Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hundeessaan Tiwiitarii Jaak Doorsii aangoo hogganumaa gadi dhiise
Hundeessaa fi hogganaa Tiwiitarii kan ta'e Jaak Doorsii hogganummaa dhaabbatichaa gadi dhiise.
Wayita ammaa qondaala olaanaa teeknikaa kan ta'e Paraag Agiraawaal bakka isaa akka bu'u Tiwiitariin beeksiseera.
Jaak Doorsii kan bara 2006 namoota biraa waliin ta'uun tiwiitarii hundeesse, ergasii hogganaa olaanaa Tiwiitarii fi dhaabbata kaffaltii 'Iskuweer' jedhamu ture.
"Dhumarratti kun yeroon ani itti bahuu qabudha" jechuun ibsa baaseen barreesse. Dhaabbatichi "gulantaa itti aanutti cehuuf qophiidha.''
Nama bakka isaa bu'urraa amantaa guutuu akka qabu kan hime Doorsiin, "yeroon inni itti hogganuu qabu amma" jedhe.
Paraag Agiraawaal dhaabbata tiwiitarii kan seene bara 2011 yo ta'u, erga bara 2017 as damee teekinooloojii dhaabbatichaa hogganaa ture.
Abbootiin qabeenyaa kaampaanicha keessaa qooda qaban Doorsiin aangoo akka gadi dhiisu dhiibbaa irraan gahaa turan.
'Tiwiitarii nan jaaladha'
Doorsiin aangoo gadi dhiisuun isaa akkuma dhagaahameen gatiin qooda kaampanichaa waan dabaleef gurgurtaan akka dhaabbatu murtaa'eera.
Aangoo gadi dhiisuun isaa kan jalqaba gabaasame Wiixata ganama CNBCn yoo ta'u, Rooyitarsillee kanuma gabaase.
Booda Jaak Doorsii 'Tiwiitara nan jaaladha' jechuun tiwiitara gubbaa barreesse.
Namni ganna 45 Jaak Doorsiin bara 2006 Biiz Istoon, Iivaan Wiiliyaams fi Nooha Gilaas waliin ta'uun tiwiitarii hundeesse.
Bara 2008 hogganummaa tiwiitarii gadhiisee, kaampAanii kafaltii 'Iskuweer' jedhamu kan hundeesse Doorsiin, bara 2015 hogganummaatti deebi'e.
Tiwiitariin wal-qabatee fuula beekamaa kan ta'e Doorsiin kaampaniin isaa odeeffannoo dogoggoraa tamsaasuun wayita himatamaa turetti koongiresii Ameerikaa fuulduratti dhiyaate deebii kennaa ture.
Isa waliin hogganoonni biroo kaampanichaas akka jijjiiraman eegama.