Peeruu: Sareen guddisan erga ollaa walitti buuse booda jeedala ta’un barame

Sareen guddisan erga ollaa walitti buuse booda jeedala ta'un barame

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Sareen guddisan erga ollaa walitti buuse booda jeedala ta'un barame
Maxxanfame

Maatiin tokko biyya Peeruutti saree jechuun kan bitanii guddisan boodarra jeedala ta'un barame.

Kunis kan ta'e bineeldota ollaa jiran miidhuun isaa erga baramee boodadha.

Maatiin kuni saree kana dolaara 13'n ijoollummaa isaatti suuqii xiqqoo magaalaa guddoo biyyattii Limaa argamurraa bitan.

Haa ta'u malee, yeroo booda ollaan isaanii saree isaanii Raan Raan jedhamu balfuutti ka'e. Achiitii warri bineensota bosonaa qabanii hidhan.

Sareen sareedha jedhanii guddisan kuni ganda keessa giinii piig, wuciifi daakiyyee ariyee ajjeesuu yookiin nyaachuu itti fufe. Kunimmoo ollaa oorisise.

''Baatii tokko dura dubartiin dhihoo kanaa dhuftee giinii piig sadii naduraa nyaate jette.

''Achiimmoo guyyoota lamammoo sadii dura akkawoon tokko dhufanii giinii piig ni ajjeesa,'' jechuun akka itti himame abbaan saree kanaa Maaribel Soteloo Rooyitarsitti dubbatan.

Boodarra akka barametti taanaan garuu Raan Raan saree miti. Jeedala Andiyaan jedhamudha. Miila qaqal'oo, faachoo rifeensa baay'atu, mataa xiqqoofi gurri isaas beeksisa.

Tajaajilli Bineensa Bosonaafi Bosona Biyyaalessaa Peerutti argamu akka jedhetti bineensonni bosonaa naannawa Amaazoniitii bitamanii seeraan ala Limaa keessa ni gurguramu.