Dho'insa Gaanaa: Dho'iinsa Bogosootti qaqqabeen hedduun du'uu hinoolle jedhame

Dhooinsa booda suuraa kaafame

Madda suuraa, Theodora Naomi Afriyie

Maxxanfame

Dho'iinsa cimaa lixa Gaanaa dhiheenya magaalaa oomisha albuudaa taateetti qaqqabeen yoo xinnaate namoonni 17 ajjeefamuu qondaaltonni mootummaa himan.

Poolisiin akka jedheetti, dhiheenya magaalaa Bogosootti konkolaataan albuuda fe'ee ture doqdoqqee waliin walitti bu'an.

Suuraawwan miidiyaa biyya keessaatiin qoodaman akka agarsiisaniitti, gamoowwan diigaman oliitti aara gurraachi samiitti olka'uun jiraattoonni nuuf qaqqabaa jechuun iyyaa turan.

Reeffii namoota miidhamanii akkasumas qarqara daandiitti ammoo boolli guddaa ni mul'ata.

Kana malees yoo xinnaate namoonni 59 kan madaa'an yoo ta'u muraasni isaanii haala baay'ee sodaachisaa keessatti argamu, jedheera Ministirri Odeeffannoo Kojoo Opong Nkrumaah.

Pirezidantiin Gaanaa Naanaa Akufoo-Addoo akka jedhaniitti waraanni biyyattii yaalii gargaarsa ''haalicha to'achuuf'' atattamaan taasifamaa jiru makameera.

Eejansiin Sodaa balaa biyyattii ammoo jiraattotaaf ''deeggarsi ariifachiisaan'' akka taasisuuf gaafatan.

''Kunis dhugaatti, waan gaddisiisaa fi taatee balaa cimaadha'' jedhan fuula tiwiitara isaaniirratti.

Ibsa ariifachiisaa bahe irratti, ''dho'iinsi cimaan'' magaalaa Bogosoo fi ollaa Baawdii jidduutti raawwachuu poolisiin himeera.

Yaaliin baraarsaa taasifamaa kan jiru yoo ta'u namoonnis naannichaa baafamaa jiru.

Poolisiin magaalonni naannootti argaman ''kutaalee isaanii akka banan, waldaaleefi akka namoota balaa irraa hafan akka simataniif'' gaafateera.

Kaartaa Bogosaa agarsiisu

''Wayita nuti haalicha to'achuuf yaalii taasisaa jirru kanatti ummanni akka tasgabbaa'uuf gaafanna.''

Balaan dho'iinsaa biraa akka hin mudanne to'achuufi haala mirkaneessuuf gareen oggeessota meeshaalee dho'iinsaa poolisiifi waraana irraa bobbaafamaniiru jedhe motummaan.