Fonqolcha Sudaan: Jen Abdel Fattaa al-Burhaan, US fi UN waliin erga dubbatanii mootummaa ce'umsaa deebisuuf

Madda suuraa, EPA
Hogganaan humna waraanaa Sudaan Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaan, erga Ameerikaa fi UN waliin dubbatanii adeemsa gara mootummaa cehumsaatti taasifamu akka ariifachiisan himan.
Bakka Bu'aan Addaa UN, Voolker Peertiis akka jedhanitti, marichaan booda fonqolcha mootummaa ji'a darbe gaggeeffame iddootti deebisuufi ministira muummee Abdallaa Hamdook hojii isaatti deebisuuf waliigalameera.
Abdallaa Hamdook ammayyuu hidhaa mana keessaa jala jiru. Ministirootni afur hidhaa turan garuu gadhiifamaniiru.
Fincilli tokkummaan biyyattiitti gaggeeffamuun pirezidaantii duraanii Omar al-Bashir aangoo irraa kaase, fincila waliigalaa guyyoota lamaaf Dilbataa fi Wiixatatti waameera.
Jeneraal Abdel Fattaa al-Burhaan erga Antoonii Bilinken waliin dubbatanii ibsa kennaniin, caasaa mootummaa cehumsaa jalqabe ariifachiisuufi mootummaa hundeessuuf adeemsa barbaachisu ariifachiisuuf waliigaluu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Dubbii himaan Waajira Dhimma Alaa US, Need Piraayis, Biliinkeen marii bilbilaan al-Burhaan waliin godhan irratti namoota siyaasaa maqaa gurguddaa qaban fonqolchaan booda hidhaman, akka ariitiin gadhiifaman gaafachuun gara marii nagaa Abdallaa Hamdook dabalateetti akka galan gaafataniiru jedhan.
Mootummaan siivilii akka deebi'uun hundaa'us waliigaluu isaanii Aljaaziiraan gabaaseera.
Erga humni waraanaa aangoo of harka galfatee lammiileen Sudaan kumaatamaan daandiitti bahuun mormaa turan.
Onkoloolessa 25, 2021 al-Burhaan miseensota mootummaa cehumsaa hundaa'ee ture bittinse. Qondaalota mootummaa fi gaggeessitoota siyaasaa mana hidhaa galche.
Abdallaa Hamdook erga guyyoota lamaaf mana keessatti hidhamuun eegumsa guddaa jala turee gara mana isaatti deebifamuun, dippilomaatota idil-addunyaa UN waliin akka mari'atu eeyyamameeraaf.
Kunis akka qaama gara mariitti deebi'uutti fudhatame.
Sudaan erga Omar al-Bashir aangoo irraa kaafamee mootummaa cehumsaa qaama waraanaa fi siivilii irraa walitti bahuun mana maree ce'umsaa hundaa'een gaggeeffamaa turte. Kun hanga ji'a darbe humni waraanaa biyyattii mana marichaa bittinsuun deebisee aangoo qabatetti ture.
Fonqolcha kana hordofee Gamtaan Afrikaa Sudaaniin sochii isaa hunda keessaa dhorkeera.















