Saawudii fi UAEn fonqolcha Sudaan mormuun, mootummaan siviilii bakkatti akka deebi'u gaafatan

Mormii Sudaan keessatti gaggeefamaa jiru keessaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Saawudi Arabiyaafi Yunaayitid Araab Emireetis waliin ta'udhaan, fonqolchi dhiheenya Sudaaniitti gaggeeffame ka'ee mootummaan siivilii bakkasaatti akka deebi'uuf gaafatan.

Biyyoonni kunneen lamaan kan kana dura dureewwan waraana Sudaan deeggaraa turan, amma fonqolchi raawwatame hafee mootummaan siivilii bakka akka deebi'uuf waamicha yoo taasisan yeroo jalqabaatiif.

Biyyoota lameen kanneeniifi Ameerikaa akkasumas Biriteen waliin ta'uun ibsa waloo guyyaa Roobii karaa Isteet Dippaartimantiin baasaniin, ''kanneen taatee dhiheenyaatiin to'ataman hundi akka gadhiifamaniifi labsiin yeroo muddamaa akka ka'uuf,'' gaafataniiru.

''Sudaan haaraa keessatti hokkorri eddoo hinqabu. Yeroo kanatti qaamooleen hundinuu marii bu'a-qabeessa akka taasisan jajjabeessina. Akkasumas hundumtuu akka nagaafi tasgabbii ummata Sudaaniif dursa kennuuf gaaffanna,'' jedha ibsi waloo kun.

Dureewwan waraanaa Sudaan erga fonqolcha taasisanii qabee, qondaaltoota siyaasaa hidhan akka gadiisanii fi aangoo irra akka bu'aniif dhiibbaan idil-addunyaa itti cimaa jira.

Ministirri Mummee Abdallaa Hamdok erga Onkolooleessa 25tti dursaa fonqolchichaa Janaraal Abdal Fattaah al-Burhaaniin gaggeeffameen aangoorraa buufamanii qabee, magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum keessatti hidhaa manaa irra jiru.

Erga guyyaa fonqolchi mootummaa biyyattii keessatti gaggeeffame kaasee, hiriirri waraana mormu magaalaa guddoo fi magaaloota biraa keessatti gaggeeffamaatuma jira.

Odeessaalee walfakkaatan dabalataa: