Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhalataan Indiyaa hogganaa haaraa Twitter tahe leellifamaa jira
Dhalataan Indiyaa Paraag Agraawaal hogganaa olaanaa Twitter tahuun biyya dhalootasaatti leellifamaa jira.
Namni ganna 37 kuni hundeessaan Twitter Jaak Doorsi gaafa Wiixataaa aangoo gadhiisnaan bakka bu’e.
Argaawaal bara 2011tti ture kan dhaabbata kanatti seene. Eegasii dhaabbaticha keessa sadarkaa adda addaarratti erga hojjetaa ture boodadha amma hoogganaa teeknolojii dhaabbatichaa kan tahe.
Nama amanamaa jedhamuun kan ibsamu Argaawaal sichi hojii guddaatu isa eeggata.
Haa tahu malee, filatamuunsaa Indiyaa biyya fayyadamtoonni Tiwiitarii miiliyoona 30 ol jiran keessatti akka leellifamu godheera.
Hogganaan dhaabbatichaa duraanii Doorsiin ibsa gaafa Wiixataa kenneen murtoowwan ijoo dhaabbata kana jijjiiran duuba Agraawaal jira jedhe. Innis nama waa baruuf fedhii qabuufi kalaqaa dha jedhe.
Hooggansa isaarraa amantee guddaa akka qabu hime.
Ergasii Agiraawaal illee, ’’waan gara fuulduraatti hojjedhuuf guddoo gammadeera, Jaak deeggarsa keef galatoomi.
''Waggaa kurnan har’aa yeroon hojii jalqabu hojjetaa 1000 gadi turre. Kunis waanuma kaleessa tahe malee waggaa kudhan kan guute natti hin fakkaatu,’’ jedhe.
Agiraawaal yunivarsitii beekamaa Indiyaa teeeknolojii irraa kan eebbifame yoo tahu saayinsii kompitaraan immoo Yunivarsiitii Istaanford irraa PhD isaa argateera.
Twitter osoo hin galiin dura Microsoft, Yahoo fi dhaabota teeknolojii biroo keessatti hojjeteera.
Itti gaafatamummaa isaa kana duraan teeknolojii dhaabbatichaa fooyyessuurratti hojjechaa ture.
Hojiin duraanii nama kanaa badaa beekamuu baatus hogganaa tahee filamuun booda tarree namoota beekamoo keessa galeera, sochiinsaa tokkon tokkos kana booda ni hordofama.
Ammuma illee waan inni waggaa kudhan dura Twitter irratti maxxanse ‘nama ilaalacha sanyummaa qabu’ isa jechisiisaa jira.
Hogganaa Twitter tahee filamuunsaa yeroo mootummaa Indiyaa fi Twitter dhimma bilisummaa yaada ofii ibsachuu fi oduu dogoggoraa irratti waliigalaa hin jirretti mudate.