Kirklira lafaa Venzuweelaa mudateen daa'imman lama dabalatee namoonni 33 caccabaa jalaa guyyootaan booda lubbuun baraaraman


Daa'imni umuriin isaa waggaa 11 Mooyisees guyyaa shanii booda caccabaa jalaa yeroo baafamu

Madda suuraa, ungrd_oficial

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imni umuriin isaa waggaa 11 Mooyisees guyyaa shanii booda caccabaa jalaa yeroo baafamu
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Balaa kirkira lafaa si'a lama mudatee guyyootaan booda hojii lubbuu baraaruu hojjetameen wantootni nama raajan dhagahamaa jiru.

Sanbataa fi dilbata darbe namootni 33 lubbuudhaan baraaramuu pirezedaantiin yeroo biyyattii Dilisiyaa Rodrigu'eez himan.

Kanneen lubbuun baraaraman keessaa lama ijoollee waggaa 11ti. Daa'imman lamaan dilbata darbe sa'aatii adda addaatti caccabaa keessaa lubbuudhaan baraaraman.

Ta'ulleen kanneen kuma kudhaniin lakaa'aman ammayyuu achi buuteen isaanii dhabamee kan jiru yoo ta'u, hanguma guyyaan deemu carraan lubbuun argamuu isaanii dhiphachaa deema.

Dhaabbileen gargaarsaa akka jedhanitti, balaan uumamee sa'aatiiwwan 48 hanga 72 gidduutti namoota balaan irra gahe lubbuudhaan argachuuf carraa guddaa jira.

Haa ta'u male maatii fi hiriyootni namoota achi buuteen isaanii dhabame ammayyuu oduu waa'ee namoota kanaa gurra qeensanii osoo eegan guyyootni shan lakkaa'ameera.

Hanga Dilbata darbeetti namootni 1,450 balaa Kanaan du'uu pirezedaantiin yeroo biyyattii ibsaniiru.

Pirezedaantiin yeroo biyyyattii, Rodriguweez akka jedhanitti, kirkirri lafaa miilanaa kuni balaawwan uumamaa biyyattii mudatan keessaa isa hamaadha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Roobii darbe sekondii 39 kan turee fi reektar iskeelii 7.2 fi 7.5 kan ta'e kirkirri lafaa lama walitti aananii mudachuun gamoowwan 800 kan jijjigan yoo ta'u, namootni hedduun jijjigaa gamoowwanii jalatti awwalaman.

Kanneen maatiin isaanii fi namootni isaan jaalatan gamoowwan kanneen jalatti jalaa awaalaman harkaan osoo hin hafne jijjigaawwan kana qotanii baasuu yaalurratti argamu.

Namootni tokko tokko caccabaa gamoowwanii kana jalaa sagalee namootaa akka dhagahan BBCtti himan. Ta'ulleen caccabaa gamoowwanii gurguddaa kana kaasuu waan hin dandeenyeef maashinoota eeguf dirqamaniiru.

Sa'aatiin itti namoota argachuuf murteessaa ta'e, sa'aatiin 72 darbulleen, hojjettoonni lubbuu baraarsaa ammaleen abdii hin kutanne. Namootni nyaataa fi dhugaatii yoo argatan ammallee lubbuun argamuu malu jedhu.

Qindeessaan garee dhaabbata biyyoota gamtoomanii, Giyaanluukaa Raampool, ammalleen namoota lubbuudhaan argachuun akka danda'amu himuun, yeroon itti lubbuun argachuun danda'amu garuu gabaabachaa jira jechuun BBCtti himan.

Pirezedaantiin yeroo biyyattiis viidiyoo namoota sanbata xiqqaa fi dilbata darbe lubbuun baraaramanii qooduudhaan, ergaawwan abdii namatti horan miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansaa jiru.

Hojjettoonni lubbuu baraarsaas daa'ima ganna 11 Mooyisis jedhamu jijjigaa gamoo keessaa yeroo baasan viidiyoo mul'isu qoodaniru.

kutaan bulchiinsa balaa biyyaalessaa kolombiyaa akka jedhetti, Moyisiis jijjigaa fagenya meetira sadii ta'u keessatti awwalamee kan ture yoo ta'u, hojjettoonni lubbuu baraarsaa isa baasuuf sa'aatii ja'a itti fudhate.

Rooyiters akka gabaasetti, hojjettoonni lubbuu baraarsaa mucaa ganna 11 kana obboleettii fi haadhasaa lubbuun darbe cinaadhaa akka baasan himan.

Sa'aatiiwwan muraasa mucaan kuni baafameen booda ammoo daa'imni ganna 11 biraan Magaala Karabaledaa keessaa lubbuudhaan yeroo baraaramu viidiyoo mul'isu Pirezedaantiin yeroo biyyattii qoodan.

Magaala Kirkira lafaa Kanaan akka malee miidhamte Karabaledaa keessaa gareen Faransaayii fi Ameerikaa dilbata darbe abbaa fi daa'imasaa tokko lubbuudhaan akka baasan AFP gabaase.

Hojiin lubbuu baraaruu kuni ammalleen kan itti fufee jiru yoo ta'u, namootni tokko tokko deebiin mootummaa saffisaa fi gahaa miti jechuun qeequ.

Guyyoota darban keessa Meeksikoon, Ispeen, Kuwaataar, Ameerikaa fi UK'n tattaaffii lubbuu baraarsaa kana deeggaruuf garee isaanii garasitti erganiiru.

Dhaabbata biyyoota gamtoomanitti hogganaan gargaarsa namoomaa Toom Fileechar, Sanbata xiqqaa darbe kutaalee addunyaa garagaraa irraa kan babahan tokkoon tokkoon osaanii miseensa 50 hanga 100 kan qabu garee lubbuu baraarsaa 39 bobbaafamuu himan.