Baqattoonni maaliif Firaans dhiisanii UKtti godaanuu filatu?

A UK Border Force patrol boat carries migrants picked up at sea on arrival at the Marina in Dover

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Guyyootaan dura godaantonni ulaa 'English Channel' bidiruun cehuuf yaalaa turan dhidhimuun namoonni 27 lubbuu dhabuu hordofee, hojiin eenyummaa namootaa adda baasuu itti fufeera.

Duuti jara kanaa gaaffilee hedduu kan kaase oggaa tahu, inni guddaan garuu: ''maaliif godaantonni kunniin imala balaa qabu kana yaaluun, gara UK galuu barbaadu?'' kan jedhudha.

Godaantonni maaliif ulaa kana bidiruun qaxxaamuru?

Waggootaaf kanneen namoota daddabarsan, godaantota konkolaataa fe'umsaa keessa kaahuun gara UK dabarsaa turan. Imala karaa kanaan godhamuunis balaan hamaa qaqqabeera - isaan keessaa 2019 keessa lammiileen Veetinaam 39 konkolaataa qabbaneessituu keessa ukkaamfamanii du'an.

Haa tahu malee imala gama kanaan taasifamu irratti to'annoon cimeera. To'annoon daangaa UK kan sakkatta'amu, Firaans buufata Kaalee (Calais) jedhamutti.

Kun sila taheef mala jijjiiruun namoota bishaaniirra bidiruun ergaa jiru, jedhu qondaalli to'annoo daangaa duraanii Toonii Ismiiz.

Kana malees Koovidillee mala haarayaa kanaaf gumaacheera jedhu - akkamiin jennaan, akka yeroo kaaniitti konkolaattonni fe'umsaa hedduun gara UK hin deddeebi'an.

Godaantonni maaliif Firaans dhiisanii UK deemuu filatu?

Qorannoon kanarratti gaggeeffaman, irra jireessa baqattoonni Firaans irraa gara UK deemuuf kan filatan sababa maatii achii qabaniif jedhu.

Dhimma kana haalaan baruuf namoota 402 kaampii Kaalee keessaa ''Daggala ykn Jungle'' jedhamun beekamu keessa jiran dubbisuun qorannoon taasifameera. Jara kana keessaa %82 tahan gara Ingilaand deemuuf kan fedhii qaban oggaa tahu, %12 qofatu achi turuu barbaada.

Kanneen gara UK deemuu barbaadan keessaa walakkaa ol kan tahan, achii maatii qabna jedhu.

''UK keessaa hariiroo wayii qabu, Afaan Ingiliizii muraasallee taatu ni dubbatu. Maatii, fira, yookaan hiriyaa qabu. Garana dhufuun as jiraachuufi jireenya isaanii ijaaruu barbaadu,'' jedhan hoogganaa Refugee Council kan tahan Enver Solomon.

migrants chart. Updated 22 Nov.

Godaantonni hojiifi maallaqaaf jecha imaluu?

Kanaaf deebii quubsaa kennuuf ragaan haalaan walitti qabame jiraachuu baatus, gabaan hojii Biriteen godaantota hawwata kan ejdhan jiru. Dhimmi kun dhugaadha jedhu anga'aan olaanaa Firaans, Gerald Darmanin.

Haatahu malee ogeessi godaansaa Marley Morris kanaan wal hingalu. Akka inni jedhutti UKn qajeelfamoota seeraan ala hojii hojjechuuf haalaan rakkisaa taasisan hojiirra oolchite.

''Dhimmi kun waggaa 20n dura ka'aa ture. Sirni UK [seeraan ala hojjechuuf] mijataadha jechaa turan namoonni. Biyyattiinis kanaaf deebii kennuun, seera cimaa baaste.

''[UKtti] waraqaa eenyummaa qabaachuu baannus, qajeelfamoonni bahan seeraan ala hojjechuuf kan nama dandeessisan miti. Kana malees dhaabbileen namoota hojjechuuf heeyyama hinqabne qacaranii hojjechiisanis, ni adabamu.''

Afaan beekuufi hariiroo maatii dabalatee, godaantonni 'Calais' qubatan BBCtti akka himanitti, sababni gara UK itti deemuu barbaadaniif, hariiroo biyyisaanii UK wajjin qabduun tahuu himu.

Gariin ammoo haala Firaans keessatti simannaa yookaan qabinsi isaaniif taasifamuun akka hin gammadne kaasu. Kanaaf jecha gara sana qaxxaamuruuf yaalu jedhu Rob McNeil, Yunivarsiitii Oksiford irraa.

''Biyya jirtu keessa qabinsi gaarii hin taane sii taasifamuu mee yaadi. Kanaaf bakka sana gadhiistee deemuu filatta,'' jedhu.

Migrants being brought to Dover

Madda suuraa, PA Media

Akka godaantonni jedhanitti balaan hedduu otuma jiruu, bakka hedduu dabruun Kaalee geenye. Gara UK cehuufis rakkoo jiru simachuuf qophii akka tahan dubbatu.

Fakkeenyaaf qorannoon jornaalii Fayyaa Idil-addunyaa; namoonni walakkaa ol tahan imalasaanii keessa yookaan ammoo Calais keessatti, yoo xiqqaate miidhaan gosa tokkoo irra gaheera jedha.

Namoota hagamiitu gara UK godaana?

Main European destinations for asylum. Number of asylum applicants in 2021. Germany had the most asylum applicants in Europe in 2020 - more than 100,000. The UK was fifth after France, Spain and Greece with around 40,000. .

Godaantonni hedduun biyya jalqaba gahanitti kolu-galtummaa kan gaafatan oggaa tahu, muraasatu gara UK itti fufuun imaluu fedha. Yeroo hedduu Giriik, Tarkii fi Itaalii jalqaba gahu baqattoonni.

Bara dabre keessa biyyoota Gamtaa Awurooppaa (EU) keessaa Jarmaniin lakkoofsa namoota kolu-galtummaa gaafatanii olaanaa galmeessite - 122,015. Ittaansee ammoo Firaans wayita taatu, 93,475 ture.

Yeroodhuma walfakkaataa keessa UKn 5ffaarra turte - namoota 36,041 tahantu gaaffii dhiyeesse. Kunis biyyoota EU keessaa %7 qofa ture.