 1974 Waraanni Ololaa fiixee irra gahe. CIA'n dhoksaadhaan doonii waraanaa Raashiyaa qarqara galaanaa Hawiyitii meeshaa guddaa harkisu fayyadamuun baaste.

Waggaa lama dura ammoo humni waraanaa Chaayinaa doonii waraanaa UK, HMS Poseidon jedhamu qarqara Baha Chaayinaatti dhidhime dhoksaan baasaniiru.

Akkasuma Chaayinaan caccabaa qaama xiyyaaraa US ''stealth'' jedhamu bara 2011 mooraa Osaamaa bin Laaden keessatti kufte jedhamus dhoksaan harka glfatteetti jedhamuun amanama.

Baaroos ammas Chaayinaan qaama xiyyaaraa kana ni barbaaddi jedhan. Kanaaf falli jiru akka harka Chaayinaa hin galleef dhabamsiisuu qofa jedhe.