Miseensi loltuun gaaffii gaa'elaa dhiyaateef fudhatte hidhamte

Madda suuraa, Getty Images
Miseensi looltuu Naayijeeriyaa gaaffii gaa'elaa dhiyaateef tole jette fudhachuusheetiif hidhamte.
Waraanni Naayijeeriyaa dubartii miseensa isaa taate tun uffata dambii uffattee osoo jirtuu gaaffii gaa'elaa kaadhimaa isheerraa dhiyaateef tole jechuun ''jaalala keessaa galuun'' imaammata cabsite jirti jedheera.
Dubartiin miseensa loltuu Naayijeeriyaa osoo hojiirra jirtuu gaaffii gaa'elaa dhiyaateef tole jechuu isheetti hidhamuu ishee, dubbii himaan waraana biyyattii beeksiise.
Dubartiin kun, "osoo uffata dambii uffattee jirtuu jaalala keessa galuun'' dambii ittiin bulmaata waraanaa cabsitee jirtii jedheera.
Warrabbiin sur-sagalee wayita namtichi fuuldura isheetti jilbiifachuun qubeelaa itti kaa'u mul'isu torban darbe keessa ture kan qoodame.
Gareewwan mirga dubartootatiif falmaniis waraanni dubartii kanarratti loogii taasiseera jechuun himatan.
Akkasumas, tarkaanfiin walfakkaataan miseensa dhiiraa ''uffata dambii waraanaa guutuu uffachuun ummata fuulduratti walitti dhufeenya jaalalaa agarsiiseera'' jedhame irratti fudhatamuu, gareen Aangeessuu Dubartootaafi Deeggarsa Seeraa hime.
Rogeettiin mirga namoomaafi kaadhiimamtuun pirezidaantii Naayijeeriyaa Omoyeelee Sowoore murtee waraanaa kanaan ''jibba dubartootaati'' jechuun balaaleeffatan.
Dubartiin miseensa loltuu tunis gaaffii gaa'elaa leenjii'aa sagantaa dargaggoota mootummaa Garee Tajaajila Dargaggoo Biyyaaleessaa (NYSC) jedhurraa dhiyaateef ture kan tole jette.
Haaluma sagantaa dirqama waggaa tokkoo kanneen yunivarsitiiwwaniifi dhaabbilee barnoota olaanoo irraa eebbifamanitti hunduu waraanaan leenjii fudhatu.
Gaaffiin gaa'elaa kun yeroo sagantaa leenjii lixa bulchiinsa Kiwaaraa keessatti kan raawwatame ture.
Guyyaan taateen kun itti raawwate ifatti beekamuu baatulleen garuu waraabbiin viidiyoosaa gara torban darbe keessa gadhiifame.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa heduuun jaalalleewwan kanneeniif hawwii gaarii dhaamuun gurbichas leellisaniiru. Kaan ammoo loltuutti qoosan.
Dubbi himaan waraana biyyattii Janaral Kelment Nwaachukwu BBCtti akka himaniitti, loltuun tun naamusa waaraan, akkasumas imaammata miidiyaa hawaasaa cabsiteetti jedhan.
''Gochaan ishee kunis naamusa gaariifi amala waraanaa kan miidhuudha. Leenjiiftoonnis kaayyoonsaanii miseensoota garee dargaggootaa leenjiisuu malee walitti dhufeenya jaalalaa keessa waliin galuu miti,'' jedhan Janraal Nwaachukwuun.
Haata'u malee, Gareen Tajaajila Dargaggoo Biyyaaleessaa (NYSC) hanga ammaatti dhimma kanarratti waan jedhe hin jiru.














