Sudaan: Jeneraal Abdul Fattaah al-Burhaan mootummaa Sudaan ittaanu keessatti hin hirmaadhu jedhan

Maxxanfame

Ajajaan waraana Sudaaniifi kan fonqolcha mootummaa dhiheenya biyyattiitti gaggeeffame olaantummaan dursan, Janaraal Abdul Fattaah al-Burhaan ce'umsaan booda qaama mootummaa akka hintaane turtii Al Jaaziraa waliin taasisaniin himan.

Kana malees Janaraalichi lammiilee fonqolcha mootummaa baatii darbe keessa gaggeeffame morman ajjeestan jedhu waakkataniiru.

''Mootummaa siivilii gahumsa qabutti aangoo kennuuf murteeffanneerra. Jiddu-galuumsa ce'umsicha guffachiisuu danda'an kamuu ittisuufis waadaa galla,'' jedhan.

Koreen Hakiimoota Sudaan hiriirawwan mormii fonqolcha mootummaa gaggeeffame ilaalchisuun bahameen, yoo xinnaate namoonni 14 ajjeeffamuufi kanneen gara 300 ta'an ammoo miidhaan irra gahuu ibseera.

Haata'u malee Janaraal al-Burhaan waraanni namoota nagaa akka hin ajjeefneefi kanneen ajjeefamanifis itti gaafatamummaa kan hin fudhanne ta'uu ibseera.

''Waraanni Sudaan lammiilee hin ajjeessu. Koreewwan qorannoo maal akka uumame beeksiisan jiru,'' jedhe.

Akka gabaasa Al-Jaziraatti, ''Dhimmoonni siyaasa Sudaan danqaawwan qabaatanilleen, sa'aatiiwwan 24 itti aanan keessatti haala qoodinsa aangoo mootummaa ce'umsaa ilaalchisuun waliigaltee irra akka gahamu abdiin qaba,'' jechuun himaniiru Janaraal Burhaan.

Rakkoo siyaasaa Sudaan keessa jiruuf furmaata barbaachuuf jilli Liigii Arabaa gara Kaartuumiitti imalee akka tures gabaafameera.