Yakkamaan US sobee akke du'etti odeessisee biyyaa bahee ture lubbuun argamee qabame

Nikolaas Roosii

Madda suuraa, YOUTUBE/WPRI

Ibsa waa'ee suuraa, Nikolaas Roosii
Maxxanfame

Lammiin Ameerikaa yakkamaa sobaan waan du’e fakkeesse biyyaa badee ture tasa hospitaala Gilaasgow keessatti to’annoo jala oolfame.

Nikolaas Roosii, ganna 34, Utaah US keessatti yakka gudeeddiin himatame, dhaabbata Interpol’n barbaadamaa tureera. Iskootilaand, hospitaala Gilaasgow keessatti erga to'atameen amma gara US’tti deebifamuuf jedha.

Dhibee Covid-19n hubamee yeroo hospitaala Queen Elizabeth University seenetti maqaa sobaa Artar Naayit jedhu fayyadameeti.

Poolisiin Iskootlaand akka jedhetti, namni kun to’annoo jala kan oolfame ajaja idil-addunyaa akka to'annoo jala olfamuuf baheenidha.

Anga’ootni US, Obbo Rosiin bulchiinsa Rood Ayilaand keessattis maqaa Nikoolas Alahverdiyaanin kan beekamu akka tureefi siyaasaa nannichaa keessatti hirmaachaa, sirna kunuunsa da’immannii irratti rogeessa ta’uun beekkamtii akka qabu ibsaniiru.

Mudde 2019’tti Obbo Roosiin dhibee non-Hodgkin lymphoma jedhamu akka qabuufi sadarkaa fayyuu hin dandeenyerra akka ga’eeruufi yeroo dhiyootti akka du'u miidiyaa US’tti himee ture.

Guraandhala 2020 irratti miidiyaaleen hedduunis du’uu isaa gabaasanii turani#.

Obbo Roosiin hospitaala erga seene booda Mudde 13 irratti poolisiin Iskootilaand poolisii Utaah bakka bu’uun to’annoo jala isa oolcheera.

Abbaan Alangaa Utaah namni kun bulchiinsa kana keessatti Nikoolaas Roosii jedhamuun akka beekamu mirkaneesseera.

Ragaaleen mana murti akka agarsiisanitti, qondaaltonni Utaah himata dirqamaan gudeedu irratti dhiyaateen isa barbaadaa turan.

Yeroo Gasgiloow keessatti to’annoo jala oolfame bulchiinsota US hedduun barbaadamaa ture.

Qorannoowwan dhabbilee adda addaan gaggeeffaman akka ibsanitti, namni kun maqaawaan Nikoolas Alahverdiyaan, Nikoolaas Alahverdiyaan Roosii, Nikoolas Edwaard Roosii, Niik Alan, Nikoolas Biraawon, Artar Biraawon fi Artur Naayit jedhamaniin akka beekamu ibsa.

Dabalataanis FBI himata maallaqa abbaa isa guddisee gowwomsee fudhachuun liqii doolara 200,000 ta’u irratti gatee bade jechuun nama kana barbaadaa tureera.

Namni kun himata yakka bara 2008 ture irrattis shakkamaa ture.

Bara 2018tti ammoo qorannoon DNA biraa gaggeeffameen yakka saalaa Ohaayoo keessatti gaggeeffame irratti shakkamaa isa taasiseera.

Qorattonni akka jedhanitti, Obbo Roosiin Ameerikaa keessaa baqatee ba’uun abbotiin seeraa bulchiinsota biroo akka inni du’etti akka isaan yaadaniif amansiiseera.

Amma wajjirrii abbaa alangaa Utaah dhabbilee federaalaafi idil-addunyaa waliin ta’uun Obbo Roosii gara Utaahatti deebisanii seeratti dhiyeessuuf hojjachaa jiru.