Kiriis Kuwomoo: CNN gaazexeessaa obboleessa isaa nama siyaasaa ta'e gargaare hojiirraa ari'e

Andiriwii (bitaa) fi Kiriis Kuwomoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Andiriwii (bitaa) fi Kiriis Kuwomoo
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1

Dhaabbati CNN gaazexeessaan lammii US Kiriis Kuwomoo obboleessa isaa kana dura magaalaa Niw Yoork bulchaa ture Andiiiw Kuwomoo gargaareef hojii irraa ari'e.

CNN erga odeeffannoon haaraa hangam Kiriis Kuwomoon obboleessa isaa himannaa qoccollaa saalaan himate gargaarerratti argatuu himee booda murteen kuni dhagahame.

Andiriiw Kuwomoo baatii Hagayya keessa ture erga hojjettoota dubartoota ta'an irratti qoccollaa saalaa raawwatani jedhamanii turan hojii kan gadhiisan.

Kiriis Kuwomoo, ganna 51, ibsa baasen murtee CNN'n mufachuu hime. ''Yeroon CNN'tti qabaachaa ture haala kanaan akka xumuramu hin barbaadu ture,'' jedhe.

Kuwomoon bara 2013 eegalee CNN kan dalage yoo ta'u yeroo gabaabaatti beekkamtii horateera.

Dhihoo immoo gabaasa filannoo Ameerikaa bara 2020 dursaa ture.

CNN immoo ibsa baasen dhaabbati seeraa yaalii Kiriis Kuwomoon obboleessa isaa gargaaruuf taasise qorachuuf osoo qacaramee jiru odeeffannoon haaraa qacarriin isaa akka adda citu taasisu dhufe jedhe.

Kiriis Kuwomoon gaafa Kibxataa ture CNN'n kan ari'ame ture.

Yeroos CNN ''haala inni keessa jiruufi maatii isaaf dursa kennee hojii akka itti aansu hubatu'' ibsuun gorsi obboleessa isaaf kenne naamusa gaazexeessummaa kan cabsedha jedhe.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Dokimantiin Abbaa Alangee Niw Yorkiin gaafa Wiixataa gadhiifame akka agarsiisetti Kiriis Kuwomoon ittisa himannaa Andiriiw Kuwomoo irratti gahee guddaa akka bahatu hojjettuu bulchiinsa Niw Yoork irratti dhiibbaa gochaa ture

''Na amanuu qabda,'' jechuun barreessituu obboleessa isaa Melisaa Derosaatti ergaa erga erguu himte.

Ergaa imeelii Niw Yoork Taayims argeeniifi Pirezidantiin CNN Jeef Zaakar hojjettootaaf erganiin ''murteen kuni salphaa miti,'' jechuun isaanii gabaafameera.

Murteen dhaabbatichaa naamusa gaazexeessummaa US keessa jiru irratti gaaffii jabaa kan kaasudha.

Maatiin Kuwomoo siyaasa US keessatti kanneen yeroo dheeraaf beekkamtii qabanidha.

Andiriiw Kuwomoon marsaa sadiif walitti aansuun bulchaa Niw Yoork ta'un kan filaman yoo ta'u abbaan isaanii Maariwoon immoo waggoota 10 caalaaf bara 1983 - 1994 Niw Yoork bulchaniiru.

Osoo qorannoon irratti hin taasifamiin dura Andiriiw Kuwomoon nama siyaasaa jabaa turan.

Qorannoon Abbaa Alangee isaan gaggeeffame dubartoota 11 isaaf hojjetan irratti qoccollaa saalaa raawwatuu bira gaheera.