Ajjeechaa jumlaa Mayaanmaaritti raawwate qorannoon BBC saaxile

Humni waraanaa Mayaanmaar Adoolessa darbe ajjeechaa jumlaa namoota nagaa irratti raawwateen yoo xiqqaate namootni 40 ta'an ajjeefamuu qorannoon BBC saaxile.
Kanneen ijaan arganii fi ajjeechaa kanarraa lubbuun oolan akka jedhanitti loltoonni ijoolleen umurii ganna 17 keessa jiran, jiraattota erga walitti qabanii booda dhiirota adda baasanii ajjeesan.
Viidiyoon guyyaa ajjeechaan kun raawwate waraabame namoonni ajjeefaman hedduun reebichaan dararamanii ajjeefamuu agarsiisu.
Erga ajjeefamanii boodas bool'a sirnaan hin qotamne keessatti awwaalaman.
Ajjeechaan kun magaalaa xiqqoo Kaanii jedhamtu jiddugaleessa Mayaanmaar keessatti wiirtuu mormitootaa taate keessatti yoo ta'u, taateewwan adda addaa afur irratti ajjeechaan raawwate.
Humni waraanaa biyyattii erga Bitootessa keessa mootummaa Aang Saan Suu Kii fonqolchuun aangoo qabatee booda, bakka hedduutti mormiin cimaan lammiilee biyyattii irraa isa mudate.
BBCn namoota wayita ajjeechaan raawwatu ijaan argan 11 dubbisuun, waan isaan jedhan ragaa suuraa fi viidiyoo dhaabbatni miti-mootummaa 'Myanmar Witness' jedhamu walitti qabe waliin wal bira qabee xiinxaleera.
Dhaabbatni buufata isaa UK godhate kun sarbamawwan mirgoota namoomaa Mayaanmaar keessatti raawwataman kan qoratudha.
Ajjeechaan guddaan kan raawwate ganda Yiin jedhamtu keessatti yoo ta'u, namootni 14 erga reebamanii ajjeefamanii booda reeffi isaanii bosona keessatti gatame.
Jiraattonni ganda Yiin kunneen haadaan hidhamanii ajjeefaman.
"Dhaabbanne ilaaluu hin dandeenye, kanaaf mataa keenya gadi qabnee boohaa turre," jette dubartiin obboleessi, durbii fi obboleessi abbaa warraa ishii jalaa ajjeefaman tokko.
"Akka hin ajjeesne isaan kadhannus, nu dhageenye. Abbootiin warraa keessan as keessa jiruu? jedhanii dubartoota gaafatan, yoo jiraatan nagaa itti dhaammadhaa," jedhaniin jetti.
Namichi ajjeechaa kana jalaa miliqe tokko, warra ajjeefaman, loltoonni ajjeesuun dura miidhaa qaamaa hamaa irraan gahuu hima.
"Hidhamanii turan, dhagaa fi muka qawweetiin akka malee reebaman, guyyaa guutuu dararamaa oolan" jedha namni kun.
"Loltoonni tokko tokko ijoolleedha, tarii ganna 17 ykn 18 ta'u. Kaan garuu dulloomaniiru. Dubartiin tokkos waliin turte."


Ganda dhiyoo Zii Biin Diwiin jedhamtu keessatti Bitootessa gara dhumaa reeffi 12 kan qaamni isaanii tokko tokko irraa cite awwaala jumlaa gadi fageeffame hin qotamiin keessatti argameera.
Reeffi xiqqoon kan daa'imaa fakkaatuu fi kan nama qaama miidhama kana keessatti argameera.
Reeffi nama jaarsa ganna 60 keessa jiru tokkoo ammoo muka irratti hidhamee argame. Viidiyoon warabame kan BBCn ilaale akka agarsiisutti qaama isaarratti mallattooleen reebichaan dararamuu isa agarsiisan jiru.
Wayita loltoonni ganda isaanii seenan ilmii fi mucaan ilma isaati yoo baqatan, inni garuu jaarsa waan ta'eef homaa nan godhan jedhee akka hafe maatiin isaa himaniiru.
Ajjeechaan kun haleellaa jiraattonni naannichaa qawwee hidhatan humna waraanaa irratti raawwataniif haaloo bahuumsa fakkaata.
Jiraattonni diimokiraasii deeggaran gareen wal gurmeessanii erga hidhannoo hidhatanii booda maqaa 'People's Defence Force' jedhu moggaafatanii humna waraanaan lolaa jiru.
Ajjeechaan guutummaa Mayaanmaar keessatti raawwatamaa jiru kun lola 'People's Defence Force' fi humna waraanaa jidduutti adeemaa jiruuf dhiiroota adda baasanii adabuuf haala wal fakkaataan kan godhame ta'uu ragaaleen argamanii fi qorannoon BBC mirkaneessee jira.
Maatiin namoota ajjeefamanii garuu firoonni isaanii ajjeefaman lola keessa qooda hin qaban turan jedhu.
Gaazexeessitoonni idil-addunyaa erga fonqolchi raawwatee as dhimma Mayaanmaar akka hin gabaasne dhorkamaniiru. Miidiyaa mootummaarraa kan hafe miidiyaaleen biyyattii hedduunis cufamaniiru.
BBC ajjeechaawwan kana ilaalchisee Ministira Itti aanaa Odeeffannoo fi Dubbi Himaa waraana biyyattii kan ta'e jeneraal Zaaw Miin Tuuniif gaaffii dhiyeessee ture. Ajjeechaan jumlaa raawwatamuu hin haalle.
"Raawwatamuu danda'a, akka diinaatti yoo fudhatan, ofirraa ittisuuf mirga qabna" jedhe.
UN sarbamawwan mirgoota namoomaa Mayaanmaar keessatti rawwataman jedhaman qorachaa jira.












