Afgaanistaan: US maatii namoota haleellaa Kaabuliin ajjeefamaniif beenya kaffala jette

miidhaa haleellaa dirooniin gahe
Maxxanfame

Hagayya keessa halleellaa diroonii waraanni Ameerikaa Afgaan, Kaabul keessatti raawwateen, namootni nagaa 10 dogoggoraan erga ajjeefamanii boooda mootummaan US maatii isaaniif beenyaa kaffaluuf gaafate.

Haleellaa kanaan hojjataan gargaarsaa namoomaa tokko, daa’immaan torba dabalatee misoonsotni maatii isaa sagal ajjeefamaniiru.

Dabalataaniis Peentaagon, miseensota maatii kanaa lubbuun oolan gara UStti fiduuf hojjachaa akka jiru beeksiseera.

Haleellaan kun kan raawwatame humni waraanaa US, Afgaanistaanii ba’uu isaanii guyyoota muraasa durseeti.

Haleellaa kana guyyoota muraasa dursee gartuun IS-K jedhamu, kan dame IS Afgaan keessa socho’u, buufata xiyyaaraa Kaabul irratti haleellaa hamaa gaggeessee ture.

Hagayya 29 irratti, hidhattoota IS-K waliin hidhata kan qabu se’uun, basaasni US, konkolaataa hojjataa kanaa sa’aatii saddeetiif hordofaa akka ture, Komaandii Giddugaleessaa US irraa Janaraal Keneet Makeenzii ji’a darbe ibsaniiru.

Yeroo tokkotti, dirooniin kun wantoonni boombii fakkaatan yemmuu konkolaataa isaa irratti fe’aman arge, ta’us garuu wanti fe’amaa ture bucculee bishaanii ture.

Janaraal Makeenzii, haleellaan kun “dogoggora gaddisiisaadha” jechuun haleellaa kana gaggeessuuf odeeffannoo argame keessa harki Taalibaan akka hin jirre himaniiru.

Haleellaan kun kan gaggeeffame utuu hojjataan gargaarsaa Zamaayirii Ahmaadii jedhamu buufata xiyyaraa irraa km 3 imalee yeroo mana isaa seenaa jiruudha.

Kanneen haleellaa kanaan ajjeeffaman keessa tokko, humnoota US’f nama afaan hiikaa ture, Ahmad Naseer jedhamudha.

Namootni biroon ammoo kanneen dhabbilee idil addunyaa addunyaaf hojjachaa turanii fi US’tti imaluun kannen viisaa qaban turani.

Yaadni beenya kaffaluu kun kan ibsame Kamisa yemmuu itti aanaan dubbi himaan humna ittisaa Kooliin Kaahil fi hundeessaa fi hogganaan gartuu gargaarsaa Afgaanistaan keessatti hojjatu 'Nutrition and Education International' jedhamu, Istiivan Kiwoon erga marii taasisanii booda akka ta’e Peentaagon ibsa kenneen eerera.

Ahmadii fi namootni ajjeefaman biroo ‘’ namoota nagaa gartuu ISIS-K waliin homaa hidhata hin qabnee fi humnoota US irratti namoota yaddoo hin uumne,” akka ta'an amma beekna jechuu isaanii dubbii himaan Dhabbata Ittisaa Joon Kirbii ibsaaniiru.

Ministeerri Ittisaa Looyid Oostin “kaffaltii beenyaa” dabalatee maatilee kanaaf itti gafatamummaa akka fudhatan ibsuu isaanis eerera.

Aab Oostin haleellaa kanaaf dhiifama kan gaafatan yoo ta’u, mucaan obboleessa Ahmadii, Farshaad Hayidarii, ganna 22, garuu kun ga’aa miti jedheera.

“As dhufanii fuulaa fulatti dhiifama nu gaafachuu qabu,” jchuun miidiyaa AFP Kaabul keessa jirutti himeera.

Yeroo US humnoota ishee Afgaanistaan keessaa baasuu eegalte, Taaliban torban laman keessatti biyyattii to’achuu danda’eerra. Kaabul Hagayya 15 to’annoo jala oolte.