Qorichi Covid haaraa dhukkuba cimaa walakkaan hir’isa jedhame

Madda suuraa, Merck
Qorichi Koronaavaayiras wal'aanuuf yaaliirra ture dhukkuba cimaa yookaan du'a harka walakkaan akka hir'isu, bu'aan qorannoo kilinikaalaa mul'ise.
Kiniinaan molnupiravir jedhamu kun dhukkubsattoota dhiyeenya vaayirasichaan qabamaniif, guyyaatti al lama kennamaa ture.
Kaampaaniin US qoricha kana tolche Merck akka jedhetti, bu'aan qorannoo kanaa haalaan dassaa tahuusaatin, kanneen hordoffii taasisan qorannichi akka dhaabbatee hojiirra oolu gaafatan jedheera.
Torban lama dhufu keessatti Ameerikaa keessatti haala tasaa keessatti akka hoojiirra ooluuf heeyyama argachuuf akka jirus kaampaanichi hime.
Gorsaa olaanaa medikaalaa pireezidantii Ameerikaa Joo Baayidan kan tahan Dr Antonii Faawuchii, bu'aan argame kun ''oduu gaariidha,'' jedhan. Haatahu malee haga Bulchiinsi Nyaataafi Qorichaa biyyattii (FDA) ragaa dhiyaateef ilaalee raggaasisutti, ofeeggannoon akka godhamu dhaaman.
Wal'aansa jalqabaa
Qaamolee mootummaarraa heeyyama argannaan qorichi molnupiravir, qoricha farra-vaayirasii Covid-19 afaaniin fudhatamu isa jalqabaa taha.
Kiniinaan jalqaba dhibee influwenzaa wal'aanuuf tolchame kun, koodii jenetikii vaayirasichaa dogoggorsuun - akkanni qaama keessatti akka hin babal'anne dhorka.
Xiinxala dhukkubsattoota 775 irratti taasifameen:
- kanneen molnupiravir fudhatan keessaa %7.3 tahan dhukkuba cimaan hospitaala galaniiru
- walbira qabuuf - kanneen kiniinaan sobaa (placebo) kennameef %14.1 haalaan dhukkubsataniiru
- Garee qorichi molnupiravir kennameef keessaa kan lubbuun darbe hinjiru - tahus kanneen qoricha sobaa liqimsan keessaa saddeet boodarra Kovidiin du'aniiru.
Daataan qo'annoo kanaa kan maxxanfame oggaa tahu, garuu ogeeyyii damee keessa jiraniin (peer-review) hin sakatta'amne.
Talaalliiwwan Covid hedduun, qoree pirootinii vaairasichaan ala jiru irratti kan qiyyaafatan oggaa tahu; wal'aansi kun garuu inzaayimii vaayirasichi of baay'isuuf itti gargaaramu rukutuun irratti xiyyeeffata.
Kaampaaniin UK keessatti MSD jedhamuun beekamu Merck, wal'aansi kun gosoota vaayirasii gara fuulduraatti of jijjiiraa adeemaniifillee qorichi kun ni fayyada jedheera.















