Dargaggoo Somaaliyaa: Haleellaa balleessanii baduu shan jalaa akka itti lubbuun hafe

Madda suuraa, Mohamed Moalimu
Haleellaan balleessanii baduu Dilabata darbe magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqaadishoo keessatti raawwatame nama kana dura marsaa afur jalaa miliqeerratti kan xiyyeeffate ture.
Innis Mohaammad Mo'aalimuu kan kanaan dura gabaasaa BBC Somaaliyaa keessa tureefi ammaan tana ammoo dubbii himaa mootummaa ta'uun tajaajilaa jirudha.
Mohaammad haleellaa Dilabataa irraa reefuu bayyanataa kan jiru yoo ta'u, gulaaltuun BBC World Service Africa Meerii Haarpar Mohaammad maaliif akka xiyyeeffannaan haleellaa irratti ta'e ilaalchisuun waliin turti taasifte jirti.

Odeeffannoo murteessoo hedduun bilbila kiyya irratti fe'ameen qaba. Gubbaa lakkoofsa paaspoortii kiyyaafi odeeffannoo akkaawuntii baankii kiyyaa gara jalqabaa irratti, maqaan Mo'aalimuu kan jedhu yoo ta'u, lakkoofsi 16.5 fi jechawwan ''kan tarree [halluu]cuquliisaa fi adii kan jaalatu'' jedhutu jira.
Akkasumas, bal'inni, bifti, shamiizii hirriyaan koo Mohaammad Ibraahim Mo'aalimuu kan BBC'f hojjataa ture jaalatu qaba.
Yeroon Moqaadishoo dhaquu hunda Mo'aalmuuf tishartiin bitaaf.

Madda suuraa, Getty Images
Landan keessa daandii Jarmiin, lafa uffanni dhiiraa itti gurguramu deemuun jaaladha. Asiifi achi qabees haalluufi gosa hedduu gagaragalchuunan waan gaarii barbaada.
Dhugaattis yeroo ittanu yoon Somaaliyaa deemeef tishartiiwwan lama boorsaa kiyya keessaa qaba.
Rakkoonsaa Mo'aalimuun achi hinjiraatu ta'a. Wallaansaaf Tarkii jira.
Innis erga miidhaan irra qaqabee xiyyaara xiqqoon wallaansaaf gara Tarkii geeffame.
Dilbata darbe ture kan haleellaan yeroo shanaffaa kan irra qaqabe. Haleellaa ammaa kanaatiin kallatummaan isarratti xiyyeeffatamee ture.

Madda suuraa, AFP
Namtichi haleellaa badanii balleessuu raawwate osoo gara konkolaataa Mo'aalimu keessa turee biratti osoo boombii ofiitti hindhoosiin dura itti fiigaa ture.
Qaamni namticha haleellicha raawwatee kan hafe muraasuma qofa. Konkolaatittiin Mo'aalimu keessa ture ni barbadoofte.
Mo'aalimu attamiin akka lubbuun hafe garuu hinbeeku. miillisaa cabeera, lapheerra madaa'eera, miidhaan biraas irra gaheera. Garuu ofi beeka.
Gadhiisuuf ni didee
Osoo Mo'aamadi fuuldura agartanii jalqaba goddaannisa fuulasaa irraa agartu ta'a. Goddaanisa sunis haleellaa yeroo lammataatiif bara 2016tti irra gaheen kan madaa'eedha.
Yeroo sana Mo'aalimuun mana nyaataa galaana biraa tokko ture. Loltoonni garee milishoota IS dhaquun bakka bashannannaa qarqara galaanaa haleelluun sa'aatii muraasaaf to'atanii ture.

Madda suuraa, Mary Harper/BBC
Mo'aalimun yeroo sana kan du'e du'ee fakkaachuun dhiigasaa keessa ciisee lubbuun bahe.
Milishoonni attamiin namoonni du'usaanii mirkaneeffachuuf reeffa dhiitaa akka turaniifi nama lubbuun keessa jiraachu shakkaniitti akka dhokaasan natti hime.
Innis fayyuuf baatiiwwaniif SOmaaliyaa, Keeniyaafi UK keessatti wallaaname ture. Yaaddoo guddaan ijasaatiif ture.
Amala Mo'aalimuufi biyya balaafama inni keessa jiraatuufi dhiisee bahuuf didee walitti fiduun nama rakkisa.
Innis nama tasgabbaa'aa, qalbi qabeessaafi danboobaadha.
Moqaadishoofi namoonni keessa jiraatan hedduun baayyee dadamaqoo, fi kan ifatti dubbataniidha. Magaalattiin waggoota soddomman darbaniif waraana jala waan turteef taateen kunis haaraa miti.
Mo'alimuun akkuma haleellaan jalqabaa isa mudateen guyyoota muraasaan booda Moqaadishoo deemeen ture.
Innis Waxabajjii bara 2013 keessaa ture wayita al-Shaabaab osoo isaan gaara dallaa UN'tti imalaa jiranu gara sa'aatii tokkoof haleellaa raawwachuun namoota hedduu hanga danda'an kan ajjeessan.
Mo'alimuun wayituma milishoota qaqabaniin konkolaataan bira qaxxaamuree darbuuf ture. Garuu namnni haleellaa boombii ajjeessee du'uu raawwates konkolaataa saanii bira qaqabuun dhoose.
Akka carraa ta'ee foddaawwan konkolaataasaa malee miidhaa jalaa bahe.
Mo'alimu akkuma barame haala tasgabbii isaatiin haleellaa cimaa konkolaataa isaarra qaqabee suuraa natti agarsiisee ture.
Tarii BBCn akka foddaawwan konkolaataasaa hojjachiifachuuf isa gargaaru na gaafate. Yeroo sana hojjataa ture.
Akkuam yeroo biraa waa'ee jeequmsa magaalaa biyyasaa gabaasaa ture.
Osoo namoonni akka isaa hinjiraannee ta'e BBC haala hojjataa turen haalli itti Somaaliyaa irratti gabaasu omti hinjiraatu ture.
Amma akka dubii himaa motummaatti hojjataa jira. Garuu yeroo BBC'f hojjataa ture fi yeroo gabaasa mataasaa hojjataa tureetti, Mo'alimuun waan ta'aa jiru dhugaasaa himaa ture.
Hanga guyyaa kanaatti, yeroon bilbiluuf, wanta guyyoota sana mudatan hunda, fakkeenyaaf waa'ee ajjeechaa, dhohinsawwan, waldhabdee siyaasa keessoo fa'i, tarreessee natti hima.
Kaayyoon bilbiluuf kiyyaa gosa tishartii attamii akkan geessuuf gaafachuuf yoo ta'elleen natti hima ture.
Gotoota gaazexessitootaa waan malu hinargatiin
Wayita Mo'alimuun hojjataa BBC turetti, gara Somaaliyaa wayita imalu hunda isaafi nama biraa tokko qofaafiin bilbilaa ture.
Yoo Mo'alimuun, ''Hindhufiin'' jedhe, amma fe'ee tasgabbaa'aa fakkaatulleen hin deemu ture. Yoo Mo'alimuun ''koottu'' jedhe ammoo nageennyi gaarii fakkaachu baatulleen nan deema ture.
Baayyeen jireenya koo keessatti isa amana ture. Innis oggeeyyii gootoota kabajni isaaniif ta'u hin kennamneef keessaa tokko.
Gaazexeessitoonni biraa baayyeen, ciccimoon keessatti hirmaatan illeen maaliif akka hojiiwwan gaazexessitummaa akka hedduun maqaan nama kabajamaa tokkootiin akka wal qabatu hundachuun na rakkisa.
Qopheessaa, oggeessa kaameeraa, oggeessa sagalee fi tarii hunda caalaa gaazexessaa 'naannoo' kan yeroo tokkoo tokkoos 'haala mijeessaa' (fixer) jennuun kan warra kaan caalaa waan hunda beekuufi gareen hundi irratti hirkatu jira.
Mo'alimuun egaa, namoota akkasii kanneen gaazexesitoota Somaalii biroo ani waliin hojjadhuufi guyyaa hunda lubbuusaaniitti kutachuun hajjataa jiran keessaa tokko.
Mo'alimuun erga oggumaa gaazexessummaa dhiiseen booda, dubbi himaa motummaa ta'usaatti hangam akkan itti aaree itti himeen ture.
Gaazexessaan akkasii loogii tokko malee hojjataa ture attamiin ''kallattii biraa waliin hojjata''? Deebiinsaa akkuma durii madaalliin ture.
''Jijjirama umuun barbaada. Gaazexessaa ta'ee kana gochu hin dandeenye. Sirnicha keessa galuun hojjachuun barbaada. Miseensa mana maree ta'un barbaada, sanaaf ammoo kun tarkaanfii jalqabaati.''
Erga inni hojiisaa haaraa eegaleen boodas walitti dhufeenya kiyya idilee kabajarratti hundaa'e isa waliin qaban ture.
Tishariinsaas caalaa idilee ta'an. Amma caalaa sadarkaasaatti suufii waliin uffachu waan barbaaduuf caalaa adiifi qulqullu ta'u qabaatu.
Yeroon Landan daandii Jeermii irra gadii imalu hunda isaaf tishartii filadhuufi kanan haalluusaafi hakkina amalaasaatiin wal simsiisuuf yaaluun gammmachuun argadhuun sanan yaadadha.














