Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ayirlaand: Namoonni lama 'soorama namaa fudhachuuf reeffa fuudhanii waajjira geessan' barbaadamaa jiru
Erga sooroma fudhachuuf namoonni reeffa namaa waajjira postaatti geessan jedhamee booda qorannoon taasifamuu eegale.
Taaten kuni biyya Ayirlaanditti mudate. Akka Ayiriish Taayimis gabaasetti namoonni lama nama du'e jedhame ''lama ta'anii deeggaranii'' gamoo bulchiinsa Kaarlow jedhamu geessani.
Waajjirichatti sooramatu kennama. Akka gabaasichaatti namoonni lamaan hojjetaan gaafa isaan gaafate reeffa nama du'e ''gatanii'' bahanii sokkan.
Gardaí jechuunis Poolisiin Ayiriish du'a ga'eessa dhiiraa sababni isaa hin beekamne jedhamee qorataa jira.
Dubbii Himaan poolisii waan gaafa Jimaata ganama waajjira poostaa magaalaa Kaarlowitti raawwate gadi fageenyaan hin dubbanne, garuu ibsa baase.
''Biiroon teknikaa Gardaafi qorattoota qaama namaaf waamichi taasifameera,'' jedhe.
Reeffa nama du'eerratti qorannoon adeemsifamee bu'aan isaa qoranno utuba jedheera ibsi bahe.
Ayiriish Taayimis namoonni gareen hojjetaa waajjira poostaa bira dhaqan hojjetaan biraa ''haala fayyaa nama waajjiratti hirkatee dhaabamee gaafachuu'' gabaase.
Eegasii namoonni lamaan namicha achitti dhiisanii bahanii badan. Hojjetaan dhaqee gaafa namicha sakatta'u namichi du'ee ture, jedha gaazexichi.
Miidiyaan Ayiriish biraa RTE jedhamu gaafa Jimaataa akka gabaasettti namni tokko waajjira postaatti bilbilee soorama nama biraaf akka fudhatu gaafatee ture.
Haa ta'u malee, namichi soorama fudhatu ofumaa dhufuu akka qabu itti himame.
Yeroo muraasaa booda nama umriin isaa jahatamoota keessa jiru waliin dhufani.
''Namichi durumaa gara waajjira poostaa yeroo fidame du'uu isaa qorattoonni qorataa jiru,'' jedheera RTE'n.