Paarkii biyyaalessaa Ameerikaatti shamarreen saree ishee oolchuuf ofii gubatte

Madda suuraa, NPS
Ameerikaa Paarkii Biyyaalessaa Yellowstone jedhamutti shamarreen saree ishee baraaruuf burqaa ho’ituu keessa seente miidhaan gubachuu jabaa tahe irra gahe.
Shamarree kana abbaanshee bishaanicha keessaa erga ishee baaseen booda gara hospitaala naannoo jiruu geeffamteetti.
Sareen dubartii ganna 20 kuni bishaan danfaa kanatti kan utaalte yoo tahu, boodarra lubbuunshee darbeera.
Qondaaloti waan mudate qorachaa jiru, balaan kunis isa dhiyeenya uumamedha jedhameera.
Tajaajilli Paarkii Biyyaalessaa US, dubaroon jiraattuu magaalaa Waashingtan taate konkolaataa ishee keessaa buutee sareeshee qabuuf faana bu’aa turte jedhe.
Iddoo burqaa ho’ituu Maiden's Grave Spring jedhamu seenuun saree baasuuf yeroo yaaltu gateettii isheefi miilasheerra ho’a gara maleen gubatteetti jedhe.
Abbaanshee erga ishee baaseen booda gara wiirtuu fayyaa bulchiinsa Idaho keessa argamutti geeffamteetti.
Paarkichi, ''saree sunis duuteetti,’’ jechuun ibsa baaseen himeera.
Paarkichi maqaa shamarree kanaa adda baasee himuu baatus, duulli qarshii walitti qabuu onlaayinii GoFundMe baasii wal’aansasheef tahu waliitti qabamaa jira, Laiha Slayton akka jedhamtus achumarratti eerameera.
Obboleettiin ishee fuula Instaagiraamii irratti miidhaa gubachuu sadarkaa lammaffaatu irra gahe, kunis bishaan ho’u keessa sakandii saddeet waan turteefi jechuun barreessiteetti.
''Kana jechuun abbaa keenyi saffisa ajaa’ibaan keessaa ishee baase jechuu dha,’’ jettii obboleettiin Kamilla Slayton jedhamtu. ‘’Baayyee carra-qabeettiidha, abbaan lubbuushee oolche,’’ jette.
Qondaalonni daawwattoonni yeroo burqituu ho’aa kana daawwatan akka of eeggataniifi bineeldota manaa fidanii dhufan akka to’atan irra deddeebiin himu.
Miidhaan jabaa akkasii paarkii Yellowstone’tti yoo mudatu kuni yeroo lammataafi.
Marsariitiin of eeggannoo Yellowstone miidhaa gubachuu burqaa ho’ituu kanatti mudateen namoonni 20 ol du’aniiru jedhe.
Iddoowwan uumamaa daawwataman keessaa iddoowwan burqaa ho’ituu qaban namoota baayyee miidhuufi ajjeesuun beekamu.

















