Akkaawuntiin Feesbuukii deeggartoota pireezidaantii Biraaziil akka cufamu ajajni darbe

Maxxanfame

Manni murtii waliigalaa Biraaziil akkaawwuntiin deeggartoota pireezidaant Jaa’iir Bolsonaaroo akka cufamuuf ajaja dabarse.

Deeggartoonni pireezidaanticha abbootii murtii irratti odeeffannoo sobaa tatamsaasuun kan himataman yoo ta’u, dhaabbanni miidiyaa hawaasummaa Feesbuuk garuu bilisummaa dubbachuu namoota kan daangeessu waan ta’eef ol iyyata akka gaafatu ibseera.

Manni murtichaas Feesbuukiin Koongirasiifi manni murtii waliigalaa akka cufamuuf fonqolcha mootummaa waamuuf kan gagaare ture jedheera.

Caamsaa keessa fuulli 12 akka cufamuuf kan ajajame yoo ta’u, fuulli Tiwiitaraa 16 illee akka cufamuuf mannai murtii ajaja kennee ture.

Manni murtii Biraaziil oolmasaa guyyaa Jimaataatiin Feesbuukiin akkaawuntiiwwan kunneen kutaalee addunyaa kamuu keessaa tajaajila akka hin kennineef haa cufamu jedhus Feesbuukiin garuu murtee kana hin fudhu jedheera.

Kanaanis manni murtichaa dhabbata Feesbuuk doolaara kuma 368 akka kaffaluuf adabeera. Yeroo sanitti akkaawuntiiwwan Feesbuuk kunneen Biraaziil keessatti qofa tajaajilamuun akka hin danda’amneef ture kan walii galan.

Dabalataanis ajaja darbe hojiirra oolchuu diduusaatiif guyyatti doolaara 19,184 akka kaffaluuf irratti murtaa’eera.

Ta’us garuu adabbiin walfakkaataa Tiwiitara irratti darbuusaa yookiin darbuu dhabuusaarratti wanti beekame hin jiru.

Feesbuukiin gamasaatiin murteen darbe seera idil addunyaa fi aangoo waliin kan walitti bu’udha jechuun mormeera.

Dhaabbanni Feesbuukis murtee darbe irratti ol iyyata akka galchu ibseera.

Namoota akkaawuntiinsaanii akka cufamuuf manni murtii ajaja dabarse keessaa hogganaa paartichaa fi pireezidaantiif namni amanaa ta’an Roobertoo Jeefarsan akkasumas namni beekamaa daldala keessatti hirmatu Lusiyaanoo Haang keessatti argamu.

Feesbuukiin ji’a Adoolessa keessa akkaawuntiiwwan sobaa Feesbuukii fi Instaagiraam sobaa gaazexeessaa fi madda oduu fakkeessuun banaman heddu cufeera.

Akkaawuntiiwwan kunneenis hojjattoota waajjira pireezidaant Bolsonaaroo, ijoolleesaanii Edwaardoo fi Filaaviyoo akkasumas isaan kaan waliin hidhata kan qaban ta’uusaanii ibseera.