Barattoota Yuunivarsitii Finfinnee nyaata madaalawaa oomishan

Barattoota afur nyaata madaalawaa oomishan

Madda suuraa, The FABARELY PROJECT

Maxxanfame

Barattoonni Yunivarsitii Finfinnee damee barnootaa Faarmaasii baratan Afur maqaa Beta Blockers Initiative jedhuun pirojaktii nyaata madaalawaa garbuu fi baaqilaa irraa qopheessu eegalaniiru.

Barattoonni kunneen waggaa afraffaa kan barataa jiran yoo ta'u, isaanis Naa'ol Addunyaa, Yooseef Taarikuu, Kiruubeel Ingidaaworqi fi Musee Abrahaam jedhamu.

Hundi isaaniiyyuu doormii tokko turan, yaada kanas kan burqisiisan doormii isaanii keessatti tibba weerara koronaavaayirasiif jecha wanti hundi cufamee turetti.

Barattoota kunneen keessaa tokko kan ta'e Naa'ol Addunyaa hiriyyoota isaa waliin ta'uun nyaata rakkoo hanqina nyaata daa'immanii fura jedhame garbuufi baaqilaa irraa hojjechuun sadarkaa idil-addunyaatti badhaasa gara garaa akka mo'atan hima.

Maqaa pirojektii isaanii maalirraa ka'uun akka moggaasan akkanan ibsa Naa'ol.

''Beta blockers gosa qorichaa akkaan beekamuudha. Fiildiin keenyas kanarratti waan hundaa'uuf kanumarraa kaanee maqaa kana moggaafanne-Beta Blockers Initiative,'' jehe barataa Naa'ol.

Buskuta sona nyaataa fooyya'aa qaban bifa garaagaraan hojjechaa jiraachuu kan himu barataa Naa'ol, keessattuu nyaata madaalawaa daa'imman argachuu qaban irratti xiyyeeffachuu hima.

''Garbuun kaarboon haayidireetii, baaqilaan ammoo pirootiiniin kan badhaadhaniidha. Kana walitti ida'uun daa'imman keenya hanqina nyaataa madaalawaa qaban tumsuuf hojjetaa jirra.''

Akkamiin eegalan?

Barattoota buskutii baatanii jiran

Madda suuraa, The FABARELY PROJECT

Hojii kana Onkoloolessa 2020 eegaluu kan himu barataa Naa'ol, ''yeroo sana sababa Covid wanti hunduu waan cufameef hiriyoota koo waliin karaa oonlaayinii walquunnamnee yeroo kanatti maal hojjechuu qabna? Akkamiin rakkina saba keenyaa furuu keessatti hirmaanna? Dirree kamirratti osoo bobbaanee bu'a qabeessa taana kan jedhu ilaaluu jalqabne,'' jedhe.

Akka barataa Naa'ol jedhutti rakkoo guddaan biyyattii rakkoo nyaata madaalawaa ijoollee mudatu waan ta'eef kanarratti hojjechuuf murteessan.

''Ijoolleen nyaata madaalawaa argattee yoo guddatte malee mana barumsaatti bu'aa gaarii hin fiddu. Rakkina fayyaaf saaxilamu. Kanaaf kanarratti hojjechaa turre. Kana milkeessuuf qorannoo hedduu gaggeessaa turre.''

''Namoota beekumsa qaban hedduu quunnamuun, barumsa argannetti fayyadamuun waan kana hojjechuu dandeenye.''

Ofiisaa dhalootaan Walloo Kamisee ta'uu kan hime barataa Naa'ol Addunyaa, naannawa isaatti daa'imman wayita hanqina nyaata madaalawaan hubaman argaa waan guddateef haalli kun rakkoo kanarratti hojjechuuf akka isa kakaase hima.

''Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa(WHO) fi jaarmiyaaleen kaan buskutii fidanii ijoolleef hiru turan. An ijoollee sana keessaa tokkon ture. Nyaata kana fudhachuun hammam akka na gargaare nan beeka. Sanarraa ka'een yaada kana dhiyeesse.''

''Ijoolleen sadarkaan amma ga'erra ga'uuf nyaata madaalawaa argachuu qabu. Baratanii uummatasaanii qixa sirriin tajaajiluuf sammuunsaanii gabbachuu qaba. Banaa ta'uu qaba. Kaka'umsa kan nuuf ta'e seenaama jireenya keenyaati,'' jedha Naa'ol.

Pirojektiinsaanii sadarkaa maaliirra jira?

Barattoota buskutii oomishan keessaa tokko hojjetaa DTU'tti wayita dubbatu

Madda suuraa, The FABARELY PROJECT

Akka barataa Naa'ol Addunyaa jedhutti yeroo ammaa fakkeenyi oomisha isaanii (prototype) inni jalqabaa hojjetamee kan xumurame yoo ta'u, kanaanis dorgommii adda addaarratti hirmaataa jiru.

''Yeroo ammaa sadarkaa yuuniversitii keenyaatti dorgomnee badhaasa Hult Prize mo'anneerrra. Dorgommii yuuniversitii Massachusetts keessatti ture irrattis dorgomnee garuu hin milkoofne. Dorgommii sana sababa koronaatiif jecha qaamaa deemnee irratti hin hirmaanne. Karaa onlaayinii hirmaanne. Dorgomtoota keessaa ja'affaarra turre. Ammallee gabaa keessa waan hin seenneef jedhamnee keessaa hambifamneerra,'' jechuun dorgommii hanga yoonaa hirmaata ibse Naa'ol.

Dorgommii Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) irratti hirmaachuun garee 159 hirmaate keessaa akka Baha Afriikaatti damee innooveeshinii jalatti tokkoffaa ba'uun bara kana ji'a Caamsaa keessa akka mo'atanis ibseera Naa'ol.

Gara Yuuniversitii Teeknikaa biyya Deenmaark, DTU, imaluun oomisha isaanii laaboraatooriitti ilaalaa, fooyyessaa ji'a tokkoof akka turanis hime.

''Amma waan hundaa xumurree gara oomisha guutuutti seenuuf jirra. WFP fi DTU irraa waraqaa beekamtii arganneerra. Amma kan hojjetaa jirru biyya keenya keessatti hojiin keenya seera qabeessa akka ta'u mirkaneessuurratti hojjechaa jirra.''

Nyaata madaalawaa gatii madaalawaan...

Buskutii barattoonni Yuuniversitii Finfinnee afur oomishan

Madda suuraa, The FABARELY PROJECT

Yeroo baayyee buskutiiwwan biyya keenyatti itti fayyadamnu kan alaa galaniidha kan jedhu barataa Naa'ol, ''nutimmoo midhaanuma biyya keenyatti oomishamu fayyadamnee kan alaa galu kan bakka bu'u oomishna,'' jedha.

Buskutiin alaa galu giddu galeessaan giraama 50-70 ta'uu kan himu Naa'ol, kansaanii ammoo giraama 150 ta'uu ibse.

''Ammaaf giraama 150'n hojjenne. Baay'inaan wayita hojjennu giraama dhibbatti xumuruuf karoorsineerra. Ijoolleen wayita nyaatan isaan quubsuu qaba. Fayya qabeessummaansaas mirkanaa'uu qaba.''

Xiyyeeffannaan keenya guddaan ijoollee ta'us, garuu namoonni rakkina nyaata madaalawaa qaban hunduu fayyadamuu danda'u jedha Naa'ol.

''Kan irratti xiyyeeffannu daa'imman umriinsaanii waggaa 4-14 gidduu jiruudha. Garuu namni fedhii qabu hunduu fayyadamuu danda'a. Namni gurgudaan, dubartii deessuun hunduu fayyadamuu danda'u. Nyaati kun kan sona nyaataa dabaluudha malee kan rakkoo fidu miti waan ta'eef hunduu fudhachuu danda'a.''

Xiyyeeffannaan keenya guddaan namni akka oomisha keenya bituu danda'u gochuudha kan jedhu barataa Naa'ol,''maallaqisaa akka kan warra kaanii yoo guddaa ta'e namni bitu hin jiru. Kanaaf akka namni bitachuu danda'utti haala mijeessine.''

''Meeshaalee dheedhii oomisha keenyaaf nu fayyadan-Baaqilaa fi Garbuu- biyyuma keenya keessaa gatii rakasaan arganna waan ta'eef oomisha keenyas gatii madaalawaan gurgurra.''

Namni hunduu, manneen barnootaa hunduu oomisha keenya bitatanii akka nyaata madaalawaa ijoollee sooran xiyeeffannaa isaanii olaanaa ta'uu barataa Naa'ol himeera.