Deeggaraan teessuma gaazexeessituu gabaasarra turtee rukute dorgommiiwwan ispoortiirraa dhorkame

Maxxanfame

Deggaraan kubbaa miilaa Xaaliyaan geezexeessituu tamsaasa kallattiirra turte 'teessumashee keessa' rukutuu isaatiif Poolisiin Xaaliyaan qophiiwwan ispoortiirratti waggoota sadiif akka hin hirmaanne dhorke.

Tapha Seerii A Filooreensitti taphatameen booda gaazexeessituu Gireettaa Beekaagiliiyaa jedhamtu wayitasheen fuulashee gara kaameraatti galagalfattee gabaasaa turte 'teessumashee' rukkutuudhaaf yeroo harka isaa diriirfatu argameera deeggaraan kun.

Taateen Sambata mudate kun dheekkamsa kan kaasise yoo ta'u, namoonni baayyeen gaazexeessituu kana cinaa dhaabbataniiru.

Hojjettuu TV Toskaanaa kan taate gaazexeessituun kun iyyatashee kan dhiyeeffatte yoo ta'u poolisiin dhimmicha qorachaa jira.

Tapha Impooliin Fiyoorentiinaatiin 2-1 mo'ateen booda deegartoonni istaadiyeemii gadi dhiisanii yeroo bahanittidha namni kun gaazexessituu kanarratti qaamaan tuttuqquu qoccollaa kan raawwate.

"Kana gochuu hin dandeessu. Gaddeera," jechuun namicha viidiyoo irratti mul'atu sanatti dubbatte gaazexeessituun kun.

Taateen kun erga raawwatee xiqqoo turee gaazexeessaan buleessi TV irratti oduu dubbisu Joorjiyoo Misheeltii waan ishee mudaterratti yaada kennee kan ture yoo ta'u, yaada kenneef ammoo qeeqaan irra gaheera.

TVn Toskaanaas yaada Misheltiin kenneef hojiisaarraa 'boqonnaa hojii' maqaa jedhuun tarkaanfii irratti fudhateera.

Taateen Sambata darbee kun kan mudate liigiiwwan olaanoo Xaaliyaaniifi taphattoonni haleellaa saalaa dubartootarra gahu baaruudhaaf duularra osoo jiraniiti. Taphattoonni hundumtuu miidhaa saala irratti hundaa'e ittisuudhaaf deeggaruuf fuula isaaniirratti halluu diimaa dibatanii mul'ataniiru.

Namichi gocha kana raawwateera jedhame kun deeggaraa Fiyoorentiinaa yoo ta'u maqaan isaa, Andiriyaas Seraanii jedhama.

Himannaan yakkaairratti banamuu kan danda'u yoo ta'u, komishinariin poolisii Filooreens ajaja dhorkuu irratti baaseera.

Ajaji dhorkaa poolisiin baase kunis deeggaraan kun waggoota sadiitiif bakka qophiiwwan ispoortii itti gaggeeffaman akka hin seenneef kan irra kaa'amedha.

TV Xaaliyaan irratti gaaffiifi deebii kan taasise Seraaniin, dogogora akka hojjete amanee, Beekagiiliyaa dhiifama gaafateera. Haata'u malee, gochi isaa kun miidhaa saala irratti huna'ee kan ilaallate miti jedheera.

Gocha kana kan raawwate mo'amuu garee isaatiin booda aarii uumameen akka ture ibseera.

Gaazexaa Koreer Dellaa Seeraa waliin gaaffifi deebii kan taasifte Beekaagiliyaan gamasheetiin yaada Seraaniin kennerratti dubbachuu akka ishee rakkisu himteetti.

"Dhugaadhuma waan dogogora hin hojjenne sitti fakkaataa? jechuunis gaafatteetti.

Beekaagiliyaan yeroo tarkaanfii seeraa fudhattutti akka ishee deeggaru Toskaanaa TVn beeksiseera.