Keeniyaatti konkolaataan faarfattoota fe'ee cidha deemaa ture laga guute seenee lubbuun namoota 23 darbe

Konkolaataa bishaan seene

Madda suuraa, Citizen TV Kenya

Maxxanfame

Keeniyaatti konkolaataan namoota fe'atee gara bakka cidhaa deemaa ture tokko laga bishaanii lolaan guute keessa seenuun namoonni 23 lubbuun darbe.

Balaan kun kan mudate langa Iniiziyyuu jedhamu magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobiirraa gama Bahaan kiiloomeetira 200 irratti argamutti ture.

Lagni kun lolaa cimaa irraa kan ka'e guutee bishaan riqicharra saffisaan yaa'aa wayita jirutti ture ce'uudhaaf yeroo yaalutti konkolaataan kun bishaaniin kan fudhatame.

Viidiyoon qoodame konkolaataan ummataa bifa keelloo bishaaniin liqimfamee achi buuteen isaa yeroo dhabamu agarsiisa.

Konkolaataan kun miseensota faarfattoota Waldaa Kiristaanaa fe'atee deemaa ture.

Namoota lubbuu dhaban keessaa afur daa'imman yoo ta'an, yoo xiqqaate namoonni 12 ammoo balaa mudate kana keessaa lubbuun akka oolan gabaasaaleen bahan ni mul'isu.

Haata'u malee, yeroo balaan kun mudatutti namoota meeqatu konkolaataa kana keessa ture kan jedhu ifa miti.

Konkolaachiisaan konkolaataa kanaa waa'ee daandii kutaa bulchiinsa Bemiwingii Kiituy keessa jiruufi riqicha laga bishaan kanaarra jirus akka hin beekne gaazexaan biyyattii Istaandard gabaaseera.

Hogganaan Dhaabbata Tola-ooltummaa Kiituy Nigiiluu gama isaaniitiin, balaan "rifaasisaa kun" kan qaqqabe Sambata ganama ture jedhan.

Itti dabaluunis, hanga ammaa reeffi namoota 23 argameera garuu kanneen ammallee konkolaataa keessatti danqamanii jiran waan jiraniif hojiin baraaruu akka itti fufe dubbatu.

Bakkawwan hongeen mudate tokko tokko dabalatee guyyoota dhiyoo asitti Keeniyaa bakkawwan garagaraa keessatti roobni cimaan kanaan dura hin baramiin roobaa jira.

Goginsa mudaterraan kan ka'een beeyladoonniifi bineensonni margaafi bishaan dhauun du'aniiru.