Tasfaayee Gabra'aab: Sa’aatiiwwan xumuraa boqochuu isaan dura turan

Tasfaayee Gabra'aab

Madda suuraa, Tesfaye Gebereab/fb

Maxxanfame

Barreessaafi gaazexeessaan Tasfaayee Gabra'aab torban darbe ALI Jimaata Mudde 15, 2014 du'aan addunyaa kanarraa boqote.

Magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii hospitaala Agaa Kahaan keessa ji'a tokkoof wal'aansi taasifamaafii turee umurii 53'n boqochuu isaa obboleessi isaa Nagaasii Gabra'aab BBC'tti himaniiru.

Tasfaayeen wal'aansi baqaqsanii hodhuu taasifameefi Dilbata Mudde 17, 2014 hospitaalaatii baha jedhamee osoo eegamuu rakkoo fayyaa biraaf saaxilamuu Nagaasiin dubbatu.

''Guyyaa boqote san ganama Tasfaayee waliin kan haasofne Dilbata (Mudde 17) hospitaalaatii akka bahu ture. Tasa garuu hemogiloobiniin [pirootinii dhiiga keessa oksijinii baatu] isaa 11 irraa 4'tti gadi bu'e.

''Narsoonni lubbuu isaa oolchuuf carraaqani. Ta'us, kutaa dhukkubsattoota yaalii atattamaa barbaadan osoo hin gahiin lubbuun isaa dabarte,'' jedhan.

Sa'aatii xumuraa Tasfaayee

Tasfaayeen guyyaa lubbuun isaa dabarte waa'ee ''fayyanii hospitaalaa bahuu'' dubbataa akka ture obboleessi isaa Nagaasiin ni yaadatu.

Hospitaalaa erga bahee booda bakka boqotu qopheessaa turan. Haati warraa isaa gara Keeniyaa dhufuuf tikkeeta xiyyaaraa murtee turte.

''Narsoonni yeroo seenan kutaa keessaa alatti nan bahe. Achiitii tasa hemogilobiniin isaa gadi bu'e.

''Ergasii akka natti himanitti, sababni isaa qaamasaa keessa dhiigni waan dhangala'eefi. Baraaruu yaalanii ture garuu achumatti lubbuun isaa dabarte.''

Tasfaayeen wal'aansaaf gara Naayiroobii kan dhufe ji'a tokko dura ture. Wal'aansa baqaqsanii ho'uu erga taasisee booda isatti wayyaa'aa ture.

''Osoo sireerra jiru suuraa isa kaasan ture. Namoonni itti wayyaa'e gaafa jedhanii na gaafatan fayyaadha jedhee suuraa ergaafiin ture. Miira abdii kutachuu hin qabu ture,'' jedhu guyyoota xumuraa yoo yaadatan.

Lubbuun isaa darbuu dura obbolaan lamaan karaatti hospitaalaa bahu haasa'aa turan. Haa ta'u malee, guyyaa itti bahuuf yaaderraa guyyoota lama hanqatee lubbuun isaa dabarte.

Maal dhukkubsate?

Tasfaayeen baatii lama dura ture kan dhukkubsate.

Obbo Nagaasiin akka jedhanitti ''miilli isaa tasa dhiita'e. Miila isaa irratti laapp toppi [kompiitara] kaa'ee yeroo dheeraaf barreessaa waan tureef kanaaf na dhukkube jedhee chilleessee ture.''

Dhiitoon miila isaarraa dabalaa yoo deemu hospitaala Asmaraa jirutti wal'aansa barbaacha deeme.

Dhiitoon isaa dhiigni akka kantaru gochaa akka jiruufi dhukkuba biraas qabaachuu akka danda'u wal'aansa fayyaa fooyyee qabu akka dhaqu itti himani.

Yeroos maatiin isaa dhukkubni Tasfaayee hammana ulfaataadha jedhee akka hin tilmaamne yaadatu.

Ji'a tokko duras gara Naayiroobii dhufani.

''Keessa isaa waan akka xannachaa akka jiru nutti himame. Isaaf osoo itti hin beekamin waggoota dheeraaf kan turedha.

''Ergasii wal'aansa baqaqsanii hodhuu taasifameefi bayyanataa ture. Waan lubbuu isaaf sodaachisu nutti hin himamne. Amma du'e, du'a jedhamee eegamaa hin turre,'' jedhu.

Kitaaba haaraa Tasfayee Gabraab[ Gadaa] barreesse.

Madda suuraa, Tabsaayee Gabraab

Ibsa waa'ee suuraa, Kitaaba haaraa Tasfaayee Gabraab[ Gadaa] barreesse

Tasfaayeen guyyoota xumuraa sodaan keessa isaa akka hin turre Obbo Nagaasiin ni yaadatu. Guyyaa guyyaatti isa biraa hin dhabamneef itti haasa'uu ture.

Inumaa wal'aansa baqaqsanii hodhuu booda ''iskirbittoofi waraqaa naaf kenni,'' ture kan isaan jedhe.

'Gara samii yeroo deemtu jaalalaan jiraatta'

Tasfaayeen kutaa baqaqsanii yaaluuti yeroo bahu Obbo Nagaasii biraa waraqaafi iskirbittoo gaafate. Achiiti mata duree kitaaba itti aanu ''komaa keessa'' jechuun barreesse.

Barreessuun itti ulfaatus ni yaala ture jedhu. ''Komaa keessa'' barreessaa fuula 10 gahee turees jedhan.

Obbo Nagaasiin akka jedhanitti kitaabichi jibbinsaafi qoodinsa isa lafa jiru, jaalala isa samii gubbaa jiru waliin wal bira qaba.

''Seenaan kuni yeroo Tasfaayeen koomaa [of wallaale] keessa yeroo ture waan itti mul'ate fakkaata.

''Muuxannoo isaa, qoodinsa lafarra jiruufi jibba kaasee 'gara samii yeroo deemtu garuu jaalala lafarra hin jiraanne jiraatta' naan jedhee ture.''

Tasfaayeen kitaaba maxxansa seene ''Bara Diimaa'' jedhu dabalatee hojiiwwan kaan eegale akka qabu obboleessi isaa himu.

''Barri Diimaa waa'ee mootota durii, waa'ee Baahira Nagaasii seenaawwan gaggabaabaa kan qabatedha. Barruu yaadannoo isaa irratti hojiiwwan afur mata duree isaanii barreessee yeroo karoorsu argan ture.''

Erga itti wayyaa'ee booda kitaaba ''Saqooqaaw Samiiraa'' jedhu barreessuus yaadee ture.

Tasfaayeen yaadota sammuu isaatti dhufan galmeessee erga qabatee booda yeroo garaa garaatti barreessa.

''Kitaaba nan eegala jedhee eegalee hin fixu. Tokko osoo barreessuu kan biraa eegala'' jechuun Obbo Nagaasiin waa'ee tooftaa barreeffama isaa himu.

Ijoollee Tasfaayee

Tasfaayeen nama bultii qabuufi abbaa ijoollee sadii ture. Ijoolleen isaa ganna 12, 9 akkasumas 8 turani.

Mucaan isaa jalqabaa Afaan Amaaraa akka dubbistu Obbo Nagaasiin ni himu.

''Ijoolleen isaa osoo isa ilaalanii boo'u, barreessuu yaalu. Tarii akka isaa barreessaa ta'u danda'u. Yeroo barreessu isa biraa hin dhabaman. Maatii waliin hariiroo cimaa qaba,'' jechuun ibsu.

Bishooftuu yaadaa ture

Tasfaayeen ALI Hagayya 22, 1960 ture maatii lammiilee Ertiraa irraa magaalaa Bishooftuutti kan dhalate.

Maatiinsaas ijoollee horachuun waggootaa dheeraaf Bishooftu keessa jiraatan.

Waggootaan booda Bishooftuudhaa bahulleen guyyaa tokko deebi'ee akka dhaqu abdii qabaachu obbooleessi isaa ni dubbatu.

Obbolaansaa waa'ee hiriyyoota waliin guddatanii, waa'ee yaadannoo eddoowwan beekanii kaasu.

''Hunda keenya birattu Bishooftuuf jaalala addaatu jira. Yaadannootu jira. Gara Bishooftuutti akka deebi'u amana ture. Kana yaadaa tures.

''Bishooftu deemuu, arguufi achuma jiraachuu barbaada ture. Osoo hin deebi'iin darbusaatti baay'een gadda.''

Tasfaayeen jaalala Bishooftuuf qabuun Bishooftuutti awwaalamuuf fedhii akka qabu kan gaafataman Obboleessi, Tasfaayee waliin dhimma kana dubbatanii akka hin beekneefi filmaanni eddoo kan maatii ta'u dubbatan.

Wayita Ertiraadhaa gara Keeniyaa balalii'aniitti xiyyaarrii ''Bishooftuu irraan darba'' jechuun haasa'usaanii ni yaadata.

''Xiyyaaraan darbaa wayita turreetti halkan waan tureef homaa argu hin dandeenyee ture. Garuu Keeniyaadhaa wayita deebinuutti tarii karaa Bishooftu irraan dabarra ta'e jennee waliin dubbannee turre.

''Du'ee Bishooftuutti awwaalamurraa osoo lubbuun jiruu osoo argee caalaa hiikaa qabaata ture.''

Barreeffamoota walfalmisiisoo Tasfaayee

Tasfaayee dhuma Dargiirra loltummaaf filatamee leenjii erga fudhateen booda baay'ee osoo hin turiin sirni Dargii kufe. Innis ADWUI waliin gara Finfinneetti deebi'uun gaazexessaa ta'e.

Achiinis Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti hojii gaggeessaa ture. Akkasumas Barruu 'Ifooyitaas' hoogganee ture.

Erga hojii gaazexeessummaa dhaabeen booda hanga yeroo itti boqateetti yeroosaa guutuu barreessaa ta'un hojiiwwan saddeetiin ol dubbiftootaan gaheera.

ALI baroota 1992- 1993'tti mata duree ''Iffitaa'' jedhu jalatti walitti qabaa barreeffamoota gaggabaaboo jildii shan maxxansiiseera.

Moggaasa ''Gadaa'' jedhuun baayyee biratti kan beekamu Tasfaayeen, kitaabasaa ''Yeburqaa Zimitaa'' jedhutuu dubbiftoota baayyee biratti isa beeksiise.

''Yaadannoon Gaazexessaa'' kan icciitiiwwan paartii yoos biyya bulchaa ture ADWUI fi aanga'ootaa qabateefi ''Yaadannoo barreessaa'' kitaaboota jedhanis hojiiwwan isaa beekamoo keessaa kan eeramaniidha.

Jalqaba qabsoo TPLF kaasee hanga ADWUI Finfinnee galuutti seenaa ture kan ibsu kitaaba ''Taraaroochiin yaanqaxaxa Tiwulid'' jedhu barreesseera.

Tasfaayee dandeettii barreeffama isaatiin kanneen leellisan akkuma jiran, dhimmoota inni kaasuun kanneen qooqanis hedduudha.

Dhimmoota Itoophiyaanoota jidduutti 'wal dhabdee' uumuu danda'an kaasaa jedhuu komatan jiru.

Gama biraatiin ammoo barreeffamoonni isaa cunqursaawwan dhokfaman kaasuu, dhugaa hawaasaa qoolleeffamanii calaqqisiisuu jechuun qaamooleen mormaniifis jiru.

Waa'ee barreeffamoota kanneenii kan gaafataman obboleessi isaa Nagaasiin, ''Seenaan tokkoo keessoo isaa yoo xuqe, ni fayyada jedhee yoo yaade barreessuu irraa duubatti hin deebii'u.

''Waan addaa ykn jibba irratti xiyyeeffate ta'e natti hin dhagahamu,'' jedheera.

Namoonni isa waliin waliin hingallee ammoo ''daba yaaduun wal nu dhabsiisuuf barreessee'' yoo jedhan dhagahu hin haalle.

Qola Kitaaba 'Ya Burqaa zimmitaa'

Madda suuraa, Tesfaye Gebreab

Ibsa waa'ee suuraa, Kitaabni 'Ye Burqaa Zimmitaa' jedhu kitaaba Tasfaayeetiin namoota hedduu bira isa beeksisedha

Deebiin Obboo Nagaasii ''Akka namaatti yoon ilaaluu waan addaa yaadee, herreegee wanta godhe hin yaadadhu. Dhimmi akkasiis hijiruufi hin jiraatuus,'' jedheera.

Obbo Tasfaayee waliin akka jiraataniifi wayita barreessuuttis miira ture itti dhiheenyaan akka beeku kaasuun, ''miira jibba adddaa keessoo isaatti argee hin beeku. Nama kan itti amaneefi kan arge barreessuudha,'' jedhu.

Lamaan isaanituu Bishooftuu bakka keessatti guddataniif jaalala addaa akka qaban kan himan obbooleessi, namoota saba adda addaa waliin jiraachaa akka turan yaadatu.

Tasfaayeen hiriyyummaaf kan filatu namoota ogummaa ogbarruu qaban akka ta'e himu.

ADWUI waliin hojiiwwan addaaa hojjataa kan ture Tasfaayeen, akka jedhuuttis walitti bu'iinsa naoota siyaasaa mummee waliin umameen biyyaa baqachuu danda'e.

Innis Keeniyaa, Afriikaa Kibbaa, Neezarlaandii fi booda keessa ammoo Ertiraa keessa jiraateera.

Qeeqxoonniifi leelliftoonni isaa baayyee kan ta'an Tasfaayeen, barreeffamoonni isaas kanneen barreeffamoota Amaariffaa hammayyaa keessatti adda durummaan eeraman keessaayi.