Hidhaan Guddichi Haaromsaa yeroo dhiyootti annisaa maddisiisuu eegala jedhame

Madda suuraa, @seleshi_b_a
Itoophiyaan yeroo dhiyoo keessa Hidha Haaromsaa Guddicharraa annisaa elektiriikii maddisiisuu akka eegaltu himame.
Anga'aa olaanaa biyyattii eeruun gabaasa Royitars midhaasseen, hidhaan kun hojii marroo jalqabaan humna elektiririikii meeggaa waatii 700 maddisiisa jedheera.
Kunis humna elektirikii biyyattiin oomishtu harka 14n akka dabalu himameera.
Ministir deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teknolojii Itoophiyaa Huriyaa Alii, Festivaala Teknooloojii Afrikaa irratti: Itoophiyaan piroojektiiwwan annisaa garagaaraa gaggeessaa akka jirtu dubbataniiru.
Isaan keessaas bara haaraa faranjootaa dhufutti ''meeggaa waatii 700 maddisiisuu kan danda'u Hidhi Haaromsaa isa tokko'' jechuusaanii Rooyitars gabaase.
Ministirri Bishaaniifi Jallisii duraanii Itoophiyaa Dr. Injinar Silashii Baqqalaa, Hidhaan Laga Abbayyaa irratti ijaaramu kun ji'oota jalqabaa ALI 2014tti elektrikii maddisiisuu eegala jechuun ji'ootaan dura dubbatanii turan.
Dhimma hidhaa Haaromsaa Guddicha Itoophiyaan waggoota kudhanii oliif ijaaraa jirtu kanarratti, Masrii fi Sudaan wajjin marii cimaa gaggeessaa baatus, dhimmicha mariin hiikuu hin dandeenye.
Masrii fi Sudaan guutinsa hidhichaa fi oppireeshinii irratti waliigalteerra otoo hin gahamin, hidhaan bishaaniin akka hin guutamne jechuun kan waywaachaa turan oggaa tahu, hidhaan kun garuu annisaa maddisiisuutti dhiyaateera.
Hidhaa Itoophiyaan baasii doolaara biiliyoona afurii oliin baasii ofiitiin ijaaraa jirtu kana, Masriifi Sudaan bishaan argannu nu jalaa hir'isa jechuun sodaasaanii haga Mana Maree Nageenyaa UNtti gahaniiru.
Itoophiyaan gamasheetiin hidhaan ijaaraa jirtu kun kaayyoon isaa ijoon humna elektirikii maddisiisuu akka tahe himuun, biyyoota yaa'a gadii kanarratti dhiibbaa hin geessisu, inumaawuu balaa lolaa hir'isuun, hanga bishaanii isaan barbaachisu akka argatan taasisa jechuun falmaa turte.
Ijaarsi isaa guutummaatti wayita xumuramu guddinaafi humna maddisiisuun ardii Afrikaa keessaa isa dursaa kan tahu Hidhaan Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa, annisaa Meeggaa waatii 5,000 ol akka maddisiisu eegama.
Itoophiyaan wayita ammaa hidhaawwan qabdurraa annisaa meegaa waatii 4,967 maddisiisaa kan jirtu oggaa tahu, Hidhaan Laga Abbayyaa wayita obba'u humna elektirikii biyyattii dachaan kan dabalu taha.
Hojii jalqabuu hidha kanaa kan eegan biyyoonni ollaa, sarara daddabarsa humna elekitirkaa kan diriirsan oggaa tahu, waliigaltees taasisaa jiru.















