Pirojektii kopheefi korojoo manneen barnootaa Itoophiyaa keessatti hojiirra oolaa jiru

Maxxanfame

Pirojektiin kopheefi korojoo manneen barnootaa sadarkaa oolmaa daa'immaniitii hanga sadarkaa lammaffaatti jiran keessatti hojiirra oola jedhameera.

Institiyuutiin Misooma Indaastirii Gogaa Itoophiyaa pirojektii barattoota Miiliyoona 30 ta'an yaada keessa galche kana hojiirra oolchuuf Ministeera Indaastiriifi Ministeera Barnootaa waliin waliigalteen mallattaa'uu beeksiseera.

Daayrektarri olaanaa Institiyuutii Misooma Indaastirii Gogaa Obbo Daanyaachoo Shifarraaw, "pirojektiin kophee, boorsaafi saqqii akkuma uffatni manneen barnootaa keessatti yunifoormii ta'e kunis yunifoormii akka ta'u barbaadameeti" jechuun BBCti himaniiru.

Projeektichi ammatti manneen barnootaa magaala Finfinnee keessatti sadarkaa yaaliitti hojiirra oolee bu'an guddaan irraa argameera jedhaniiru.

Waggoota itti aanan keessattimmo guutuu biyyaatti hojiirra oolchuuf yaadameera.

Kaayyoo pirojektichaa...

Kaayyoowwan pirojektii kopheefi korojoo manneen barnootaa keessaa inni tokko baratootni haala uffannaan walqabatee dhiibbaa xiinsammuurraa bilisa ta'anii barnoota isaaniirratti qofa akka xiyyeeffatan yaadamee hojiirra kan oolu ta'uun himameera.

Sababni inni biraan immoo fayyummaafi guddina barattootaa walin kan walqabatu ta'uu daayrektarri olaanaa Institiyuutii Misooma Indaastirii Gogaa Obbo Daanyaachoo Shifarraaw himu.

"Manneen barnootaa keessa kutaa daa'immaniitii kaasee kan jiru daa'imman olguddatoo, qaamni isaanii guddataa deemudha. Kanaafuu kopheen isaan godhatanis fayyaafi guddina qaama isaaniirratti dhiibbaa kan hin geessisne ta'uu qaba" jedhan.

"Biyya keenya keessatti barataan tokko guyyaatti Kilomeetira sadii hanga torbaa deema jedhamee yaadama. Torbanitti naannoo Kiloomeetira 35 jechuudha" kan jedhan Obbo Daanyaachoon, kanaaf kopheen baratootni godhatan daree keessattis ta'e dareen ala mijaa'ina kan qabu akka ta'uuf kan yaadame ta'uu dubbatan.

Barattoota kam ilaallata?

Pirojektiin kophee, korojoofi saqqii manneen barnootaa mootummaa, kan dhuunfaa akkasumas manneen barnootaa dhaabbilee garagaraan hogganaman keessatti hojiirra kan ooludha.

Kunis barattoota manneen barnootaa oolmaa daa'immanii hanga sadarkaa lammaffaatti jiran Miiliyoona 30 ta'an kan ilaallatudha.

Barattootni dhaabbilee barnoota olaanoo pirojektii kana keessatti kan hin hammatamne akka ta'es Daayrektarri olaanaa Institiyuutii Misooma Indaastirii Gogaa Obbo Daanyaachoo Shifarraaw BBCti himaniiru.

Dhimma baasii ilaalchisee kan gaafanne Obbo Daanyaachoon kophee, korojoofi saqqiiwwan indaastiriiwwan xixiqqaafi giddugaleessaan omishaman kunneen barattootaaf gatii madaalawaan kan dhiyaatan ta'uu himan.

"Faayidaan pirojektii kanaa inni tokko maatiin barattootaa meeshaa qulqullina qabu gatii madaalawaan akka argatan gochuudha" jedhan.

Dhimma AGOA

Pirojektiin kophee, boorsaafi saqqii manneen barnootaa keessa hojiirra ooluuf jedhu tarkaanfii Ameerikaan Itoophiyaa carraa daldala qaraxarraa bilisaa African Growth and Opportunity Act' (AGOA) irraa haquun fudhatteen kan walqabatu akka ta'elle Daayrektarri olaanaa Institiyuutii Misooma Indaastirii Gogaa Obbo Daanyaachoo Shifarraaw himu.

"Indaastriiwwan kun hojjettootni isaanii akka hin bitinoofne gargaara. Baasii xiqqaadhaan akka omishanis ni garagaara. Gabaan biyya keessaammoo jaraaf qaawwa amma uumamu kana ni hambisa jedhamees yaaadama" jedhan.

Kanaafis dhiibbaa diinagdee biyyattiirratti aggaamame qolachuuf kan karoorfate akka ta'es dubbataniiru.

Jaalala omisha biyya ofii…

Hojiirra oolmaan pirojektii kopheefi korojoo manneen barnootaa dargagggoota dhaabbilee leenjii teknikaaf ogummaarraa bahanif carraa hojii kan uumu ta'uusaatin dabalataan lammiileen omisha biyya isaanii akka jaalatan kan godhu ta'uu Obbo Daanyaachoon himu.

"Kollejjotni Teknikaaf Ogummaa sadarkaa hundatti jiran bu'aa omisha gogaa irratti leenjii kennaa jiru. Dargaggootni kun achii bahanii gara kophee, korojoofi saqqii omishuutti galu" jedhan.

Pirojektichis adda durummaan indaastiriiwwan xixiqqaafi giddugaleessaaf xiyyeeffannoo kennuun kan hojiirra oolu ta'uu himaniiru.

"Ammaaf akka jalqabiitti indaastriiwwan gurguddoo fayyadamuu jalqabneerra" jedhan.

Biyyattiin waggaa waggaan omishaalee gogaa akka kophee, korojoofi kan biroof biyyaalee biraarraa kara seera qabeessa ta'een bittee galchuuf Doolaarra Miiliyoona lamaa ol akka baaftu daayrektarri olaanaa Institiyuutii Misooma Indaastirii Gogaa Obbo Daanyaachoo Shifarraaw himu.

"Karaa seeran alaatin kan galu yemmuu dabalamu gara Doolaara Biiliyoona tokkoo gaha. Kana keessaa kopheen iddoo guddaa qaba. Itti aansee korojoon iddoo guddaa qaba. Sadafaarrattimmoo hucuuwwan garagaraatu jiru" jedhan.