Faantaa Bilitii: UStti qondaaltoonni mucaa xiqqootti dhukaasuun ajjeesan himataman

Faantaa Bilitii

Madda suuraa, Bruce L Castor Jr

Ibsa waa'ee suuraa, Faantaa Bilitii mucaan waggaa 8 dhukaasa poolisitiin ajjeeffamte
Maxxanfame

Abbaan alangaa US mucaa waggaa sadeetiitti dhukaasuun ajjeessuu isaanitiif miseensoota poolisii sadii irratti himannaa yoo banuu, himannaa dargaggoota lama akka dhukaafni banamuuf ka'umsa turan jedhamanii ammoo kaase.

Poolisoonni kunneen Hagayya 27, 2021 dirree kubbaa miilaa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa dhiheenya Filaadalfiiyaatti erga dhukaasa gamoo duubaa dhagahanii booda konkolaataa ala ture tokko irratti dhukaasa banan.

Poolisiin shakkamtoonni hidhatan konkolaataa keessa ture jedhanii kan yaadan yoo ta'u garuu kan turte Faantaa Bilitiidha.

Abbaan alangaa taatee kanaaf madda kan turan dargaggoo ajjeechaa kanaan dura walitti dhukaasaa turan isa jedhu morme.

Abbaan alangaa naannichaa Sadaasa keessaa dargaggoo lamaan irratti himannaa yakka ajjeechaa sadarkaa tokkoffaa irratti banee ture.

Dargaggoon umuriin waggaa 16 fi 18 ''taatee ajjeechaa sana kakaasaniiri'' kanaafu ajjeechaa Faantaatiif isaantu ittigaafatama jedhe abbaan alangaa dura.

Amma garuu himanaan kun kaafameera.

Kana irra qondaaltoota poolisii Shaaroon Hiil Deevoon Isimiiz, Seen Paatirik Dolaan, fi Biryaan Jeemsi Deevaaney himannaan ajjeechaafi of eegannoo malee dhukaasan banuun irratti saaqame.

Qondaaltoonni poolisii kunneen erga dhukaasa dhagahaniin booda fageenya meerita 42 irra ta'un osoo haalicha hordofaa jiranu konkolaataan tokko gara isaanii wayita imalu argan akka abbaan alangaa jedhetti.

Poolisoonnis rasaasa 25 dhukaasuun Faantaa ajjeesuun obboleetti ishee kan waggaa 12 madeessan. Mucaan sun harkuma haadha ishee irratti duute.

''Amma shakkii tokko malee qondaaltonni kunneen dhukaasuu qofa osoo hintaane Faantaa Bilitii ajjeessaniiru. Kana malees daa'imman biraa sadii madeessaniiru,'' jedhan abbaan alangaa bulchiinsa Kaawuntii Delaaweer, Jaak Istoolsteemar yoo CBStti himan.

''Dhukaasa isaanii gara kallattii dogongoraa gara garee namootaatti qiyyeeffatan. Kanaaf itti gaafatamtoota ta'an,'' jedhan.

Rasaasni ajjeechaan ittiin raawwatames kan qondaaltootaan dhukaafame ta'u Fulbaana irraa kaasee waajjirri kiyyaa hubateera jedhan itti dabaluun.

Abookaatoon maatii Faantaas dubarri ajjeeffamtee sun, ''mucaa sammuu ifaa, kan guddataa turte, wayita ilaalan kan nama gammachiftu turte. Du'uushee baruun baay'ee gaddisiisaadha,'' jedhan.

Akkasumas abookaatoowwan qondaaltoota sadaniis balleessaa hin qaban jechuun ibsa waloo baasaniin, ''walitti bu'iinsa hiikaa hinqabne kanaan kanneen miidhahman hundaaf baayyee gaddina'' jedhan.

''Taateen kunis kan uumame sababii yakkamtootaafi namoota hidhachuun taba kubbaa miilaa mana barnootaa gara agarsiisa yakkaatti geeddaruun dhalattuun omaa hinbeekne lubbuu akka dhabduufi kaan miidhaa cimaaf akka saaxilaman taasisan'' jedhan ibsa baheen.