Sareen Xaaliyaanitti xuuxillaa magariisa dhalte ijoo dubbii taate

Pistaashiyoo obboloota isaa waliin

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Barrii kun waanumaa addaa nutti agarsiisaa jira jechuun ni danda’ama. Wanti baay'ee adda ta’e Xaaliyaan keessatti uumameera.

Sareen qonnaan bulaa Xaaliyaan Kiristiyaan Mallochii, Sipelachiyaa jedhamtu xuuxillaa rifeensa magariisaa qabdu dhalteetti.

Saaree kanaaf maqaa Pistaashiyoo jedhamuutu kennameef.

Odola Sardiiniyaa keessatti xuuxillaan kun shan ta’anii kan dhalatan yoo ta’u Pistaashiyoo irraa kan hafe afran isaanii akkuma haadha isaanii rifeensa adii qabu.

Sareen rifeensa magariisaa qabdu dhalachuun wanta argamee hin beeknedha. Xuuxillaan kun gadameessa haadhashee keessatti tarii halluu magariisaa biliverdiin jedhamuu tarii xuqeeniiti jedhamee yaadama.

Garuu, oduu namoota hedduu gaddisiiseen- halluun Pistaashiyoo suuta suuta gadhiisaa dhufeera, akkasumaa gadhisaas ni deema.

Pistachio

Madda suuraa, Reuters

Obbo Mallochiin Pistaashiyoo irraa kan hafe xuuxilloota hunda namaaf kennuuf murteesseera. Pistaashiyooniis hoolota tiksuu irratti isa gargaara.

Magariisi halluu abdii fi milkii jedhama.