Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indiyaatti maaliif garaagarummaa daqiiqaa 25'n haati warraa tokko of ajjeesti?
- Barreessaa, Giitaa Paandeey
- Gahee, BBC News, Deelhii
- Maxxanfame
Indiyaatti waggaa waggaan haadholiin warraa kumootaan lakkaawwaman maaliif of ajjeesu?
Akka ragaa haaraa Biiroo galmeessa yakkaa biyyaalessaatti bara darbe keessa qofa haadholiin warraa 22,372 of ajjeesaniiru. Kana jechuun giddugaleessaan guyyaatti haadholii warraa 61, daqiiqaa digdamii shan digdamii shaniin of ajjeesuu jechuudha.
Namoota bara 2020 keessa of ajjeesan 153,052 keessaa haadholiin warraa dhibbeentaa 14 qabatu. Lakkoofsa waliigalaa kana keessaa ammoo dhibbeentaa 50 ol kan ta'an dubartoota.
Bara 1997 yeroo galmeen namoota lubbuu ofii baasanii qabamuu eegalee waggaa waggaan haadholiin warraa 20,000 ol ta'an lubbuu ofii baasu. Bara 2009'tti lakkoofsi olaanaan 25,092 ta'u galmaaheera.
Gabaasaaleen yeroo hedduu bahan sababni kanaa ''rakkoo matii'' ykn ''rakkoo gaayilaan walqabatu'' ta'uu akeeku. Haata'u malee dhugaatti haadholiin warraa kumootaan lakkaawwaman lubbuu isaanii maaliif galaafatu?
Ogeeyyiin fayyaa sammuu sababni ijoon miidhaa mana keessaati jedhu. Qo'annoo dhiyoo kana mootummaan gaggeeffamerratti dubartoota hirmaatan keessaa dhibbeentaa 30 kan ta'an abbootii warraa isaaniirraa miidhaan irra gahuu himataniiru. Guyyaa guyyaatti rakkoon mana keessaafi gaayilaan walqabatu dhiibbaa qabaachuu akeeku.
''Dubartootni dhugumatti damdamatoodha, garuu obsaafis daangaan jira'' jetti magaalaa Varanasi keessatti gorsituu fayyaa kan taate Dr. Usha Verma.
''Dubartootni hedduun yeroodhuma umrii seeraan itti heeruman 18, guutan heerumu. Achii haadha warraa taati, amaatii taati, jireenya ishee guutuu mana keessatti nyaata bilcheessaa, waa miiccaa hojiilee mana keessaa dalagaa dabarti. Danqaalee hunduu irra kaahamu, bilisummaa dhuufaa muraasa qabaatti, maallaqa mataa ishees hedduu hin qabaattu.
''Barnootniifi abjuun ishee akka waayee baasutti hin laalamu, fedhiin ishees suuta badaa deema boodas abdii kutannaafi aarii keessa galti jiraachuun ishees dararama ta'a.''
Dubattoota umriin siiqan biratti ammoo sababni of ajjeesuu kan biraadha jetti Dr Verma.
''Hedduun isaanii rakkoo ko'oommachuu 'empty nest syndrome' jedhamu keessa jiru ijoolleen guddisan yeroo manaa bahanii mallattoolee dhibee ko'oommachuu itti uuma.''
Haata'u malee of ajjeesuun salphaatti dhaabsifamuu danda'aa jetti. '' Nama tokko sakandiif yoo dhaabsifte, carraan dhiisuu jira.''
Namootni dhuunfaan qorannoo gaggeessanis tokko sadaffaan dubartoota of ajjeesanii seenaa miidhaa fi haleellaa mana keessaa qabu.
Indiyaan addunyaarratti biyyoota namni hedduun itti of ajjeesu keessaa tokko. Namoota akka addunyaatti waggaa waggaan lubbuu ofii baasan keessaa dhiironni gahee tokko afraffaa dubartooti ammoo tokko sadaaffaa ol qabu.
Ogeessi rakkoo fayyaa sammuufi ittisa lubbuu ofii baasuurratti qorannoo hojjetan Dr Pathare jedhaman gabaasaleen bahan mataan isaanii dhugaa lafa jiru bakka hin bu'anii jedhu.
Of ajjeesuun ifatti dhimma irratti haasa'amu mitii jedhu ogeessi kun. Saalfiifi qullifannaan kanaan walqabatee jiraachuufi lubbuu ofii baasuun yeroo hedduun akka balaa tasaatti gabaasamas jedhu.
Duulli ittasa lubbuu ofii baasuu yeroo kamittuu yeroo sagantaan qophaayee gaggeefamu qabiinsa ragaafis xiyyeefannoo kennuu qaba jechuun muggutu.
Gabaasni yaalii of ajjeesuu Indiyaa nama kofalchiisaa kan jedhan Dr Pathare, addunyaarratti lakkoofsi namoota of ajjeesuuf yaalanii kan du'aniin dachaa afurii hanga 20 ta'aa jedhu.
''Karoorri Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii sadarkaa addunyaatti lubbuu ofii baasuu bara 2030'tti tokko sadaffaan hir'isuu ta'uus, kan bara isa dura tureen yoo bira qabamu bara darbe nu biratti dhibbeentaa 10 dabaleera. Kanaaf hir'isuun abjuudha.''