Waraanni UK hanqina boba’aa furuuf buufataaleetti rabsuufi jedhe

Madda suuraa, PA Media
Waraanni UK rakkoo boba’aa biyyattii keessatti dhalateen Wiixata irraa qabee buufataalee boba’aa biyyattiitti boba’aa raabsuuf akka tahe beeksise
Miseensoti humna waraanaa biyyattii 200 tahan, deeggarsa yeroo, dhiibbaa buufataalee kunneen hir’isu kennu.
Ministeeronnis konkolaachistoonni konkolaataa boba’aa 300 biyya alaa jiranis hanga baatii Bitootessaatti UK keessa akka hojjetan godhama jedhan.
Torbee kana keessa hanqinni konkolaachistoota boba’aa marmaarsanii mudannaan namoonni boba’aa argachuudhaaf hiriiraa turan.
Ministeeronni namoonni hamma boba'aa bitanii akkuma durii isaanii yoo itti fufan boba’aan gahaa tahe jira jedhu. Dhiyeessiin boba’aa amma fooyya’aa waan jiruuf haallis tasgabbaa’aa jira jedhan.
Haa tahu malee kutaaleen biyyattii gariin akka malee dhiibbaan irra gaheera jedhan.
Gaafa Jimaataa gareen imalaa RAC jedhamu dhiyeessiin danqamuun hir’isaa dhufeera garuu iddoowwan tokko tokkotti ammallee rakkoon jira jedheera.
Waldaan Raabsitoota Boba’aa RAC buufataalee UK 8,300 keessaa 5,500 kan bakka bu’u yoo tahu miseensota isaafillee jijjiiramni xiqqoo mul’ateera jedheera.
Akka waldaan kuni jedhutti gatiin boba’aa tibbanaa waggaa saddeet keessatti isa guddaa dha. Kunis gatiin boba’aa jumlaa waan dabaleefi.












