Maagdaalenaa Andersaon: MM dubartii jalqabaa Siwiidiin aangoo qabattee sa'aatii muraasa keessatti gadhiiftetti deebiite

Maxxanfame

Ministirri Mummee dubartii jalqabaa Siwiidiin torban darbe erga mudamtee sa'aatii muraasa keessatti aangoo gadhiifteen booda ammas deebiite aangoo qabate.

Miseensoonni mana maree sagalee haaraa Wiixata kennaniin, Maagdaalenaa Andersan dursituu Paartii Dimokiraasii Hawaasummaa taatee kana deegaran.

Dubartiin kun hanga Fuulbaana dhufuu filannoon gaggeeffamutti mootummaa paartii tokkichaa hogganti.

Maagdalenaan Roobii darbe erga gareen ishee diigameen booda MM ta'uu dhiiftee turte.

Maagdalinaan dubartii jalqabaa Siwiidin keessatti MM ta'uun filatamteedha.

Haata'u malee, dubartiin umuriinshee waggaa 54 kun karoorri baajataa isheen mootummaa waloo hundeessuuf dhiyeessite jalaa kufe.

Bakka isaas paarilaamaan baajata paartiiwwan mormituu dhiyeessaniif sagalee kennan.

Keessattuu Green paarty wixinnee baajataa dhiyeete kan hin funne ta'uu himuun mootummaa keessaa bahuu beeksiise.

Akka seeraatti Siwiidiniitti yoo paartiin waloo mootummaa keessaa bahee MM aangoo gadhiisuu qaba.

Sagalee Wiixata darbe paarilaamaa Siwiidiin keessatti kennameen, manni maree bakka bu'oota ummataa Siwiidiin Riksdag jedhamu miseensoota isaa 349 keessaa 101 deeggarsa, 75 sagalee osoo hin kenniin fi mormii 173 kennan.

Sirna siyaasaa Siwiidin keessatti Ministira Mummee ta'uuf, kaadhimaan tokko sagalee mormii caalmaa argachuu hinqabaatu.

Maagdalenaan sirn kenninsa sagaleetiin booda ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, sagantaalee nageenya, jijjirama qilleensaafi yakka irratti diriirsuun hojjattanii ''biyyattii gara fuula duraatti deemsiisuuf'' qophaa'oo ta'uu dubbatan.

Haata'u malee, deeggarsa paartiilee kaanii malee Aaddee Maagdaalenaan paarilaamaa teessoommni 349 keessaa 100 warra jidduugala Dimokiraatota Haawaasaatiin qabamee, keessatti seera baasuuf ni rakkatti ta'a.