Teeknooloojii ፡ Facebook hojjettoota godaantota ta'aniif dursa kenne jechuun US himatte

Maxxanfame

Ministeerri Haqaa Ameerikaa Feesbuukiin godaantotaaf dursa kennuun lammiilee Ameerikaa miidheera jechuun himate.

Akkaataa himannaa kanaatti miidiyaan hawaasummaa kun bakkeewwan duwwaa 2,600 irratti lammiilee Ameerikaa qacaruun osoo irra jiruu garuu hin qacarin hafeera.

Bakkasaa namoota biyyoota biraadhaa Visa yeroof qabatanii gara Ameerikaa seenaniif carraan hojii kun kennameera jedha himati dhiyaate.

Himata irratti dhiyaate kana kan waakkate Feesbuukiin garuu dhimma kanarratti ministeera haqaa waliin dubbachaa jiraachuu ibseera.

Feesbuukii dabalatee dhaabbileen teeknooloojii gurguddoon sirna visa H-1B jedhamu gargaaramuun hojjettoota collee ta'an biyyoota biroodhaa fudhatanii hojjechiisuun beekamu.

Himati Ministeera Haqaa US'n Kamisa kaleessaa dhiyaate akka agarsiisutti, Feesbuukiin beekaa akkaataa namoota Visa H-1B'dhaan jiraniif mijatutti carraa hojii baaseera.

Ministeerichi qorannaa waggaa lamaan darbaniif taasiseen booda himata kana banuu ibsa.

Himati kun kan fudhatama argatu yoo ta'e, Feesbuukiin maallaqa silaa otoo lammiileen US qacaramanii argachuu malan hunda adabamuu danda'a.

Hojjetaa ministeerichaa kan ta'an Abukaatoo Eriik Diraaybaand, dhaabbileen teeknooloojii hojii akkanaa irraa akka of-qusatan akeekkachiisan.

Hoji-manee Baayidan

Hanga ammaatti bu'aa filannoo US erga ibsamee ji'a caale onnee guutuun kan hin fudhanne Doonaald Tiraamp, hojii harcaasanii Baayidanitti dabarsanii dhiisuuf waan yaadan fakkaata jetti xiinxaltuun BBC Samiiraa Huseen.

Dhiyeenya kana Tiraamp seerota haaraa baasuu heddummeessaniiru.

Waggoota arfan darban aangoorra turan keessatti dhaabbileen teeknooloojii sirna Visa H-1B fayyadamuun hojjettoota akka hin qacarre gochuuf baay'ee ifaajaa turan.

Dhaabbileen teeknooloojii karaa visa kanaa hojjettoota qacaruu kan itti cichan ta'us, Tiraamp lammiilee US'f dursi yaa kennamu jechuunsaanii dhiibbaa guddaa isaanirratti uumaa ture.

Himati Feesbuukiirratti banames kanuma bu'uura godhachuudhaani.

Hariiroon Tiraamp dhaabbilee teeknooloojii gurguddoo waliin qaban laaffataa ture.

Miidiyaaleen hawaasummaa jajjaboon akka Feesbuukii kun odeeffannoowwan sobaa akka tatamsa'an haala mijeessaniiru jedhamuun baay'ee qeeqamu.

Qeeqa akkanaa kan kaasaa turan dimokiraatota qofa osoo hin taane, warri rippaabilikaanotaas qeeqaa turan.

Feesbuukiin garuu himata akkanaa ni waakkata, fayyadamtoonni akka fedhasaaniitti walabummaan akka fayyadaman ni eyyamna jedha.