Baqattoonni Ertiraa Tigraay keessaa haala yaaddessaa keessatti argamu - UNHCR

Daa'ima ala taa'ee jiru buufata baqattoota Maayi Ayiin keessa

Madda suuraa, UNHCR

Maxxanfame

Haalli wal jalaan badaa adeemaa jiru baqattoota Ertiraa naannoo Tigraay keessaa balaa hamaa irraan gahee jira jedhe dhaabbanni dhimma baqattootaarratti hojjatu UNHCR.

Dhaabbanni Komishiinii Olaanaa Dhimma Baqattootaa (UNHCR) haala baqattoonni Ertiraa kan kaampiiwwan baqattootaa naannoo Tigraay irratti argamaniin baayyee yaadda'uu beeksise.

Dubbii Himaan dhaabbatichaa Booriis Chaashrkov ibsa Jeeneeviitti Jimaata kennaniin akka jedhaniitti, hojjattoonni dhaabbatiichaa kanneen sababii haala nageenyaatiin baqattoota bira gahu hindandeenye yeroo jalqabaatiif, jalqaba torban kanaa buufataalee baqattootaa Maayii Ayinii fi Addi Haarush deemuu himan.

Haleellaan qilleensaa dhiheenyas buufataalee baqattootaa kanneen keessaafi alatti raawwatamaa turuu kaase.

''Hojjattoonni keenyas baqattoonni baayyee sodaatanii akka jiraniifi nyaata argachuuf rakkataa jiraachuufi, hir'ina qorichaa fi bishaan qulqulluutiin rakkataa jiraachuu,'' hubataniiru jedhan.

Baqattoonnis balaan du'aatii sababii dhibeewwan ittifamu danda'anii dabaluu kan dubbatan yoo ta'u, torbanoota jaha keessatti qofa hanqina qorichaafi tajaajila fayyaatiin walqabatee namoonni 20 ta'an lubbuu dhabuu dhaabbatichatti himuu dubbatan.

Boba'aan hin jiru jechuun bishaan qulqulluun karaa ittiin boolla keessaa argamu ykn konkolaataan kaampiiwwaniitti geeffamu hin jiru jechuudha jedhan.

Kanaan kan ka'ees baqattoonni bishaan burqiituwwanii ariitiin gogaa jiranii waraabbachuuf dirqamuufi kanaanis dhibeewwan bishaanirraa dhufan cimaaf saaxilamaa jiraachuu dubbi himaan dhaabbatichaa kaasaniiru.

Yaaliiwwan garaa garaa taasifamaa jiraatulleen guutummaan gara naannichaatti seenuun akka hin danda'amnees himaniiru. ''Kana jechuunis beelli cimaan dabalaa jiraachun yaaddeessaa ta'eera,'' jedhan.

Nyaanni kaampiiwwan keessaa waan dhuumeefi kan raabsamu man-kuusaa keessa waan hin jirreef jecha baqattoonni nyaata bitachuuf uffataafi qabeenyaa isaanii gurguraa akka jiran hojjattootatti himuu kaasan.

Itti dabaluunis, sababii haala nageenyaa naannichaatiin tajaajiloonni bu'uraa baqattoota Ertiraa kaampiiwwan lamaan keessaa baatiiwwan hedduuf dhiyaachaa akka hinjirre himan.

Haalli rakkisaan kaampiiwwan kanneen keessas agarsiiftuu fakkeenya dhiibbaa hanqina daandiifi dhiyeessitiin namoota miliyoonoota nagaafi kanneen naannicha keessatti bakka jireenyaa isaaniirra buqqaafaman keessa jiraniiti jedhan.

Dhaabbanni UNHCR gareewwan wal waraanaa jiran dhukaasa dhaabuun daandii seensaa akka kennaniif, akkasumas baqattota kuma 25 kaampiiwwan kanneen keessatti hafan fedhiisaaniitii gara eddoo haaraa mootummaa Itoophiyaatii naannoo Amaaraa Daabaatiitti kophaatti dabarsuu akka danda'uuf waamicha taasise.

''Nyaanni, qorichi, boba'aafi dhiyeessitiiwwan gara biraa atattamaan kan hin geeffamneef yoo ta'e fi nutis baqattoota kanneen balaa keessaa gara bakka deeggarsa lubbu baraarsaa itti kennu dandeenyuutti kan dabarsu hin dandeenye ta'e, baqattoonni baayyeen ni du'u.''

Akkasumas qaamooleen Itoophiyaa keessaa hunduu akka namoota nagaa eeganiifi kabajan, akkasumas mirga namoomaa fi baqattoota dabalatee, bilisummaawwan bu'uuraa namoota hundaa akka kabajaniif dhaabbanni isaanii waamicha taasisuu himan.

Dhumarratti ''baqattoonni waraana keessatti danqamuu hin qabaatan'' jedhaniiru dubbi himaan kun.