Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Ameerikaan rakkoo namoomaa Kaaba Itoophiyaaf doolaara miiliyoona 26 ol arjoomte
Mootummaan Ameerikaa rakkoo namoomaa Kaaba Itoophiyaatti waraana gaggeeffamaa jiru hordofee dhalate wayyeessuuf, deeggarsa $miiliyoona 26 dabalataan arjoomuu beeksise.
Waraana Tigraay erga eegalamee ji'ootni 11 darban ilaalchisee mootummaan Ameerikaa waraanichi akka dhaabbatuufi mariin akka eegalamu irra deddeebiin gaafachaa jira.
Waraanni kun namoota miiliyoona 6-7 ta'an deeggarsa namoomaa akka eegan dirqisiisee, kumootni dhibba hedduun fiixee beelarra akka jiraatan sababa ta'eera.
Biyyoota dureeyyii Itoophiyaa gama adda addaan deeggaran keessaa adda duree kan taate US, erga waraanni kun eegalee $miiliyoona 663 ta'u arjoomuun deeggaruu waajirri Ministeera Haajaa Alaa Biyyattii ibsa Roobii darbe baaseen beeksiseera.
Deeggarsi kun namoota 900,000 fiixee beelaarra jiran dabalatee, Kaaba Itoophiyaatti lammiilee deeggarsa namoomaa eegan hanga miiliyoona torbaa ta'an; akkasumas namoota 48,000 gara Sudaanitti baqatan gargaaruuf oolas jedheera.
''Deeggarsi kun eeggannoo lubbuu baraaruu, tajaajila fayyaa bu'uuraa, nyaata yeroo balaa, tajaajila bishaaniifi qulqullinaaf oola'' jedha ibsi mootummaa Ameerikaa.
Maallaqni kun maatiiwwan sababa waraanaan gargar badan walqunnamsiisuufis akka oolu himameera.
''Gaaga'amni namoomaa Kaaba Itoophiyaa hammaachaa adeemuun akkuma nu yaaddessetti jira'' kan jedhu ibsichi, dhaabbilee gargaarsaaf ''ulaan danqaa hin qabne, nagaa qabeessa ta'ee atattamaan akka banamu,'' gaafateera.
''Furmaatni siyaasaa argamu malee rakkoo namoomaa mudate hammaachaa itti fufa'' jedha ibsichi.
Mootummaan Ameerikaa kan amma dura sarbama mirga namoomaa Tigraay keessatti raawwatameen walqabatee ajaajaa waraana Eertiraarra qoqqobbii kaahe, tibba kana qaamolee waraana Kaaba Itoophiyaa keessaa hiree qaban hundarratti qoqqobbii akka kaahu ibseera.
Rakkoo namoomaa Kaaba Itoophiyaa kanneen hammeessan irratti qoqqobbii xiyyeeffatu ta'uunis ibsameera.
Amma dura carraa gabaa US omishaalee biyyoota Sahaaraa gadiif bantee, AGOA, keessaa Itoophiyaa ittisuuf yaada qabaachuunis gabaafameera.
Mootummaan Itoophiyaa gama isaan ''faayidaa kamiifuu jecha birmadummaa biyyaa dabarsee akka hin laanne'' irra deddeebiin ibseera.
Mootummaan Ameerikaa loogiin rakkoo Kaaba Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee mootummaa Itoophiyaarra dhiibbaa hin malle gochaa jira jechuunis komata.
Ameerikaan deeggarsi namoomaa gootu kan itti fufu ta'uu yoo ibsitu, gama siyaasaan hariiroon mootummoota lamaanii yeroo kamuu caalaa laafaa deemaa akka jiru ta'iiwwan agarsiisan dabalaa jiru.
Ameerikaafi hawaasni idil-addunyaa mootummaan Itoophiyaa waadaa uummataa kabajee qaamolee mirga namoomaa sarban irratti qo'annoon idila addunyaafi biyya keessaa akka gaggeeffamuufi gaafatamummaan akka jiraatu hojii hojjetu dhiyeenyaan hordofaa jirus jedheera ibsi Waajira Haajaa Alaa US.