Maayaa Anjeeloo waloo gurraatti yeroo duraaf fakkiin ishee saantima irratti bahe taate

Saantima haaraa

Madda suuraa, US Treasury

Maxxanfame

Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa saantima abbaa 25 ‘quarte’ jedhamu irratti yeroo jalqabaaf fakkii waloo beekamtuu gurraatti Maayaa Anjeloo baaseera.

Anjeloon waloo fi rogeettii gurraattii yeroo jalqabaaf sirna simannaa pireezidantii irratti walaloo ishee dhiyeessite dha.

Saantimoota kaanirratti dubartoota jajjaboo biroo astiroonatii, hoggantuu hawaasaa fi taatoo, fakkii isaanii kaa’uuf yaadameera.

Kunis ministira dubartii jalqabaa ministeera maallaqaan tarkaanfii fudhatame dha.

''Yeroo yerootti dizaayinii maallqa keenyaa yeroo geeddarru seenaa biyya keenyaa himuuf carraa arganna- kunis sona keenyaafi jijjiirama akka hawaasaatti taasifne dabalata,'' jette Jaaneet Yeelen ibsa Wiixata kenniteen.

Maayaa Anjaloo-waloo fi rogeettiin dhimma hawaasaa bara 2014 umrii waggaa 86tti duute.

Waloon kuni beekamtii guddaa kan argatte kitaaba seenaa jireenya ijoollummaa ishee, ‘I Know Why the Caged Bird Sings’ jedhuuni.

Digriiwwan kabajaa baayyee kan fudhatte yoo tahu, kitaabota 30 ol barreessiteetti. Bara 2010ttis Medaaliyaa Bilisummaa Pireezidantiis- Pireezidaantii Ameerikaa yeroosii Baaraak Obaamaa harkaa fudhatteetti.

Saantimni ammaa kanarratti fakkii Maayaa Anjeloo harka bal’iftee fi duuba ishee immoo simbirroo balaliituufi aduu bahaa jirtutu mul’ata. Kunis, ‘’walaloo isheefi jireenya isheen jiraatte kan bakka bu’uu dha,’’ jedhe Ministeerri Maallaqaa Ameerikaa.

Fuuldura saantima kanaa irratti fakkii pireezidantii jalqabaa Ameerikaa Joorji Waashingtanitu mul’ata.

Dhaabbanni saantimoota kana bocu waggoota afur dhufan keessatti saantimoota abbaa 25, digdama bocuuf kan karoorse yoo tahu, fakkiin dubartoota seenaa Ameerikaa keessatti shoora murteessaa qaban ni dabalama jedheera.

Saantimoota biroo irratti fakkiin isaanii kan bahe keessaa, astiroonatii dubartii jalqabaa Ameerikaa Saalii Raayid, Wilmaa Maankiilar, hoggantuu jalqabaa saba Cherokii fi falmituu mirga saboota ganamaa, Anaa Meey Woong immoo taatoo Hooliwuud jalqabaa lammii Chaayinaa-Ameerikaa dha.

Nootii doolaara abbaa 20 irratti fakkiin Pireezidant Andiriiw Jaaksan kaafamee, kan dubartii gurraattii Haariyeet Tabmaan-garboota daandii baaburaa jalaan miliqsaa turte bakka buusuunis irratti hojjetame.

Dubartoonni seenaa keessatti shoora guddaa qaban yeroo baayyee badaa maallaqa fakkii irratti hin kaa’aman.

Jaarraa 19ffa keessatti giiftii dureen jalqabaa-Maartaa Waashingitan saantima abbaa tokko irratti baatee turte. Dubartoota gootaa saboota ganamaa Ameerikaa nootii abbaa 20 irratti baheera

Saantimoota kaan irratti kan fakkiin isaani bahe, dubartii mirga filachuu irratti kan hojjechaa turte Suzaan B Antoonii, rogeettiin Heleen Keelar kan dhagahuu fi arguu hin dandeenye fa’i dha.