Sudaan: Mormiiwwan dhiheenyaatiin namoonni shan ajjeefamuu gareen wallaansaa hime

Maxxanfame

Sudaan keessatti leelliftoonni demookraasii guyyaa Sanbataa mormiif bahan shan ajjeeffamuu Koreen Jidduugala Doktaroota Sudaan beeksise.

Garichi akka jedhutti, namoonni mormiif bahan afur erga rasaasaan rukutamanii booda yoo du'an, shanaffaan ammoo walitti bu'iinsa humnootii nageenyaa waliin umameen booda gaazii imimmaaneessaan ukkaamfamee du'e.

Namoonni kuma hedduun lakkaa'aman fonqolcha mootummaa mormuuf magaaloota biyyattii garagaraa keessatti hiriira bahaa jiru.

Haata'u malee poolisiin miidhaa qaqqabsiisuu haaluun, ''humna gadaanaa'' qofa fayyadamuu beeksise.

Televizhiniin mootummaa ammoo walitti bu'insichaan miseensonni poolisii 39 madaa'uu gabaase.

Hokkorri cimaan kunis erga hoggansi waraanaa mana maree isaa beeksiseen guyyootaan booda umame.

Jenaraal Abdal Fattaah al-Burhaan duree mana marichaa ta'uu guyyaa Kamisaa beeksifame.

Hogganaan fonqolchaa kunis waliigaltee qoodinsa aangoo mootummaa gama siivilii ture diiguun, aanga'oota siivilii hidhuufi labsii yeroo muddamaa baatii darbe keessa labsuun isaa ni yaadatama.

Waraanni Onkolooleessa 25 fonqolcha taasisuun aangoo dhuunfate qaamolee idil-addunyaa irraa balaaleeffannaa cimaa keessummeessaa jira.

Erga yeroo sanaatii kaasees mormitoonni mootummaan waraanaa ka'uun akka bulchiinsa siiviiliitti aangoon ce'uumsaa karaa nagaatiin taasifamuuf gaafachuuf, daandiiwwanitti bahuun mormii dhageessisaa jiru.

Mormiin guyyaa Sanbataas osuma eegumsi nageenyaa cimaan jiruu gaggeeffame. Akaksumas mormii walfakkaataan biyyattiin alattis Paariisiifi Barliin fa'i keessattis gaggeeffameera.

AFPn akka gabaaseetti mormitoonni Magaalaa guddoo Kaartuum keessatti dhaadannoowwan, ''Lakkii, bulchiinsa waraanaatiif lakkii'' fi ''manni maree haa kufu'' jedhan dhageessisaa turan.

Gabaasni namoonni shan ajjeeffamuu kunis toora Facebook Koree Jidduugala Dooktaroota Sudaan irratti kan ibsame yoo ta'u, ''namoonni baayyeen kan biraas miidhamuu'' gabaaseera.

Gareen hakiimootaa kunis dabaluun humnootiin nageenyaa hospitaala magaalaa Omdurmaan keessa jiru seenuun namoota miidhaman hedduu to'achuu beeksiseera.

Erga oduun kun baheen boodas, imbaasiin US Kaartuumiitti argamu karaa toora Twiitaraan lammiilee ''bilisummaa fi demokraasiif'' jecha bahan irratti ''humna cimaa fayyadamuu'' balaaleeffateera.

Fonqolcha Sudaan irratti dabalata dubbisuuf: