Ashaboon addunyaarrattii waggaatti namoota miiliyoona 11 galaafata

Dubartii nyaata Chayinaa dambiliig jedhamu nyaachaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Nyaati keenyi miiliyoona 11 keenya waggaa waggaatti du'atti akka geessu qorannoon mul'iseera.

Qorannnon gadi fageenyaan adeemsifame nyaati keenyi guyyuu tamboo aarsuu caalaa balaafamaa yoo tahu, namoota shan keessaa tokko sababa kanaan ni du'a jedha.

Ashaboo- isa daabboo keessaa haa tahuu, ittoo kotoree yookiin immoo nyaatni warshaa keessatti qophaa'ee umurii namaa ni gabaabsu.

Qorattoonni qo'annoon kuni waa'ee furdina gara malee otoo hin taane waa'ee sirna nyaataa madaalawaa hin ta'in kan onnee midhuufi kaansarii fidu dha.

Kanaaf, nyaata kamtu dhibee nutti fida laata?

The Global Burden of Disease Studyn qorannoo gad-fagoo akkatti namoonni biyyooti addunyaa du'an qo'ata.

Qo'annoon dhiyeenya kana taasifameen amaleeffannaan sirna nyaataa hangama namoota akka du'atti geessu qorate.

Haalli nyaataa kanneen qaban balaa baatu:

  • Ashaboo gara malee- du'a namoota miiliyoona sadii
  • Sanyii biqilootaa xiqqoo nyaachuu- du'a miiliyoona sadii
  • Fuduraa xiqqoo soorachuu-du'a miiliyoona lama.

Ocholoonii, ija biqilaa, kuduraa,nyaata bishaan keessaafi nyaatawwan of keessaa qaccee qaban xiqqoo nyaachuun sababa guddaa namoota du'aaf kennaa jiru dha.

''Sirni nyaataa addunyaarratti waantota haala fayyaa namaa murteessan gurgudddoo keessaa tokko dha.'' jechuun daarikatarri Institiyuutii Fayyaa Waashingitoon piroofeesar Kiriistoofer Murraay BBCtti himan.

Akkamitti ajjeesaa jira?

Du'a namootaa miiliyoona 11 keessaa miiliyoonni 10 dhukkuba onneefi ujummoo dhiigaatTI dhufan kunimmoo ashaboon maaliif rakkoo akka tahe ibsa.

Ashaboon gara maleee dhiibbaa dhiiga waan dabaluf dhibee onneefi dhukkuba dhiigni sammuu keessatti dhangala'uu qaqqabsiisa.

Mosee waaddiifi qurxummii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ashaboon qurxummiifi mosee waaddii keessatti baayinaan faayidaarra oola

Firiin biqilootaa, fuduraafi kuduraa immoo faallaa kanaa onneefi ujummoo dhiigaa waan eeganiif dhukkuba onnee ni hir'isu.

Kaansariifi dhukkubni sukkaaraa taayip tuu jedhamamiis sababuma sirna nyaata keenyaan dhufanii dha.

Biyya kamtu sirna nyaataa gaarii qaba?

Biyyi kamiyyuu sirna nyaataa madalawaafi sirri tahe hin qabdu, nyaati fayyaalessa tahe iddoo tokkotti isa kaanirra baayyee jaaltama.

Ocholoniifi sanyii biqilootaa

Gabatee nyaataa biyyoota addunyaarraa hanqatee kan jiru ocholooniifi biqiloota sanyiin isaanii nyaatamu dha.

Namooti akka nyaata sirriitti isaanii hin fudhatan,haatahu malee sanyiiwwan kuni faatii nama hin miine of keessaa qabu.

Ocholoonii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Firii ocholoonii

Fooniifi sukkaaratu rakkoo fidun se'ee ture

Faatii baayyeefi sukkaara, foon diminaafi foon warshaatti oomishame nyaachuun kaansarii akka fiduu dhimma guyyuu mata duree tahu dha.

Piroofeesar Muraay, ''eeyyee jarreen kuni nama miidhu garuu hanga sanyii biqilootaa,kuduraafi fuduraafi ocholonii hanga xiqqoo nyaachuu miti'' jedhu

Dhugaatiiwwan gaazii qabanis fiixee addunyaa hundarratti ni dhugamu.

Warri qorannoo kana gaggeessan warri duula fayyaa gaggeessan waa'ee faatii sukkaaraa odeessuu dhiisanii nyaata fayyaaleessaa nyaachuu jajjabeessuu qabu jedhu.

Biyyooti Meeditaraaniyaanii kanneen akka Firaans,Ispeenfi Israa'el namoota sababa nyaata madaalawaa dhabuun du'an xiqqoo qabu.

Biyyooti kunneen akka Kibba bahaa, Kibbaafi Gidduugala Eshiyaa jiranimmoo faallaa dha.

Jaappaaniifi Chaayinaan hariiroon isaan ashaboo waliin qaban wal-faalleesaa dhufeera.

Chaayinaan gabatee nyaataashee keessatti ittoo ashaboo qabu baayyee fayyadamti.

Nyaati warshaa keessatti oomishame immoo babala'chaa dhufuun lakkoofsi du'aa akka daran dabalu taasiseera.

Piroofeesar Murraay:'' Jaappaan waggaa 30 fi 40 dura akka Chaayinaa har'aa turte'' har'ayyuu ashaboo baayyee fayyadamuu garuummoo baayyee hir'isaa jiru

Dabalataan immoo gabateen isaanii nyaata onnee dhukkubarra eegu baayyeen kan guutame dha.

Nyaata dambiliingii Sooyaa soosii Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ittoon Sooyaa ashaboo baayyee qaba

Maali malli?

Piroofeesar Murraay: '' Ulfaatinni hangam yoo taheyyuu kan murteessu nyaata madaalawaa nyaachuufi nyaachuu dhiisuu dha.''

''Waanti guddaan sanyii biqilootaa, kuduraafi fuduraa, sanyii ocholonii nyaachuu dabaluufi ashaboo hir'isuu dha jedhu.