Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin Loos Anjeles akkaawuntii sobaan fayyadamtoota basaasu akka dhaabu gaafatame
Dhaabbatni Feesbuuk Waajjirri Poolisii Loos Anjeles (LAPD), fuula sobaa banuun fayyadamtoota irratti basaasa gaggeessu akka dhaabuuf gaafate.
Kunis kan ta'e, gaazexaan The Guardian, poolisiin US dhabbilee teeknoolojii waliin ta'uun, yakka furuuf jecha odeeffannoo fayyadamtootaa ilaalaa akka jiru erga gabaasee booda.
Feesbuukiin akkaawontii ykn fuulaa sobaa uumuufi fayyadamuu ciminaan dhorka.
"Qondaaltonni poolisii akka akkaawuntii sobaa fayyadamuun 'qorannoo interneeta irraa gaggeessan' eeyyamuu qofa osoo hin taane, LAPD'n poolisoonni akkaawuntii sobaa akka uuman godheera," jechuun itti aanaan hogganaa Feesbuukiifi barreessaan mirga namoomaa Rooy Oostin xalayaa qajeelfamoota Feesbuukii ibsan irratti barreesseera.
"Fudhatamummaan qajeelfamoota kanaa LAPD irratti kan hundaa'u ta'us, qondaaltonni poolisii tajaajila keenya irratti yeroo akkaawuntii banan qajeelfamoota Feesbuukii kabajuu qabu.
Dhabbaatni poolisii Feesbuukii irratti gocha akkawuuntii sobaan, nama biraa of fakkeessuu fi basaasaaf jecha odeeffannoo funaanuu hojjatu hunda dhaabuu qaba."
Odeeffannoon gaalmee poolisii irraa gaffii dhabbata miti mootummaa Brennan Center of Justice jedhamun bara 2019tti argame akka mul'isutti, LAPD'n sooftiweerii to'annoo miidiyaa hawaasummaa Voyager Labs jedhamu fayyadamuun, miidiyaalee hawaasummaa shakkamtootaa fi hiriyyoota isaanii irraa odeeffannoo funaanaa tureera.
Voyager Labs akka jedhutti sooftweeriin isaa odeeffannoo hedduu fayyadamuun, karooraa fi amantaa fayyadamtootaa adda baasuun akka danda'amu gochuun, yakka furuuf gargaaraa jedha.
LAPD'n softiweeriin kun keessummaa sochii gartuu yakkamtoota interneeta irra jiruu, saamicha raawwatamee fi ajjeechaa adda adda irratti ragaa funaanuuf akka gargaaru erga iimeeliin barreesseen ibseera.
Feesbuukiin fayyadamtootaa isaa irratti basaasuu fi akkawuntii sobaa uumuun , kayyoo isaa namootni ' akka wal qunnamaniifi eenyummaa isaanii sirrii akka waliif qodaniif' uumame kan falmudha jedha.
Ta'us garuu, Awustiraaliyaa irraa ogeessi nageenyaa, basaasa seera qabeessaa irratti hojjetu, Roobart Pootar, akkawuntii maqaa sobaan uumuun namoota akka roggeessota mirga namoomaa fi gazeexessitoota eenyummaa isaanii nageenyaaf jecha dhooksan ykn fayyadamtoota biyyootii to'annoo fi gulaalli inteerneeta jiru keessa jiraniif barbaachisaadha jedha.
Dabalataanis Feesbuukiin dhimma, beeksisa siyaasaa nama dogoggorsanii, gowwoomsa interneetaa fi miidhaa miidiyaan hawaasummaa ijoollee irratti qabu irratti xiyyeeffachuu dhisee LAPD irratti mormii cimaa uumuun isaa nama dhiba jedha.
"Feesbuukiin waltajjii hawaasa rakkoo uumanii akka, daa'imman seeraan ala daddabsuu, shororkeessummaa fi oduu sobaa Covid irratti argaman ta'uun isaa nama dhiba."
"Garuu kana hunda caalaa isa LAPD'n tajaajila isaa sirritti fayyadamuu dhabuu isaa irratti xiyyeeffata," jechuun BBCtti himeera.
Iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabaachuu isaa himuus, Hagayya keessa miidiyaan hawaasummaa kun fuula hayyoota US beeksiisaa siiyaasaa qoratan dhorkeera.
Feesbuukiin hojiin qorattoota kanaa nageenyaa miidiyaa isaa kan miidhudha jedhus, qorattoonni kun garuu hojiin isaanii dimookraasii eegsisuu fi iftoomina miidiyaa hawaaasummaa eegsisuuf barbaachisaadha jechuun falmaniiru.