Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joo Baayidan fi Uhuuruu Keeniyaataan wal argan, dhimma waraana Tigraay mari'atan
Pireezidantii Ameerikaa Joo Baayidaniif keessummaa angawa Afriikaa isa jalqabaa kan ta'an pireezidantiin Keeniyaa Uhuuruu Keniyaataa daawwii hojiif Ameerikaa jiru.
Pirezidaantotni biyyoota lamaanii dhimmoota waloo fi haala naannoo gaanfa Afriikaa irratti kan mari'atan yemmuu ta'u waraanni Kaaba Itoophiyaa isa tokkodha.
Ibsi masaraan mootummaa Ameerikaa /White House/ baase, "pireezidant Baayidan fi pireezidant Keniyaataan waldhabdeewwan Somaaliyaa fi Itoophiyaa keessaaf furmaatni karaa nagaa akka barbaachisu himaniiru" jedha.
Lola Kaaba Itoophiyaan walqabatee "dhiittaan mirga namoomaa, haleellaan sabummaa irratti xiyyeefate akkasumas danqaan garagaarsa namoomaa raawwatameera" kan jedhu bulchiinsi pireezidant Joo Baayidan, Itoophiyaa irratti qoqqobbii kaa'uuf ajaja dabarsuun yaadatama.
Torbee darbe biyyoota akka UK, Firaans, Jarmanii fi Gamtaa Awurooppaa waliin kan mari'atte Ameerikaan qoqqobbii diinagdee dabalatee maloota jiran hunda fayyadamuun waraanni Kaaba Itoophiyaa kun akka dhaabbatu gochuuf akka jirtu beeksiftee turte.
Ji'a kanatti pireezidantii Mana Maree Nageenyaa UN kan taate Keeniyaan, amma dura waraanni Tigraay dhimma keessoo mootummaa Itoophiyaati jechuun Raashiyaa fi Chaayinaa waliin Itoophiyaaf deeggarsa agarsiisaa turte.
Akkasumas pireezidant Uhuuruu Keniyaataa sirna hundeeffama mootummaa MM Abiy Ahimad haarawa irratti argamuun deeggarsa isaanii ibsaniiru.
Akka ibsi Waayit Haawus jedhutti Joo Baayidan fi Uhuuruun waraanni Itoophiyaa waggaa tokko ta'uuf deemu kun, karaa nagaan akka furamu akeekuu isaanii hima.Gama biraatin Joo Baayidan fi Keeniyaataan eegumsa dimokiraasii fi mirgoota namoomaa akkasumas dhimma nagaa fi tasgabbii naannoo gaanfa Afriikaa irrattis mari'ataniiru.
Talaallii Covid-19 waliin omishuufi weerara dhukkubichaa to'achuuf wal tumsuufis waliigalaniiru.
Baayidan talaallii 'Jonsan and Jonson' doozii miliyoona 17 Afrikaaf arjoomuuf waliigalaniiru.